Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 17
17
Namoota Guffachiisuu Irraa Uf Eeggachuu
(Mat. 18:6-7, 21-22; Mar. 9:42)
1Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haata'uu ammoo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas! 2Worra didiqqaa kanniin keessaa tokko gufachiisu'uu mannaa dhagaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee galaanatti gatamuu isaa woyya. 3#Mat. 18:15 Maarre isin uf eeggadhaa'a; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessii gorsi yoo gaabbee cubbuu ufii irraa deebi'e dhiifama godhiif. 4Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.»
5 #
Mar. 9:24
Ergamoonnillee Goofta'aan, «Amantaa nuu eda'i» jedhaniin. 6#Mat. 17:20; 21:21 Gooftaanillee akkana isaaniin jedhe, «Amantaa diqqoo haga gumaa sanaaficii geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbami› yoo jettan silaa isinii ajajama.»
Waan Hojjataa Tokko Irraa Eeggamu
7«Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookiin ka horii tissu qaba haa jennuu. Inni hennaa qonnaa deebi'u, ‹Koottuu as taa'ii hurbaata nyaadhu!› eentu jedhaan? 8Garbicha saniin, ‹Nyaata naaf qopheessi, haga ani nyaadhee dhugee ka'utti marxifadhuu na tajaajili achiin maayessa atillee hin nyaattaa hin dhuddaa› jedhaanii mii? 9Garbichi sun ajaja kana waan godheef hin jajataanii? 10Maarre isinillee akkasuma waan ajajamtan maraa hennaa gootan, ‹Nu garboota bu'aa hin qabne; woma hojjachuu nu barbaachisu hojjanne› jedhaa'a!» isaaniin jedhe.
Yesuus Namoota Kudhanii Fayyise
11 #
9:51; 13:22 Yesuus gara Yeruusaaleemii hennaa deemu, Galiila'aa fi Samaariyaa jidduu lufe. 12#Seera Leewwotaa 13:46 Hennaa inni gara ganda tokkoo seene, namoonni kudhanii ka dhibee gogaa kukkutuun qabaman Yesuusiin wolitti dhufan. 13Laagaa isaanii ol qabatanii, yabo'oo, «Gooftaa Yesuus nu maari!» jedhaniin. 14#5:14; Seera Leewwotaa 14:1-32 Yesuus hennaa isaan arge, «Dhaqa'aatii gadootatti uf mudhisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee achi uduu dhaqa'aaran fayyan. 15Isaan keessaa tokko akka fayye hennaa arge, laagaa guddaa'an Rabbiin galateeffata'aa deebi'ee dhufee, 16Kallacha isaatiin luka Yesuusii irratti kufee isa galateeffate. Inni sun nama Samaariya'aati. 17Yesuus akkana jedhee gaafate, «Namoonni kudhanuu dhibee gogaa kukkutu irraa qulqullaayaniiranii mii? namoonni sagalii meeti ree? 18Nama Yihuudii ka hin taane ka gosa addaa kana malee Rabbiin galateeffatu'uuf ka deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe. 19#7:50; 18:42 Innillee isaan, «Amantaan kee si fayyiseera; ka'ii deemi» jedheen.
Dhufa Jeennataa
(Mat. 24:23-28, 37-41)
20 #
Yoh. 3:3; 18:36 Fariisonnillee jeennanni Rabbii yoom dhufti jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu. 21#17:23; 19:11; Hu. Er. 1:6 Eennullee, ‹Ila, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababaanillee jeennanni Rabbii isin jidduu jirti» jedhe. 22Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa, isin garuu hin argitan. 23#17:21; 21:8; Mar. 13:21 Isaanillee, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› isiniin jedhan. Isin ammoo hin dhaqinaa'a; faanallee hin deeminaa'a! 24Akkuma hangaasuun sami'ii gaditti falaqqisee biyya tokkoo haga biyya biraatitti ifuutitti, Ilmi namaa guyyaa sanitti akkasuma ta'a. 25#9:22; 18:32-33; Mat. 16:21; Mar. 8:31 Inni ammoo duraan dursee akka malee rakkatee dhaloota kanaan tuffatamuu barbaachisa. 26#Seera Uumamaa 6:5-8 «Akkuma bara Nohii ta'e san bara Ilma namaallee ammoo akkasuma ta'a. 27#Seera Uumamaa 7:6-24 Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse. 28#Seera Uumamaa 18:20-21; 19:1-14 Akkuma bara Looxii ta'e nyaataa, dhugaa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan. 29#Seera Uumamaa 19:15-29 Gaafa Looxi Soodoomii baye ammoo samii irraa ibiddi dhaka'aa ka bobayutu roobee isaan maraa balleesse. 30Guyyaa Ilmi Namaa dhufullee akkasuma ta'a.
31 #
21:21; Mat. 24:17-18; Mar. 13:15-16 «Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a isaa ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in. 32#Seera Uumamaa 19:26 Haadha manaa Looxii qaabadhaa'a! 33#9:24; Mat. 10:39; 16:25; Mar. 8:35; Yoh. 12:25 Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni lubbuu ufii balleessu maruu hin oolfata. 34Ani isinitti himaa halkan san namoonni lamaan itillee takkattii irra rafan; isaan keessaa tokkochi hin fudhatama, ka lammaffa'aa ammoo hin hafa. 35Dubartoonni lamaan bakka tokkotti midhaan daakan takkattiin hin fudhatamti, ta lammaffa'aa ammoo hin hafti. 36[Namoonni lamaa qonna keessa taa'an, tokko hin fudhatama, ka lammaffa'aa ammoo hin hafa]» 37#Kitaaba Iyyoobii 39:30 Isaanillee deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Innillee, «Bakka randhi jirutti rumichi wolgaya» jedhee isaanii deebise.
Currently Selected:
Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 17: WLNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

: