Wongeela Luqaas 18
18
Haadha Hiyyeessaa Hiyyeetti'ii Fi Abbaa Seeraa Hamaa
1Kanaan duubatti Yesus uduu hin hifatin yeroo mara kadhachuu akka qaban barsiisu'uuf, fakkeenna kana isaanitti ni hime, 2«Magaalaa tokko keessatti Waaqa ka hin sodaanne, nama'llee ka hin saalfanne abbaa seeraa tokkotu jira ture. 3Haati hiyyeessaa takka'llee magaalaa san keessa ni jiraatti ture, isiin'llee gara abbaa seeraa dhufa'aa, ‹falmmii mormmataa kiyya woliin qabu'uuf murtii naa kenni!› ni jettiin ture. 4Inni'llee murtii uduu isi'ii hin kennin yeroo baayi'ee ni ture, maa'ii garuu akkana jechu'uun ni yaade, ‹yoma Waaqa'llee sodachuu, nama'llee saalfachuu yoo dhabaadhe, 5haati hiyyeessaa tun waan ana gilndifitteef ni murteessaaf, yoo kana ta'uu dhabaate garuu yeroo maraa dedeebi'aa, ana hifachiiftti› jedhe.»
6Itti aansee'llee Gooftaan Yesus akkana ni jedhe, «Abbaan seeraa hamaan waan dubbate hubadhaa, 7Waaqinni eegaa, halkanii fi guyyaa iyya'aa ummata isa kadhatan, isaatiif hin murtteessuu ree? Shilla jechu'uun hoo gargaarssa isaa isaan, irraa ni tursiisaa ree? 8Uduu hin turin dadafaan isaanii ni murtteessa isiniin jedha. Garuu Ilmi Namaa yeroo itti dhufutti, arddii irratti amantii ni argata laata?»
Fakkeenna Fariisicha Hama'aatii Fi Namicha Qaraacicha Garalaafessaa
9Itti aansee'llee Yesus nu qulqullaayota jedha'aa worra dhaadatanii fi kaanniin namoota tuffataniif, fakkeenna kana ni dubbate, 10«Namoonni lamaa kadhanna'aaf gara Mana Waaqeffanna'aa ni deeman, tokkochi Fariisayicha yoo ta'u kuun ammoo ka qaraxu ture. 11Farisaayichi dhaabatee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni kadhate, ‹yaa Waaqa! Ana akka namoota kaanniinii saamitticha, hamaa, sagaagalaa waan hin ta'iniif, si galateeffadha.› 12Ani torbaanitti guyyaa lamaa ni sooma, woma kamiin mara keessaayyuu kudhan keessaa harka tokko baasee ni kenna.»
13«Qaraacichi garuu fagoo dhaabateeti, ol jedhee gara sami'iituu laalu'uufuu hin uggine, garuu harka isaatiin laphee isaa dhaya'aa, ‹yaa Waaqaa kiyya! Ana cubbamaa kana marri!› ni jedha ture. 14#Mat 23:12; Luq 14:11.qulqullaayummaa argatee gara mana isaa titti ka deebi'e ka qaraxu kana malee, Fariisichaa miti isiniin jedha, ka mataa isaa ol qabu marrinuu gadi ni jedha, ka mataa isaa gad qabu garuu ol ni jedha.»
Yesus Daai'mman Akka Eebbise
(Mat 19:13-15; Mar 10:13-16)
15Yesus akka isaan qaqabuuf namoonni daa'imman gara isaa ni fidan, barattoonni isaa'llee kana yeroo arganitti namootatti ni baanatan. 16Yesus garuu daa'imman gara isaa waamee akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa isaan akkanaa kanniiniif waan ta'eef, daa'imman gara kiyya haa dhufan, isaan hin dhooginaa 17Dhugamaan isiniin jedha! Mootummaa Waaqaa akka daa'imaa titti naminni ufitti hin fudhatiniin, itti hin aseenu» jedhe.
Qabeenna Ardi'iitii Fi Mootummaa Sami'ii
(Mat 19:16-30; Mar 10:17-31)
18Itti gaafatamoota Yihudotaa keessaa tokko Yesusiin, «Yaa barsiisaa arjjaa, jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narraa mala?» jedhee, ni gaafateen.
19Yesus'llee, «Maali'iif arjjaa naan jetta? Waaqa tokko malee eennu'llee arjjaan hin jiru. 20Ajajoota ni beekitta, isaan'llee, ‹hin sagaagalin, hin ajjeesin, hin hatin, dharaan ragaa hin bayin, abbaa keetii fi haadhaa kee kabaji!› ka jedhaman.»
21Namichi'llee, «Ajajoota kanniin daa'imummaa kiyyaa jala qabee eeggadhee jira» jedheen.
22Yesus kana yeroo dhagayetti namichaan, «Eegasuu amma'llee waan tokko raawwachu'utu si hafa, waan qabddu maraa gurgurii qarshii hiyeessotaaf kenni, sami'itti qabeenna kuufame ni argatta, achiin duubatti'llee koottuutii ana horddofi!» jedheen.
23Namichi garuu haalaan dureessa waan tureef, kana yeroo dhagayetti haalaan ni gadde. 24Yesus'llee namichi akka gadde argee akkana jedhe, «Dureesstootaaf gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuun attam rakkisa'a! 25Naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrreetii saphaa ni ta'a.»
26Namoonni kana dhagayan, «Eegaa haala kana irraa eennutu fayyu'uuf dandda'a ree?» ni jedhan.
27Yesus garuu, «Nama biratti wonitti hin dandda'aminne, Waaqaa biratti ni danda'ama» jedhe.
28Phexiros'llee, «Kunoo, nu'u waan qabnnu maraa dhiifinnee si horddofinnee jirra» ni jedheen.
29Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, waayee Mootummaa Waaqaatiif jedhee mana isaa, yookiin haadha worraa isaa, yookiin obboleeyyan isaa, yookiin maatii isaa, yookiin ijoollee isaa naminni dhiisu, 30amma biyya lafaa kanatti dachaa baayi'e'een ni fudhata, biyya lafaa ka dhufutti'llee, jireenna bara baraa ni arigata.»
Yesus Waayee Du'aa Ka'iinssa Isaa Yeroo Sadaffaatiif Dubbachuu Isaa
(Mat 20:17-19; Mar 10:32-34)
31Yesus barattoota isaa kudha lamaan gara isaa dhiyeessee, akkana isaaniin ni jedhe, «Kunoo! Gara Yerusaalemii deemuu keenna, waayeen Ilma Namaa nabiyyootaan ka barreeffame marrinuu, achitti ni raawwatama. 32Inni'llee ummata Waaqaa dhuga'aa titti hin amanneef dabarffamee ni kennama, isaan'llee itti ni baldan, ni arrabsaniin, itti'llee ni tufan. 33Eega isa dhaananiin duubatti'llee ni ajjeesaniin, garuu guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a.»
34Barattoonni isaa garuu waan kana mara keessaa tokko'llee hin hubanne, dhossaan haasaya isaa'llee isaan jalaa dhokatee waan jiruuf, maal jechuu isaa akka ta'e hin beekinne.
Yesus Iyyaariko'ootti Ija Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa
(Mat 20:29-34; Mar 10:46-52)
35Yesus gara Iyaariko'oo yeroo dhiyaatetti jaamaan tokko kennaa kadhachu'uuf karaa bira taa'ee jira ture, 36Isa biraan ni dabrran ka turan qoonqqa namoota baayi'e'ee yeroo dhagayetti'llee, «Kun maali'i?» jedhee gaafate. 37Namoonni'llee, «Kunoo! Yesusiin Naazireetii karaa kanaan dabrra'aati jira» jedhanii, itti ni himan.
38Yeroo sanitti ijaan jaamchi, «Ilma Daawiitii yaa Yesus! Yabo'oo ana marri!» jedha'aa ni iyye.
39Isa durssanii dura dura isaatiin ni deeman namoonni turan, «Caldhisi!» jedhanii isatti ni baanatan. Inni garuu qonqqa isaa caala'atti ol fudhatee, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo ana marri!» ni jedha ture.
40Kanaaf Yesus dhaabateeti, «Gara kiyya asi fida'aanii!» jedhee ni ajaje. Ijaan jaamchi'llee gara isaa yeroo dhufetti, Yesus akkana jechu'uun ni gaafateen, 41«Maal akka si taasisuuf barbaadda?»
Ijaan jaamaan'llee, «Yaa Gooftaa! Argu'uuf ni barbaada» jedheen.
42Yesus'llee, «Argi! Amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. 43Namihci ijaan jaamaa'llee bakkumatti argu'uuf ni danda'e, Waaqa'llee galateeffata'aa Yesusiin horddofuu jala ni qabe, ummanni marri'llee kana yeroo arganitti, Waaqa ni galatteefatan.
Currently Selected:
Wongeela Luqaas 18: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

: