Wongeela Luqaas 13
13
Gara Waaqaa Titti Ka Hin Deebine Marrinuu Akka Badu
1Yeroo sanitti namoonni gara Yesusii dhufanii, «Namoonni Galiila'aa ciinccaa yeroo dhiyeessanitti Philaaxos isaan ni ajjeese, dhiiga isaanii'llee ciinccaa isaaniitiin wolitti ni make» jechu'uun, itti ni himan. 2Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Eegaa namoonni Galiila'aa kunniin, badiin kun isaan irra ka gaye, namoota Galiila'aa kanniin irra caalaa cubbamoota waan turaniif, sanitti fakkaataa ree? 3‹Miti, gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaattan, isaan'llee akkuma isaanii ni baddan› isiniin jedha. 4Saaliihoom'tti kaabaan dhaga'aa isaanitti jigee ka du'an, waayee namoota kudha saddeetii maal yaaddan? Isaan namoota Yerusaalemiin jiraatan mara irraa caalaa cubbamoota waan turaniif, isinitti fakkaata ree? 5Miti! Gara Waaqaa titti deebi'uu yoo dhabaattan, isin'llee akkuma isaanii titti ni baddan, isiniin jedha.»
Fakkeenna Muka Harbbu'uu Ka Hin Daraarree
6Kanaan duubatti Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Naminni tokko bakka biqilttuu woyinni'ii keessatti ta dhaabamitte mukattii harbbu'uu takka ni qaba ture, mukattii harbbu'uu san irraa'llee firii ni arigadha jedhee yoo dhaqu, firii woyiituu uduu hin arigatin ni hafe. 7Kanaaf hojjataa biqilttu'uu, ‹kunoo, mukattii harbbu'uu tana irraa firii argachu'uuf woggaa sadihii guutuu ni dedeebi'e, garuu firii woyiituu isi'ii irratti hin arganne, amma garuu muri! Waayee maali'iitiif lafa balleessiti?› jedheen.
8«Hojjataan biqilttu'uu garuu akkana jechu'uun ni deebise, ‹yaa Gooftaa! Mee woggaa kanaaf ammoo dhiisiin, naannoo isi'ii qotee xaa'oo itti ni buusaaf, 9Woggaa dhufuuf firii yoo kennite misha'a, kana ta'uu yoo dhabaate garuu ni muramitti› jedhe.»
Yesus Dubarttii Duddi Isi'ii Gophite Takka Guyyaa Sanbbata Diqqa'aan Fayyisuu Isaa
10«Yesus Guyyaa Sanbbata diqqa'aatiin bakka wolgayi'ii isaanii keessaa, tokkotti ni barsiisa ture, 11achiin duubatti'llee woggaa kudha saddeetii jala qabee hafuurri battiin dudda isi'ii ka gopheesseen #13:11 Ka gopheesseen:- Gad gosseen, yookiin olii fi gad akka hin jenne ka taasiseen dubarttii takkatu jira ture, isiin'llee hiin isi'ii gophuu isaatiin, ol jedhu'uuf gonkumaa hin dandeettu turtte.» 12Yesus yeroo isii arge waameeniiti, «Dubarttii nana, dhukkuba kee irraa fayyitee jirta!» isi'iin jedhe. 13Harka isaa isii irra ni kaaye, bakkumatti qajeelttee ni dhaabatte, Waaqa'llee ni galateeffatte.
14Yesus guyyaa Sanbbata diqqa'aatiin waan fayyiseef itti gaafatamaan bakka wolgayii isaanii dallaneeti ummataan, «Torbaan keessatti hujiin ka itti hojjatamu guyyoota jahatu jira, guyyoota kanniintti koota'aatii fayyaa, guyyoota Sanbbata diqqa'aatiin garuu hin ta'u» jedhee dubbate.
15Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa hoo tokko tokkoo keessan guyyaa Sanbbataatiin qotiyyoo isaa bakka itti cufamee baasee, yookiin harree isaa bakka itti hidhamee hiikee, gara bakka bishaan itti obaasuu ni fidaanii mitii? 16Kunoo, fiixaa Abrahaamii ka taate dubarttiin tun woggaa kudha saddeetii guutuu, sheexanaan hidhamttee sarddama'aa jiraattee jirtti, eegaa, bakka isiin hidhamttee ittiin makkaraarttuu guyyaa Sanbbataatiin hiikamuun isi'iin irraa hin maluu ree?» 17haasaya isaa kanaan'llee Yesus mormmitoota isaa maraa ni saalifachiise, ummanni garuu waan baasaa ka Yesus taasise maraan, ni gammade.
Fakkeenna Firii Suuniffa'aa
(Mat 13:31-32; Mar 4:30-32)
18Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa maali'itti fakkeefamitti? Yookiin maali'iin wolitti isii bikkaan? 19Naminni tokko bakka biqilttuu isaa keessatti ka facaase, firii suuniffa'aa ni fakkaatti, isiin'llee guddattee muka ni taate, sinbirroonni'llee dameewwan isi'ii irratti mandhee isaanii ni ijaaratan.»
Fakkeenna Shiisha'aa
(Mat 13:33)
20Yesus'llee deebi'ee akkana ni jedhe, «Mootummaa Waaqaa maali'iin wolitti isii bikkaan? 21Mootummaan Waaqaa, dubarttii takka ta miciqaa maraa akka isi'ii bukaayuuf, daakuu safarttuu sadihii keessatti shiishaa micixxe ni fakkaati.»
Waayee Balbala Dhipho'oo
(Mat 7:13-14, 21-23)
22Kanaan duubatti Yesus gara Yerusaalemii yoo deema'aa jirutti, magaala'aa fi baadiyya'atti'llee barsiisa'aa ni dabrra ture. 23Yeroo sanitti naminni tokko, «Yaa Gooftaa, ka fayyan namoota muraasa moo?» jechu'uun ni gaafateen,
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise,
24«Balbala dhipo'oon aseenu'uuf tataafadhaa, balbala kanaan aseenu'uuf worri barbaadan baayi'eewwan, garuu aseenu'uuf hin danda'an, isiniin jedha. 25Abbaan manaa ka'ee balbala ni cufa, isin'llee balbala dhaabattanii balbala dhadhayu'uun, ‹yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jechuu jala ni qabddan, inni'llee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku!› jechu'uun, isinii ni deebisa. 26Yeroo sanitti isin, ‹si'iin woliin nyaannee jirra, woliin'llee dhuginnee jirra, yaa'ii keennaa titti'llee barsiifitee jirta› ni jettaniin. 27Inni'llee irra deebi'ee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku, isin hamaa raawwattoonni marrinuu, ana irraa fagaadhaa!› isiniin ni jedha.»
28 #
Mat 22:13; 25:30. Abraahaamiin, Yishaaqiin, Yaaqoobiin, nabiyyoota mara'llee Mootummaa Waaqaa titti isaan ni argitan, isin garuu alatti gatamttanii yoo hafittan, booyaa fi ilkaan qariinissi isin irra ni gaya. 29Namoonni baayi'een baya adu'uutii fi dhiyaa, kaabaa fi kibbaa ni dhufan, Mootummaa Waaqaa titti'llee nyaataaf ni taa'an. 30#Mat 19:30; 20:16; Mar 10:31.Kanaaf worri duuba irraa dursitoota ni ta'an, dursitoonni worra duuba irraa ni ta'an.
Yesus Yerusaalemiif Booyuu Isaa
(Mat 23:37-39)
31Yeroo sanitti worri Farisotaa tokko tokko gara Yesusii dhufanii, «Heerodis si ajjeesu'uuf ni barbaadaatii, asii baayii deemi!» jedhaniin.
32Yesus garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Deema'aatii Jeedala saniin, ‹adhaa fi boru jinniiwwan ni baasa, dhukkubissattoota ni fayyisa, guyyaa sadaffaa titti'llee hujii kiyya ni raawwadha› jedha, jedha'aanii. 33Haa ta'u malee adhaa fi boru boruun duubatti'llee, adeemissa kiyya gara Yerusaalemii itti fufuu qaba, nabiyyiin Yerusaalemitti malee bakka bira'aa titti du'uun isaan hin maluun.»
34«Yerusaalem! Yaa Yerusaalem! Ati ta nabiyyoota ajjeefittu, ergamoota gara kee ergaman'llee dhaga'aan ta woqartu, akkuma lukkuun cuucii isi'ii koola isi'ii jalatti wolitti qabddutti, ani'llee yeroo meeqa ijoollee tee wolitti qabu'uuf ni barbaade! Atii fi ummanni kee garuu ni diddan. 35Kanaaf manni keessan ona ta'e ni hafa, dhugamaan isiniin jedha, ‹ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettantti, gonkumaa ana hin argtan» jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Luqaas 13: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

: