Wongeela Maatewos 19
19
Yesus Waayee Fuudhaa Fi Heerumaa Barsiisuu Isaa
(Mar 10:1-12)
1Yesus kana dubbatee eega xumureen duubatti Galiila'aa ka'ee, laga Yoordaanosiitiin gamatti gara argamittuu gara arddii Yihuda'aa ni deeme. 2Ummanni baayi'een'llee ni horddofaniin, isaan keessaa'llee worra dhukkubisatan achumatti isaan ni fayyise.
3Yeroo sanitti Farisoonni gara isaa dhiyaatanii isa qormmaatu'uuf barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa sababa maali'iitiin akka isii hiikuun ni eeyyamamaaf?» jechu'uun, ni gaafataniin.
4Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Waaqinni jalqaba dhiiraa fi dubarttii taasisee akka isaan uume, isin hin dubbifinne moo? 5Dabalee'llee ‹waayee kanaan naminni haadhaa fi abbaa isaa dhiisee haadha worraa isaa woliin wolitti ni makama,#19:5 Wolitti ni makama:- Qaama tokko yookiin akka nama tokkoo ni ta'a lamaanuu qaama tokko ni ta'an,› 6kanaaf isaan ammaa achitti qaama tokko malee lamaa miti. Eegaa ka Waaqinni wolitti maraaree tokko taasise, naminni addaan hin fooyin.»
7 #
Mat 5:31. Farisoonni'llee, «Eegaa, Museen waayee maali'iitiif, ‹abbaan worraa haadha worraa isaatiif woraqaa ragaa hiikkamuu isi'ii muldhisuu kenneefii haa hiikuun!› jedha?» jedhaniin.
8Inni'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Museen haadha worraa keessan akka hiikitaniif ka isinii eeyyamame, onneen keessan jabaatee sababaa dhibiddoota ta'uu keessaniitiin, jalqaba garuu akkana hin turre. 9#Mat 5:32; 1Qor 7:10, 11.Ani garuu, ‹naminni tokko waayee sagaagalaatiin yoo ta'e malee, haadha worraa isaa hiikee, dubarttii bira'aa yoo fuudhe sagaagalee jira› isiniin jedha.»
10Barattoonni isaa'llee, «Haalli abbaa worraatii fi haadha worraa akkana eega ta'e, fuudhuu dhabuun waan woyyaa ta'e» jedhaniin.
11Yesus garuu akkana isaaniin jedhe, «Dandeettiin addaa worra isaanii kennameef malee, wonitti kun maraaf hin ta'u. 12Yakkatamoota #19:12 Yakkatamoota:- Namoota qaaminni isaanii ka saalaa irraa murame, yookiin namoota kaayyoo mataa isaanii ka qabaniif jecha, uduma qaama saalaa qaban wolqunnamittii saalaa hin raawwanne ta'anii ka dhalatan ni jiran, worri naminni irraa yakkate'llee ni jira, Mootummaa Sami'iitiif jedhanii worri mataa isaanii akka yakkatama'aa taasisan'llee ni jiran, kanaaf kana fudhachu'uuf ka barbaadu, haa fudhatu.»
Yesus Daa'imman Akka Eebbise
(Mar 10:13-16; Luq 18:15-17)
13Yeroo sanitti harka isaa isaan irra kaayee akka isaanii kadhatuuf, namoonni daai'mman gara Yesusii ni fidan, barattoonni isaa garuu namootatti ni baanatan. 14Yesus'llee, «Mootummaan Sami'ii akkana worra jiran kanaa waan taateef daai'mman dhiisa'aanii, gara kiyya haa dhufan, isaan hin dhooginaa» jedhe.
15Harka isaa'llee isaan irra eega kaayeen duubatti, bakka san dabrree ni lixe.
Qabeenna Arddi'iitii fi Mootummaa Waaqaa
(Mar 10:17-31; Luq 18:18-30)
16Guyyaa tokko naminni tokko gara Yesusii dhufee, «Yaa barsiisaa! Jireenna bara baraa argachu'uuf waan mishaa maal raawwachu'utu, narraa mala?» jechu'uun, ni gaafateen.
17Yesus'llee, «Waayee waan misha'aa maali'iif ana gaafatta? Mishaa ka ta'e Waaqa tokko qofa, gara jireennaa aseenu'uuf yoo barbaadde garuu, ajajoota raawwadhu!» jedheen.
18Namichi'llee, «Ajajoota kamiin?» jedheen.
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Hin ajjeesin, hin sagaagalin, hin hatin, dharaan ragaa hin bayin, 19Abbaa keetii fi haadhaa kee'llee kabaji, ollaa kee akka mataa keetii taasisiitii jaaladhu, ajajoota jedhan» jedheen.
20Dargaggeessi'llee «Ajajoota kanniin raawwadhee jira, ka bira'aa wonitti ana jalaa dhidhatu maali'i?» jedhe.
21Yesus'llee, «Muda maleessa ta'uuf yoo barbaadde deemiitii waan qabddu maraa gurguriitii qarshii hiyyeesotaaf kenni, sami'itti qabeenna ni argatta, koottuutii'llee ana horddof!» jedheen.
22Dargaggeessichi garuu qabeenna baayi'ee ni qaba waan tureef kana yeroo dhagayetti, gadda'aa ni deeme.
23Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, nama dureessi gara Mootummaa Sami'ii titti galuun isaa, haalaan ulffaata'a. 24Dabalee'llee isiniin ni jedha, naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseennu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrree salphaa ni ta'a.»
25Barattoonni isaa'llee kana yeroo dhagayanitti haalaan maalalffatan, «Eegaa, ennutuu fayyu'uuf dandda'a ree?» jedhan.
26Yesus gara isaanii laalee, «Wonitti kun namaaf waan hin danda'aminne, Waaqaaf garuu marrinuu ni dandda'amaaf» jedhe.
27Yeroo sanitti Phexiros, «Kunoo, nu'u waan maraa dhiifinnee si horddofinnee jirra, eegaa, wonitti argannu maal ta'inna?» jedhe.
28 #
Mat 25:31; Luq 22:30. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa teessoo isaa ka ulfinnaa irra yeroo taa'u arddii haarawatti, horddofittoota kiyya worri taatan isin'llee, teessoowwan kudha lamaan irra ni teettan, gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee ni murtteessitan. 29Waayee kiyyaaf jedhee manniin yookiin obboleeyyan, yookiin obboleettiiwwan yookiin abbaa yookiin haadha, yookiin ijoollee yookiin bakka qonnaa ka dhiise marrinuu, dachaa dhibbaan ni fudhata, jireenna bara baraa'llee ni argatta. 30#Mat 20:16; Luq 13:30.Garuu amma worra durssitoota ka ta'an baayi'eenwwan'llee worra duuba irraa ni ta'an, worri duuba irraa ka ta'an'llee, worra dursitootaa ni ta'an.»
Цяпер абрана:
Wongeela Maatewos 19: ArsiDNT
Пазнака
Падзяліцца
Капіяваць
Хочаце, каб вашыя адзнакі былі захаваны на ўсіх вашых прыладах? Зарэгіструйцеся або ўвайдзіце

: