1
Luqaas 6:38
Kakuu Haaraaka
Wa namaa kennaa, Waaqiilleen isanii kennaa; waan kiila dansaan gad miicaanii safaraanii sullee irraan dambala'aa harka keessanitti naqan. Homa isan namaa safartaniin isaniillee safaraan” jedhe.
Compare
Explore Luqaas 6:38
2
Luqaas 6:45
Namii dansaan dansooma garaa isaa keessaa waan dansaa baasa; namii hamaalleen hammeenna garaa isaa keessaa waan hamtuu baasa, wantii akkanatiif waan garaa jiraa arrabii dubbata” jedhe.
Explore Luqaas 6:45
3
Luqaas 6:35
Isan ammoo nyaapha keessan jaaladhaa; waan dansaa tolchaaf; liqeessaaf; ammoo homaa irraa hineegatinaa! Duuba waan guddoo argattanii, ilmaan Waaqaa guddaa taatanii, maaliif innii warra galata hinbeennee fi warra cubbooleellee in na'aaf.
Explore Luqaas 6:35
4
Luqaas 6:36
Akka Abbaan keessan ka gubbaa namaa na'u isaniilleen namaa na'aa!” jedhe.
Explore Luqaas 6:36
5
Luqaas 6:37
“Namaatti hinmurinaa, Waaqiilleen isanitti hinmuruu; wallaala namaatti hinmurinaa, Waaqiilleen wallaala isanitti hinmuruu; namaa araaramaa, Waaqiilleen isanii araaramaa.
Explore Luqaas 6:37
6
Luqaas 6:27-28
Yesus itti dabree, “Ammoo warrii na dhageettaan waan anin isanitti himuu, ‘nyaapha keessan jaaladhaa, nama isan jibbuu waan dansaa tolchaa’ isaniin jedha. Nama isan abaaruullee eebbisaa, ka isanitti jallateellee kadhadhaa!
Explore Luqaas 6:27-28
7
Luqaas 6:31
Akkuma akka namii waan dansaa isanii tolchu feetan, akkasuma namaallee waan dansaa tolchaa!
Explore Luqaas 6:31
8
Luqaas 6:29-30
Nama boqoo tokko si dhabanaasuu taallee dura qabadhuu; nama kootii tantee sirraa fudhatuu hubbaaraallee hindhowin! Nama wa si kadhatu cufaa kenni, ammallee nama wa sirraa fudhatu irra hinbarbaadin!
Explore Luqaas 6:29-30
9
Luqaas 6:43
Yesus barsiisa isaa itti dabree, “Mukii dansaan midhaan hamoo hinbaasu, yokaan mukii hamaan midhaan dansaa hinbaasu.
Explore Luqaas 6:43
10
Luqaas 6:44
Muka cufa midhaan isaatiin beekan; midhaan odaa waaccuu irraa hinguuran, yokaan midhaan zabiibuu makkaniisa irraa hinguuran.
Explore Luqaas 6:44
Home
Bible
Plans
Videos