YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaas 8

8
Dubarttoota Yesusiin Ni Horddofaa Turan
1Kanaan duubatti Yesus magaala'aa fi gandootatti Mootummaa Waaqaa lallaba'aatii fi oduu gammachu'uu hima'aa ni dabrra ture, kudha lamaan'llee isaa woliin ni turan. 2#Mat 27:55, 56; Mar 15:40, 41; Luq 23:49.Akkuma kana hafuura battiiwwan irraa worri gad dhiifamanii fi dhibee irraa dubarttoonni fayyan'llee Yesusiin ni horddofaniin turan, isaan'llee jinniiwwan torbaa ka isii keessaa bayeef Maariyam Magdalaawittii ta jedhamtte, 3Ajajaa mana Heerodisii ka ture haadha worraa Kuuza'aa Yohannaan, Soosinna'aa fi tuunniin'llee baayi'eewwan ni turan, dubarttoonni tunniin Yesusii fi barattoota isaa, qarshi'iin isaaniitiin ni tajaajilan turan.
Fakkeenna Nama Sanyii Facaasuu
(Mat 13:1-9; Mar 4:1-9)
4Ummanni baayi'een magaala'aa gara isaa dhufanii bakka tokkotti yeroo wol gayanitti, Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime,
5«Qotee bulaan tokko sanyii facaasu'uuf ni baye, yoo facaasu'llee sanyiin tokko tokko karaa biratti bu'eeti ni dhiitame, sinbirroonni'llee ni nyaataniin. 6Sanyiin bira'aa'llee lafa dhagaalessa irratti ni bu'e, yeroo bayetti'llee laftti jiidha waan hin qabnneef, biqilli ni goge. 7Sanyiin bira'aa'llee qoree jiddu'utti ni bu'e, qoreen'llee woliin guddatteeti hudhee ni hanbbiseen. 8Sanyiin bira'aa garuu lafa mishaa irra bu'ee ni baye, biqilli'llee guddatee tokko tokkoon isaanii dachaa dhibbaa ni daraare.»
Itti aansee'llee Yesus, «Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu!» ni jedhe.
Yesus Fakkeennaan Waayee Dubbateef
(Mat 13:10-17; Mar 4:10-12)
9Barattoonni isaa Yesusiin, «Hiikkaan fakkeenna kanaa maali'i?» jedhanii ni gaafataniin. 10Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uu isiniif kennamee jira, kuunniin garuu wonitti marrinuu fakkeennan isaatti ni himama, isaan uduma laalan onne'etti hin qabanne, uduma dhagayan'llee akka hin hubanneef» jedhe.
Fakkeenna Hiikkaa Nama Sanyii Facaasuu
(Mat 13:18-23; Mar 4:13-20)
11Hiikkaan fakkeennaa kana, «Sanyiin dubbii Waaqaati, 12sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, namoota yero'oof dubbii Waaqaa dhageeffatan, garuu isaan amananii akka hin fayyineef sheexanni dhufee, dubbii onnee isaanii keessaa ni fudhata. 13Sanyiin lafa dhagaalessa irratti bu'e ka muldhisu, namoota dubbii Waaqaa dhagayanii gammachu'uun fudhataniiti, isaan garuu ka amanan yeromaaf, hidda waan hin qabnneef'llee yeroo qormaataa bakkumatti ni waakkatan. 14Ximirroo qore'ee jiddu'utti'llee sanyiin bu'e ka muldhisu, waayee namoota yero'oof dubbii dhagayaniiti, garuu yaadinni biyya lafa kanaatii fi qabeenni, jireenni biyya lafaatii fi qananiin'llee hudhee, firii malee isaan ni hanbisa. 15Lafa mishaa irra sanyiin bu'e ka muldhisu garuu, onnee misha'aa fi qalbbii qajeelttu'uun dubbii dhagayanii worra eegan, isaan'llee worra dubbi'iin jabaatanii, firii daraaran.»
Ibisaan Ka Ifu Ifa Akka Kennuuf Ta'uu Isaa
(Mar 4:21-25)
16 # Mat 5:15; Luq 11:33. Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Ibisaa ibisee ginddoo ka itti gonbbisu yookiin ka siree jala kaayu eennu'llee hin jiru, kana irra gara manaa ka aseenan marrinuu ifa isaa akka laalaniif, baattuu ibisa'aa irra ni kaayaan.»
17 # Mat 10:26; Luq 12:2. «Akkuma kana ka dhokate uduu hin muldhatin, ka bade uduu hin beekkamin, ka hafu hin jiru.»
18 # Mat 25:29; Luq 19:26. «Kanaaf dubbii Waaqaa attamitti akka dhageettan ufi eeggadhaa, nama qabuuf dabalamee ni kennamaaf, ka hin qabnne garuu, ni qaba jedhee kammaan yaaduu irraa ni fudhatama.»
Haadha Yesusiitii Fi Obboleeyyan Isaa
(Mat 12:46-50; Mar 3:31-35)
19Haati Yesusiitii fi obboleeyyan isaa gara isaa ni dhufan, garuu baayi'inna ummataa irraa kan ka'een isa argachu'uuf, hin dandeenne. 20Kanaaf, «Kunnoo, haatetii fi obboleeyyan kee, ala dhaabatanii si argu'uuf ni barbaadan» jedhanii, namoonni itti ni himan.
21Yesus'llee, «Dubbii Waaqaa dhagayanii worri raawwatan marrinuu, isaan haadha kiyyaa fi obboleeyyan kiyya» jedhe.
Yesus Danbalii Bishaanii Caaldhisiisuu Isaa
(Mat 8:23-27; Mar 4:35-41)
22Guyyaa tokko Yesus barattoota isaa woliin hoboloo yaabbateeti, «Gara garba ciisa'aatiin gamaa haa ceenuu» isaaniin jedhe, isaan'llee deemu'uuf ni ka'an. 23Garba ciisaa irra dhayata'aa uduu deema'aa jiran, Yesus ni muge, yeroo sanitti'llee bubbeen honbololattii cima'aa garba ciisaa irratti ni ka'e, bishaan'llee hoboloo keessatti guutuu waan jala qabeef, galtteen isaan sodaachisee ni ture.
24Barattoonni isaa'llee, «Yaa barsiisaa! Yaa barsiisaa! Dhumu'uuf jirra!» yoo jedhan, Yesusiin ni damaqissaniin.
Inni'llee dammaqee bubbe'ee fi danbalii isa raasu'llee ni baanate, bubbe'ee fi danbaliin raasu'llee bakkumatti ni dhaabatan, chaldhisiisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e. 25Kanaan duubatti'llee Yesus barattoota isaatiin, «Amantiin keessan eessa jira?» isaaniin jedhe. Isaan garuu haalaan maalalffataniitii fi sodaatanii ufii isaaniitii, «Bubbe'ee fi danbalii bishaanii'llee ni ajaja, isaan'llee ni ajajamaniif, haa ta'u malee kun eennu?» woliin jedhan.
Yesus Namicha Hafuurri Battiin Irra Bule Fayyisuu Isaa
(Mat 8:28-34; Mar 5:1-20)
26Garba ciisaan'llee ce'anii Galiila'aatiin gamatti gara biyya arigamtuu, gara Gergesenoonii ni gayan, 27Yesus hoboloo irraa gara lafaa yeroo bu'etti, hafuurri battiin ka irra bule namichi tokko, magaala'aa bayee gara isaa ni dhufe, naminni kun'llee uffata isaa haga gatee yeroo baayi'ee ta'eenii ture, ka jiraatu'llee bakka awwaalaati malee, mana hin turre. 28Yesusiin yeroo argetti ni iyye, Yesusiin duranatti'llee kufee qoniqqa ol fudhatee, «Ati Ilma Waaqa ol aana'aa yaa Yesus, ana woliin dhimma maal qabdda? Yabo'oo ana hin makkaraarissin» jedheen. 29Kana'llee waayeen jedheef Yesus hafuurri battichi namicha keessaa akka bayu ajajeenii waan tureef. Asin durana'llee hafuurri battichi namicha irratti yeroo baayi'ee itti ka'a ture, birbiraataa fi sibiila miilaatiin'llee hidhama'aa ni eegama ture, haa ta'u malee birbiraata ni kuta, sibiila miilaa'llee ni caccabssa ture. Jinniin'llee isa oofa'aa gara gammoojji'ii ni fidaaniiyyu ture.
30Yesus'llee, «Maqaan kee eennu?» jedhee ni gaafateen, inni'llee jinniiwwan baayi'een itti quphatee waan tureef, «Maqaan kiyya Leegewoon» #8:30 Leegewoon:- Waan laakkofssaan baayi'ee yookiin hoomaa ta'e jechu'uun ni deebiseef. 31Bakkumatti hafuuronni'llee, «Yabo'oo gara qilee gad fago'oo titti nu hin ergin!» jechu'uun, ni kadhataniin.
32Bakka sanitti'llee hundda gaaraa titti gobbuun booyyee baayi'etu bobayanii jiran ture, hafuuronni hamaan'llee, «Gara booyyewwanii titti akka galluuf nuuf eeyyami!» jechu'uun, Yesusiin ni kadhataniin, inni'llee isaanii ni eeyyame. 33Kanaaf hafuuronni namicha keessaa baayanii, booyyeewwan keessatti ni aseenan, booyyewwan'llee qilee irraa gatantara'aa ni bu'an, garba ciisa'aa'llee aseenanii ni liqimfaman.
34Tissitoonni booyyewwanii waan ta'e yeroo arganitti, dheessanii ni deeman, magaalaa fi baadiyyati'llee odduu woliin ni gayan. 35Namoonni'llee waan ta'e laalu'uuf mana isaanii maraa bayanii gara Yesusii ni dhufan, namichi hafuuronni keessaa bayan'llee gara qalbbii isaa titti deebiteetii fi uffata isaa'llee uffatee, miila Yesusii jala taa'ee yeroo arganiinitti, ni sodaatan, 36Namoonni ragaa ijaa turan'llee namichi hafuurronni irra bulanii ture attamitti akka fayye, isaanitti ni odeessan. 37Kanaan duubatti namoonni naannoo Gergeesenonii marrinuu, Yesus biyya isaaniitii akka isaanii deemuuf ni kadhataniin. Kana'llee wonitti jedhaniif haalaan sodaataniinii waan turaniif. Kanaaf Yesus hoboloo yaabbateeti gara bakka irraa dhufee titti, deebi'ee ni deeme. 38Namichi hafuuronni jinniiwwan bayaniif'llee Yesusiin, «Yabo'oo si haa horddofuu» jedhee, ni kadhateen. Yesus garuu akkana jedhee ni geegesseen.
39«Gara mana keetii deemiitii waan Waaqinni siif raawwate maraa dubbadhu!» Namichi'llee waan guddaa Yesus isaa raawwate magaalaa maratti, dubbata'aa ni deeme.
Intala Yaayirosiitii Fi Dubarttii Uffata Yesusii Tuqixxe
(Mat 9:18-26; Mar 5:21-43)
40Ummanni ni eeggataan waan tureef Yesus deebi'ee yeroo dhufetti, marrinuu gammachu'uun ufitti ni fudhataniin. 41Yeroo sanitti namichi itti gaafatamaan bakka woligayii isaanii ta'e, Yaayiros ka jedhamu tokko ni dhufe, miila Yesusii jalatti kufee, «Yabo'oo gara mana kiyyaa naa koottu» jedhee, ni kadhateen. 42Kana'llee wonitti jedheef umriin isi'ii woggaa kudha lamaa ka ta'een intaltti isaa takka dhukkubisattee, qarree du'aa irra waan turtteef. Yesus'llee isa woliin uduma deema'aa jiru, isa horddofanii ka jiran namoonni baayi'een, wol hacuucu'uun wol ni dhidhiiban ture. 43Woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isii jiga'aa ka makkaraarttu dubarttii takkatu turtte, isiin'llee qabeenna qabddu maraa worra yaaltotaatiif kafalu'uun fixxee, eennu'llee isii fayyisu'uuf hin dandeenne. 44Isiin'llee gara Yesusii dhufittee gara dudda duuba isaatiin dhiyaatteeti qaccee uffata isaa ni tuqixxe, bakkumatti dhiigin isi'ii jiguu ni dhaabe. 45Yesus'llee, «Eennutu ana tuqe?» jechu'uun ni gaafate.
Marrinuu, «Nu si hin tuqinne» ni jedhan, Phexiros'llee, «Yaa barsiisaa, ummanni wol hacuuca'aa si yoo horddofu uduu argitu, eennutu ana tuqe jettaa?» jedheen.
46Yesus garuu, «Huminni ana keessaa bayuu isaa beekee jiraatii, dhugamaanuu naminni tokko ana tuqee jira» jedhe.
47Dubarttiin'llee akka hin dhokatin yeroo beekittetti hollata'aa gara Yesusii dhufttee, miila isaa jalatti ni kuftte, kanaan duubatti maali'iif akka isa tuxxee fi attamitti bakkumatti akka fayyite'llee, ummata mara duranatti ni ibisite. 48Yesus'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi!» jedheen.
49Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru, naminni tokko itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii mana Iyyaairosiitii ni dhufee, «Intaltti tee duutee jirttiitii, ammaa achitti barsiisaa tasatti, hin dadhabisiisiniin!» jedheen.
50Yesus garuu kana dhagayee Iyyaaryosiin, «Jabaadhu hin sodaatin aman qofa, intalitti kee ni fayyiti» jedheen.
51Yesus gara mana Iyyaarosii yeroo gayetti Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, abbaa intalatii fi haadha isi'ii malee, ka bira'aa eennu'llee isa woliin gara keessaa akka aseenu, hin eeyyaminne. 52Namoonni achi turan marrinuu waayee intalatti'iif ni booyan! Ani bade'llee ni jedhan ture. Yesus garuu, «Hin booyinaa, intaltti ni mugidde malee, hin duune» isaaniin jedhe.
53Isaan garuu intaltti akka duute waan beekaniif, marrinuu baldu'uun isatti ni kolffan. 54Yesus'llee harka intalatti'ii qabee, «Intala nana ka'i!» jedheen. 55Isiin'llee lubbuun isi'ii waan isi'ii deebiteef bakkumatti ol ni kaate, Yesus'llee, «Waan nyaattu kenna'aafii!» jechu'uun, ni ajaje. 56Maatiin intalatti'ii'llee ni maalalan, inni garuu waan ta'e kana eennutti'llee hin dubbatinaa jechu'uun, isaan ni ajaje.

Currently Selected:

Wongeela Luqaas 8: ArsiDNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in