1
Lewwota 26:12
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Ani isin gidduu jiraadhee Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu.
Compare
Explore Lewwota 26:12
2
Lewwota 26:4
ani yeroo isaatti bokkaa isiniifan kenna; lafti midhaan ishee, mukkeen dirrees ija isaanii ni kennu.
Explore Lewwota 26:4
3
Lewwota 26:3
“ ‘Yoo isin sirna koo duukaa buutanii ajajawwan koos eegdanii hojii irra oolchitan
Explore Lewwota 26:3
4
Lewwota 26:6
“ ‘Ani biyyattii keessa nagaa nan buusa; isin ni raftu; wanni tokko iyyuu isin hin sodaachisu. Biyyattii keessaa bineensota hamoo nan baasa; goraadeenis biyya keessan keessa hin darbu.
Explore Lewwota 26:6
5
Lewwota 26:9
“ ‘Ani fuula tolaadhaan gara keessan ilaalee akka isin hortanii baayʼattan nan godha; kakuu isin wajjin qabus nan jabeessa.
Explore Lewwota 26:9
6
Lewwota 26:13
Ani WAAQAYYO Waaqa keessan kan akka isin lammata garboota warra Gibxi hin taaneef biyya Gibxii baasee isin fidee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee akka isin mataa ol qabattanii deemtan godheera.
Explore Lewwota 26:13
7
Lewwota 26:11
Iddoo jireenya kootii isin gidduu nan godhadha; lubbuun koos isin hin balfitu.
Explore Lewwota 26:11
8
Lewwota 26:1
“ ‘Waaqota tolfamoo hin tolfatinaa; fakkii yookaan dhagaa waaqeffannaa hin dhaabbatinaa; fuula isaanii duratti sagaduuf jettaniis biyya keessan keessatti dhagaa soofame hin dhaabinaa. Ani WAAQAYYO Waaqa keessan.
Explore Lewwota 26:1
9
Lewwota 26:10
Isin midhaan bara darbee nyaachaa utuu inni gombisaa keessaa hin dhumin, midhaan haaraadhaaf iddoo qopheessuuf jettanii midhaan bara darbee sana gad baaftu.
Explore Lewwota 26:10
10
Lewwota 26:8
Isin nama shan taatanii nama dhibba tokko ariitu; dhibba tokko taatanii immoo kuma kudhan ariitu; diinonni keessan goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
Explore Lewwota 26:8
11
Lewwota 26:5
Midhaan dhaʼachuun keessan hamma yeroo ija wayinii cirattaniitti itti fufa; ija wayinii cirachuun keessan hamma yeroo facaasaatti ittuma fufa; isinis nyaata keessan hamma quuftanitti nyaattanii lafa keessan irra nagaadhaan jiraattu.
Explore Lewwota 26:5
12
Lewwota 26:7
Isin diinota keessan ni ariitu; isaan immoo goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
Explore Lewwota 26:7
13
Lewwota 26:2
“ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani WAAQAYYO.
Explore Lewwota 26:2
Home
Bible
Plans
Videos