Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 21
21
Kennaa haadha Hiyyeessaa
(Mar. 12:41-44)
1Yesuus gara kenna'aa midhatee, dureeyyiin hennaa meeshaa buusi'ii keessa buusan arge. 2Dubartiin hiyyeettiin takka saantibii lamaa hennaa achi buuftu argeeti. 3«Ani dhugamaan isiniin jedha. Dubartiin hiyyeettiin tun ka maraa caalu kennite. 4#Qor. 2ffaa 8:12 Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammoo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe. 5Namoonni garii gariin, «Manni woyyu'uu kun attamitti barreeda? dhagaa babareeda'aa fi kennaa Rabbiif kennameen midhaaffame» jedha'aa qaaqa'aa turan. 6#19:44 «Dhagaan isin argitan kun maruu dhagaan tokko dhagaa tokko irratti uduu hin hafin barri jigu hin dhufa» jedhe.
Malkata Bara Dhumaa
(Mat. 24:3-14; Mar. 13:3-14)
7Isaanillee, «Barsiisaa'a, eegasuu wonti kun yoom ta'a? Kunillee ta'uuf malkanni maali?» Jedhanii isa gaafatan. 8Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos, barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a! 9Lolaa fi wonta nama naasisu hennaa dhageettani, hin nayinaa'a. Wonti akkasii sun duraan dursee waan ta'uuf. Haata'uu ammoo dhumti baraa yoma san hin ta'u.» 10#Isaayyaasii Raatticha 19:2; Seenaa 2ffaa 15:6 Hennaa san akkana isaaniin jedhe. «Gosti gosa irratti; mootummaan mootumma irratti hin ka'a. 11Raafamni lafaa guddaaniif, beelli, dhibeen hulee adda addaatitti hin ta'a. Wonti nama sodaachisu malkanni guddaanillee samii irraa hin mudhata. 12#12:11; Mat. 10:18; Yoh. 15:20; Hu. Er. 12:1 Kana maraan duratti isin qaban, isin ari'an, waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti isin dabarsan afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan. 13Kunillee raga'aaf isinii ta'a. 14#12:11-12; Mat. 10:19; Hu. Er. 6:10; Efe. 6:19 Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbitti qabadhaa'a. 15Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna. 16#Mat. 10:21-22 Haawwoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoonniinii fi jaalalloon dabarsanii isin kennan. Isin keessaa gari garii hin ajjeesan. 17Bakka marattu maqaa kiyyaaf worra jibbamu taatan. 18#12:7; Mat. 10:30 Haata'uu ammoo mataa keessan irraa rifeensi tokkollee hin buqqa'u. 19Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.»
Yesuus Waan Diiggamuu Yeruusaaleemii Dubbate
(Mat. 24:15-21; Mar. 13:14-19)
20Isin yoo «Yeruusaaleem loltootaan marfamtee argitan hennaa san badiin isi'ii akka dhiyaate beekaa'a. 21#17:31 Hennaa san worri Yihuudaa jiru gara gaaraa haa dheessanii; worri qachaa keessa jiru isii keessaa haa bayanii. Worri baadiyaa jiranillee isii keessa akka hin seenne. 22#Seera Keessa deebi'ii 32:35; Hoosee Raatticha 9:7 Wonti barreeffame maruu akka raawwatamuuf kun hennaa haluu bayu'uu waan ta'eef, 23#Qor. 1ffaa 7:26 Hennaa san dubartoota ulfaatii fi haawwota harma hoosisanii hobbaasi. Rakkoon guddaan biyya lafaatii fi gumii irratti waan ta'uuf. 24#Seera Keessa deebi'ii 28:64; Isaayyaasii Raatticha 63:18; Kitaaba Faarfanna'aa 79:1; Rom. 11:25 Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan ammoo marti isaaniituu hin booji'aman; worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaaleem ta namoonni Yihuudota hin taanee irra deddeemu taati.»
Deebi'ee Dhufuu Ilma Namaa
(Mat. 24:29-31; Mar. 13:24-27)
25 #
Isaayyaasii Raatticha 13:10; Hisqeelii Raatticha 32:7; Iyyu'eelii Raatticha 2:31; Mudh. Yoh. 6:12-13; Kitaaba Faarfanna'aa 65:7 Aduu, ji'aa fi Urjii irratti, «Malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aati dhidhiphatan. 26Namoonnillee waan adunyaa irratti dhufu sodaatanii eegu'uun dadhaban. Waan hundeen sami'ii raafamtuuf. 27#Daani'eelii Raatticha 7:13; Mat. 26:64; Mudh. Yoh. 1:7 Hennaa san Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumessaan hennaa dhufu hin arganiin. 28#Rom. 13:11 Hennaa wonti kun ta'u jalqabu sababaa fayyinni keessan dhiyaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadhaa'a» jedhe.
Mammaaka Waan Muka Hurbu'uu
(Mat. 24:32-35; Mar. 13:28-31)
29Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime, Muka hurbu'uutii fi mukkiin maraa yoo bayan argaa'a. 30Hennaa munni kunniin baala baafachuu jalqabani laala'aati, bonni akka dhiyaate yoo san hin beettan. 31Akkasuma Hennaa isin kun maruu ta'u yoo argitan jeennanni Rabbii akka dhiyaatte beekaa'a. 32Ani dhugamaan isiniin jedha, kun maruu haga ta'uuf dhaloonni kun hin lufu. 33#16:17 Ardi'ii fi samiin hin lufan dubbiin kiyya ammoo hin lufu.
Dammaqa'aa Uf Eeggadhaa'a
34 #
Isaayyaasii Raatticha 5:11-13; Mat. 24:48-50; Mar. 4:19; Luq. 17:27; Tas. 1ffaa 5:3 Haata'uu ammoo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a! 35#Isaayyaasii Raatticha 24:17 Guyyaan sun worra lafa irra jiran marattuu waan dhufuuf. 36#Mat. 26:41; Mar. 13:33; Phex. 2ffaa 3:11-13; Yoh. 1ffaa 2:28 Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa faateffadhaa'a!»
37Yesuus guyyaa guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Halkan ammoo gara gaara ejersa jedhamu gubbaa bayee bula'aa ture. 38Gumiin maruu isa irraa dhagayu'uuf obboro'oon gara Mana Woyyu'uu dhaqa'aa turan.
Currently Selected:
Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 21: WLNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

: