Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 24
24
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mat. 28:1-10; Mar. 16:1-8; Yoh. 20:1-10)
1Guyyaa Sambata gudda'aa isaan keessaa namoonni gariin urgoo qabataniiti isaan woliin obboro'oon gara awwaalaa dhaqan. 2Dhagaan awwaalaan cufame ka gangalfameeru argan. 3Hennaa boolla awwaalaa keessa seenan reeffa Gooftaa Yesuusii hin argine. 4#Hu. Er. 1:10 Isaan waan kana uduu mama'aaran namoonni lamaan uffata calalaqu uffatanii isaan bira dhaabatan. 5#2:9 Dubartoonni sunniinillee sodaatanii uduu ijaan lafa laala'aaran akkana isaaniin jedhan, «Maaf jiraataa worra du'e keessaa soxxan? 6-7#9:22; 17:25; 18:31-33; Mat. 16:21; 17:22-23; 20:18-19; Mar. 8:31; 9:31; 10:33-34 Inni asi hin jiru, ka'eera. ‹Ilmi Namaa harka cubbamootaatitti dabarfamee kennamu'uuf, fannifamee, guyyaa saddaffa'aatitti du'aa ka'uun dirqama› jedha'aa ka inni hennaa Galiilaa jiru isinitti dubbate qaabadhaa'a!» 8-9#Yoh. 2:22 Dubartoonnillee hennaa san waan inni dubbate yaadataniiti hulee awwaalaatii deebi'anii kana maraa kudha tokkoo isaaniitiif worra kaawwan marattuu himan. 10#8:2-3 Worri waan kana ergamtootatti himani, Maariyaamii qachaa Magidala'aa, Yohaanaa, haadha Yaaqoobii Maariyaam, dubartoonni biraallee isaan woliin jiran. 11Isaanillee dubbiin kun waan suuraa isaanitti fakkaateef isaan hin amanne. 12Pheexroos ammoo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gadi jedhee yoo laalu uffata fuuttaa irraa hojjatame qofa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e.
Deemsa Karaa Emaahuusii
(Mar. 16:12-13)
13Guyyaa san isaan keessaa namoonni lamaan Yeruusaaleemiin irraa kilo meetira kudha lama fagaatu gara ganda Emaahuus jedhamtuu deeman. 14Isaanillee waan ta'e kanniin maraa woliin qaaqa'aa turan. 15#Mat. 18:20; Mar. 16:12 Uduma isaan waan san qaaqa'aa qorata'aa deeman, Yesuus isaanitti dhufee isaan woliin deeme. 16Isaan ammoo akka isa hin beenne ijji isaanii qabamee ture. 17#Yoh. 16:20 Innillee gadda'aa wonti woliin qaaqa'aa deemtan kunniin maali'i? Isaaniin jedhe. 18Namni Qalayoophaa jedhamu tokko ammoo deebisee, «Ati Yeruusaalemitti hojja kee keessummaa taatee jiraattaa? Guyyoota kanniin waan achitti ta'e hin beettuu?» jedheen. 19#7:16; Mat. 21:11; Hu. Er. 2:22 Innillee, «Maal inni?» jedhee gaafate. Isaannillee akkana jedhaniin, «Waan Yesuusii nama Naazireetii, ka huji'ii fi dubbi'iin Rabbii fi gumii maraa biratti raagaa jabaa, 20Isa bulchoonni gadootaatii fi worri loltoota ajaju keenniin murtii du'aatitti attamitti dabarsanii akka isa kennanii fi fannisan. 21#1:68; 2:38; Hu. Er. 1:6 Nu ammoo namni Isiraa'eeliin fayyisu isa jennee abdannee turre. Wonti kun maruu haga ta'e adha guyyaa saddaffa'aati. 22#24:1-11; Mat. 28:1-8; Mar. 16:1-8 Wonti biraa ammoo ka nu maalalchiise dubartoonni gariin nu keessaa hulee awwaalaa dhaqanii, 23Haga reeffa isaa achii dhaban dhufanii, hennaa maleekkonni, ‹Inni jiraata'a› jedhanii dubbatan mudhataan argine jedhan.
24 #
Yoh. 20:3-8
«Worri nu woliin turanillee gara awwaalaa dhaqanii akka wonti sun akkuma isaan nutti odeessan ta'e argan; isa ammoo hin argine» 25#24:44; Mar. 16:14 Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin bada worra hin hubannee fi worra waan raattonni dubbatan maratti ka qalbiin keessan hin amanne, 26#9:22; 17:25; Mat. 16:21; Mar. 8:31; Yoh. 7:30; Hu. Er. 3:13; 17:3 Kiristoos rakkoon irra gayee ulfinnatti seenuun isa hin barbaachisuu ree?» isaaniin jedhe. 27#Seera Keessa deebi'ii 18:15; Kitaaba Faarfanna'aa 22:1-18; Isaayyaasii Raatticha 53; Hu. Er. 8:31-35 Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike. 28Gara ganda dhaqa'aaranii dhiyaatanii isaanillee waan inni fagoo deemu isaanitti fakkaate. 29Isaan, «Waan lafti galgalaayee dukkanaayeeruuf nu bira buli» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Innillee isaan bira bulu'uuf seene. 30#22:19 Uduu isaan woliin hurbaata'aaf taa'eeru xoroshoo ol fuudhee eebbisee caccabsee isaaniif kenne. 31#Mootota 2ffaa 6:17 Ijji isaaniillee hin baname, isaanillee hin beekaniin. Inni ammoo ija isaanii afo'oo miliqe. 32Isaanillee, «Hennaa inni kara'atti nu woliin dubbataa turee fi hennaa inni kitaabban nu barsiisaa ture garaan keenna nu kakka'ee nu raafama'aa hin turree?» woliin jedhan. 33-34Sa'aatima sanitti ka'anii gara Yeruusaaleemii deebi'an; darasoonni kudha tokkoo fi isaan woliin worra turaniinillee, «Dhugamaan Gooftaan du'aa ka'eera, Simoonittillee mudhateera» jedha'aa turan. Hulee tokkotti ka wolgayaniiran isaan argan. 35Isaanillee waan karaa irratti ta'e haga Xoroshoollee cabsee akkamitti akka isa beekan isaanitti odeessan.
Yesuus Darasoota Ufiititti Mudhate
(Mat. 28:16-20; Mar. 16:14-18; Yoh. 20:19-23; Hu. Er. 1:6-8)
36 #
Qor. 1ffaa 15:5
Uduu isaan kana dubbataa jiran, Yesuus edduu isaanii dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. 37#Mat. 14:26 Isaan ammoo waan ekeraa argan seeyanii nayanii sodaatan. 38Inni ammoo, «Maaf naatan? Maaf mamiin garaa keessan keessatti uumame? 39#Yoh. 1ffaa 1:1 Akka ana ta'e akka beettan mee harka kiyyaa fi luka kiyya qaqqaba'aa laalaa'a; ekeraan#24:39ekeraan: saahirri foonii fi lafee hin qabu, Ani ammo hin qaba.» 40Innillee kana jedhee harka ufiitii fi luka ufii isaanitti mudhise. 41#Yoh. 21:5 Isaanillee guddisanii waan gammadaniif amanuu dadhabanii maalala'aa uduu jiran, waan nyaatan asii waa qabduu? isaaniin jedhe. 42#Yoh. 21:9-10 Isaanillee qurxummii woddame irraa kutanii nadhii dammaallee kennaniif. 43#Hu. Er. 10:41 Inni fudhatee afoo isaaniititti nyaate.
44 #
18:31; 24:27 Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe. 45Hennaa san kitaabban akka hubatan sammuu isaanii bane. 46#Hoosee Raatticha 6:2; Hu. Er. 17:3 Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa saddaffa'aa du'aa hin ka'a. 47#Mat. 24:14; Hu. Er. 17:30; Xim. 1ffaa 3:16 Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu#24:47 cubbuu irraa deebi'uu: aagii galu'uu fi araarri cubbuu Yeruusaaleemiin irraa jalqabee gumii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera. 48#Yoh. 15:27; Hu. Er. 1:8 Isinillee waan kanaaf raga'a. 49#Yoh. 14:16, 26; 15:26; 16:7; Hu. Er. 1:4 Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammoo haga hunna olii argattanitti qachaa Yeruusaaleemii keessaa hin bayi'naa'a» jedhe.
Yesuus Gara sami'ii Ol Deebi'e
(Mar. 16:19, 20; Hu. Er. 1:9-11)
50Innillee achii bayee haga Bitaaniya'aa isaan geegessee harka isaa lamaan ol kaasee isaan eebbise. 51Uduma isaan eebisa'aaru isaan dhiisee gara sami'ii ol fudhatame. 52#Yoh. 5:23; 14:28; 16:22 Isaanillee isaaf sagadanii guddisanii gammadanii gara Yeruusaalemii deebi'an. 53Hennaa maraa Rabbiin galatoonfata'aa mana woyyuu keessa jiraatan.
Currently Selected:
Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 24: WLNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

: