YouVersion Logo
Search Icon

Huji Ergattu 7

7
1Jennaani Qaallichi Guddaani, Dubbini tunini d'uga? jed'e gaafate. 2#Uum 12.1Stefanoni waan worraani jed'e, Oboleyaanifi abbooti tiyya, me ch'aqasa! Waaqi Guddaani abba keenna Abrahamuti mullate, gaafa inni Mesopotamia keesa tau, ato inni lafa Haraniti ingodaaniini. 3Inni waan jed'eeni, Lafa tantetiifi worra kankele keesaa godaani, lafa anini sii agarsiisuti qubad'i. 4#Uum 12.1Jennaani inni lafa Kaldayo keesaa bahe lafa Harani qubate. Eegi abbaani isaa due, inni lafa tana ta isani amma keesa tetaniti qubate. 5#Uum 12.7; 13.15; 15.1; 17.8Waaqi lafa suni gaafasi ejata tokole isaa inkennine, ammo Anini siifi d'aloota kanke ka hegeri d'ufuu kenna jed'e iti kakhate ato inni ijoolle ind'alfatini. 6#Uum 15.13-14 Waaqi waan jed'eeni, D'alooti kanke lafa nyaapaa keesa taa, achiti worra boojiani haga ganna d'ibba afuri worra gaargalchani. 7#Bah 3.12 Ammo, anini gosa suni ta worra gaargalchitu wollaala iti mure balleesa jed'e, duuba eegi suni lafa suni keesaa bahani lafa tana keesati na guddisani jed'e. 8#Uum 17.10-14; 21.2-4; 25.26; 29.31—35.18 Duuba Waaqi aada wold'aqisa ta qabanqaba Abrahamuti kenne. Tanaafi eegi torbaani toko Abrahamuuni Isaaqo qabanqaba qabe; Isaaqoni Yakobo qabanqaba qabe, Yakoboleeni ilmaani isaa kud'ani lamaani qabanqaba qabe, ta gochiti teenna iraa horte.
9 # Uum 37.11,28; 39.2,21 Ilmaani suni Yusufu d'iibifate, aka inni tisse tahu lafa Misiriti gurgurte. Ammo Waaqi isa woliini tae, 10#Uum 41.39-41 gaargala isaa ch'ufa nagayaani keesaa baase. Yusufuni Farao hayyu Misiri dura d'umnaani, Waaqi adaba dansaafi qalbi kenneefi. Faraoni Yusufu lafa Misiritiifi worra isaaleti jaallaba tolche. 11#Uum 42.1-2 Eegi suni beelafi gaargali guddaani lafa Misiritiifi ta Kanaani d'ufe ababooti teennaleeni sagale d'abde. 12Ammo Yakoboni aka mid'aani lafa Misiri keesa jirani d'ageennaani ijoolle isa, ababoota teenna, lafa suniti erge, tuni imaltu worraa ta qarati. 13#Uum 45.1,16 Imaltu lameeso keesa, Yusufuni oboleyaani ufii ufi beesise, Faraoleeni worra Yusufu fuula barate. 14#Uum 45.9-10,17-18; 46.27 Jennaani Yusufuni nama erge, abba ufi Yakobofi fiit'a ufii ch'ufa, nama haga torbaatami shani yaame. 15Jennaani Yakobofi ilmaani isaa lafa Misiri d'at'e achiti raawate. 16#Uum 23.3-16; 33.19; 50.7-13; Yos 24.32 Haga lafa Shekemu worra baatani achiti worra awaalani, awaala Abrahamuuni jaarole Hamori ta Shekemu ira bitate keesa.
17 # Bah 1.7-8 Ammo guyyaani Waaqi Abrahamuti kakhate d'iaannaani, nami keenna lafa Misiri keesati heddate. 18Eegi suni hayyuuni d'ibiini ka Yusufu imbeenne lafa Misiri fide. 19#Bah 1.10-11,22Inni gosa teenna sobe, ababoota teenna gaargalche, ijoolle didiqo alati gata ha hobaatu jed'e. 20#Bah 2.2 Bara suni Musani d'alate, inni guddo mid'aaga, haga jia sadi mana abba ufi keesati d'ossaani guddate. 21#Bah 2.3-10 Alati isa gannaani, intalti Farao fud'atte aka ilme ufii isa guddifte. 22Musani barsiisa gosa Misiri ch'ufa barate, dubbifi huji keesa nama gudda tahe.
23 # Bah 2.11-15 Ganni isaa afurtama geennaani, inni oboleyaani ufii, ta gosa Israeli, guddo argu fed'e. 24Oboleesa gosa isaa toko ka d'aanani arginaani inni isa qarqaare, haalo baaseefi, nama Misiri kaani d'ae ijeese. 25Wonti akanatiifi inni waan gochiti isaa aka Waaqi harka isatiini nyaapa worraa duraa baasu beetu sehe; ammo worri imbeenne. 26Boriyya ato worri woldidu, inni ufi agarsiise, wolti araarsu fed'e waan jed'eeni, D'iiro, isani oboleyaani, maafi woldiddani? 27Ammo namichi fulla injirre kaani waan isaani jed'e, Eenuti hayyufi jaallaba keenna si tolche? 28Aka nama Misiri kaani ijeefte nale ijeesu feeta? 29#Bah 18.3-4Dubbi tana d'ageennaani Musani baqate, lafa Midiani jed'ani keesa tae, achiti ilmaani lama d'ale.
30 # Bah 3.1-10 Eegi ganna afurtama, diida gaara Sinai keesati, malaikaani Aabbo Musati mullatte, gurbi bobeetu toko keesa. 31Musani arginaani guddo mame. Inni iti d'iaate aka ilaalu, ammo qonqooni Aabbo isati d'ufte waan isaani jette. 32Anini Waaqa ababoota teetiti, Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqoti ka Yakoboti. Jennaani Musani ilaalu sodaate holate. 33Aabbooni waan isaani jed'e, Kopele yaafad'u, fullaani atini ejitu tunini fulla qulqullo. 34Anini gaargala jara kiyya, ka lafa Misiri keesa jiru, yayu arge, aka worri nati waakhu d'agaye baasu d'ufe. Amma kooti, anini lafa Misiriti sii erga.
35 # Bah 2.14 Namichi gumiini Israeli didde Musa. Worri waan jed'eeni, Eenuti gudda keennafi jaallaba si tolche? Nami Waaqi aka inni gudda gumi suni tahe, qarqaarsa malaika gurbi bobeetu keesa isati mullateni worraa baase isuma; 36#Bah 7.5; 14.21; Hen 14.33 inni waan mamatiifi akheekha lafa Misiri keesati fulla galaana Shamutiifi ammalle ganna afurtama lafa gamooji keesaleti tolche, akasiini worra baase. 37#Qab-Ser 8.15,18Namichi gumi Israelitiini, Waaqi isanuma keesa raaga aka kiyya isanii erga jed'e Musa. 38#Bah 19.1—20.17; Qab-Ser 5.1-33 Inni sunuma ka gaafa gumiini Israeli lafa alo keesa jiruti malaika woliini gumi suni keesa jiru. Inni ababoota teennale woliini jira gaafa malaikaani gaara Sinai gubbati isani dubbate, ammalle isumati dubbi Waaqa ta jireenna nu barsiise. 39Ammo ababooti teenna dubbi isa ch'aqasu didde isa lakifte lafa Misiriti d'araate iti dachau feete. 40#Bah 32.1 Tanaafi worri waan Haruniini jed'e, Waaqoota nu dura yaatu nuu mid'aasi namichi Musa jed'ani ka lafa Misiri keesa nuuni d'ufe kaani gara inni jiru imbeennu. 41#Bah 32.2-6 Duuba artuma worri korma worqi mid'aase, sorio baaseefi waan harki worraa mid'aase suni jila tolche. 42#Amo 5.25-27 Duuba akasiini Waaqi worra yaala bahe, aka worri urji gubbaa kad'atu iti lakise, akuma kitaaba raagoota keesati t'aafani,
Gosa Israeli, isani ganna afurtama
lafa aloo keesati sorio naa inqalle.
43Waaro waaqa Moloki jed'ani baatani,
ammalle fakeenna urji waaqa keesani ka Refani jed'ani;
wonti isani kad'attani suni waan harkaani boch'ani.
Tanaafi anini lafa Babiloni mogaani isani baasa.
44 # Bah 25.9,40 Ababooti teenna gaafa lafa aloo keesa jirtu, Waaro Woyyuma qabdi, ta aka Waaqi Musati hime gula mid'aasani. 45#Yos 3.14-17 Ababooti teenna ta eegi suni d'alate gaafa Yoshua woliini yaate lafa gosa Waaqi fulla ababoota teenna duraa gusse fud'ate, Waaro sunini d'ufte. Waarooni suni haga bara Daudi achi teete. 46#2 Sam 7.1-16; 1 Od-dur 17.1-14 Inni Waaqa durati eeba argate, ammalle Waaqa kad'ate waan jed'eeni, Aka anini Mana Waaqa Yakoboti ijaaru na tolchi jed'e. 47#1 Hay 6.1-38; 2 Od-dur 3.1-17 Ammo nami mana isaa ijaare Solomoni.
48Tatule Waaqi guddaani mana harkaani mid'aasani keesa intau; aka raagi toko jed'u,
49 # Isa 66.1-2 Aabbooni waan jed'u, Gubbaani barch'uma kiyya,
laftileeni fulla anini miila kiyya d'aabad'u.
Isani mana akami na ijaartani?
Yokhaani fulla tami ta anini boqad'u?
50Harka kiyyati waan kana ch'ufa mid'aaseeniti?
51 # Isa 63.10 Isani guddo mata jabaattani, garaani keesani ind'ugefatu! Gurri keesani dubbi Waaqa ind'agayu! Guyya ch'ufa Lubbu Qulqullo diddani; aka ababooti teesani tolchite, isanileeni akasuma tolchitani. 52Raaga kami ka ababooti teesani ingaargalchiini? Ammalle worri ergattu Waaqa, ta d'ufiisa Nama d'uga himu d'ufte, ijeese. Isanileeni ammatana isa gurgurtani ijeeftani. 53Isani seera Waaqi malaika ufitiini isanii erge argattani, ammo guutu diddani!
Duisa Stefano
54Waan kana d'ageennaani, garaani worra gubate ch'ininnatani. 55Ammo Stefanoni Lubbu Qulqullooni guutamnaani, gara gubba sonaani olilaale, guddinna Waaqa arge, Yeso harka mirgicha ka Waaqa oleju arge 56waan jed'e, Me ilaala, anini gubba banamtu arga, Ilma Nama harka mirgicha Waaqa oleju arga. 57Jennaani qonqo olfud'atani ch'aarani, gurra ch'uqaalatani, isati oriani, 58dira keesaa baasani, d'akhaani had'ani. Worri waan kana arge woya ufi fulla namicha kaima toko ka Saulo jed'ani naqani. 59D'akhaani Stefano had'uma had'ani, ato inni Waaqa yaamate, Aabbo Yeso, lubbu tiyya fud'ad'u jed'u. 60Jennaani inni jilbifate qonqo olfud'ate waan jed'e, Aabbo, ch'ubbu tana worrati inheregiini. Eegi waan kana jed'e due.

Currently Selected:

Huji Ergattu 7: BOR

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in