Wongeela Luqaasii 19
19
Yesuusii Fi Zakkewoos
1Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare. 2Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa. 3Yesuus kam akka te'e beekiisaaf barbadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne. 4Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi'iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe. 5Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, “Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i” jedheen. 6Maarre inni dafee gad bu'ee gammadaan Yesuus fudhate. 7Worri kana dhagge maraa, “Inni keessummumma'aaf mana cubbichaa dhaqe” jedhee gungume.
8Zakkewoos ol ka'ee dhaabbatee Gootta'aan, “Gootta'a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeyyi'iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf” jedhe.
9Yesuus isaan, “Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera. 10Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera” jedhe.
Mammaassa Worra Saantimiin Worqi'ii Itti Kennantee
(Mat 25:14-30)
11Adoo isaan tana dhage'iisatti jiranuu, Yesuus Yerusaalemitti waan dhikaateeruuf, sababa kolbaan mootummaan Waaqaa yennuma san waan mudhattu seetertuuf, itti mammaakee, 12“Nami ulfinnaa#19:12 nami ulfinnaa: abbaan qoro'oo tokko mootii te'ee deebi'iisaaf, biyya fago'oo dhaqe. 13Inni tajaajiltoota ifii keessaa kudhan waamee, saantimii worqi'ii kudhan itti kennee, ‘Haga ani deebi'utti daddala'aatii bu'aa buusa'a’ jedhe. 14Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‘Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu’ jettee ergantoota isa faana ergite.
15“Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise. 16Tajaajilaan duraa dhufee, ‘Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati anatti kenniteen, saantimii worqi'ii harka kudhaan buufadheera’ jedheen. 17Mootichi isaan, ‘Tajaajilaa kiyya dansa'a, dansaa goote! Waan akka malee diqqoo irratti waan addatanteef, ani qachoota gugurdoo kudhan irratti itti gaafatamummaa si'iif hin kenna’ jedhe. 18Tajaajilaan lammeesso'oolle dhufee, ‘Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati anatti kenniteen harka shan buufadheera’ jedhe. 19Motichi isaan, ‘Atille, qachoota gugurdaa shan irratti itti gaafatamaa hin teeta’ jedhe. 20Achiin duuba tajaajilaan dhibiin dhufee, ‘Gootta'a, saantimiin worqi'ii teeti kunoo ti; hoccu'uun maree dhosseera. 21Ati nama hamaa waan teeteef ani si sodaadhe. Ati waan hin kuufatin fudhata, waan hin facaasinille haammatta’ jedhe. 22Goottaan isaa, isaan, ‘Tajaajilaa hama'a! Waanuma ati dubbatteen sitti mura. Ani nama hamaa akka te'e, waan hin kuufatin ka fudhadhu, waan hin facaasin ka haammadhu akka te'e eega beettee, 23beesee tiyya worra dhalaan liqeeffatutti#19:23 worra dhalaan liqeeffatutti: yookiin mana baanki'iititti maaf hin kuusin maaf hin kennine ree? Silaa yennaa deebi'e, dhala woliin hin fudhadhaayyu’ jedhe. 24Achiin duuba inni worra achi dhaabbateeruun, ‘Saantimii worqi'ii san isa irraa fuudha'aatii tajaajilaa saantimii worqi'ii kudhan qabuuf kenna'a!’ jedhe. 25Isaan ammoo, ‘Gootta'a, inni duruu kudhan qaba!’ jedhaneen. 26Mootichi deebisee, ‘Ani isinitti hima, nama qabuuf itti dabalamee hin kennama; nama hin qanne ammoo ka inni qabuuyyu irraa hin fudhatama. #Mat 13:12; Mar 4:25; Luq 8:18 27Amma ammoo dinoota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii hin teene barbaadane, as fida'aatii ila tiyya duratti gorra'aa!’ jedheen” jedhe.
Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene
(Mat 21:1-11; Mar 11:1-11; Yoh 12:12-19)
28Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme. 29Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin, 30“Gara olloota isiniin duraa dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika'aatii as fida'a. 31Eennulle, ‘Maaf hiittan?’ jedhee yoo isin gaafate, ‘Gootta'atti barbaada’ jedha'aan” jedhe. 32Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane. 33Adoo isaan ilmayyoo harre'ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre'ee, “Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?” jedhee isaan gaafate
34Isaan deebisanee, “Gootta'atti barbaada” jedhane. 35Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane.
36Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara'atti atte. 37Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggitte maraaf gammaddee, qoonqoo guddo'oon, 38“Mootiin maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba'atti nageenni, olii ol-gubba'aatille ulfinni te'u!” jedhaa Waaqa galateeffatte.
39Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, “Barsiisa'a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!” Yesuusiin jedhane. 40Yesuus ammoo deebisee, “Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan” jedhe.
Yesuus Yerusaalemiif Booye
41Yesuus itti dhikaatee qachaa Yerusaalemii yennaa dhagge, booyeefii, 42“Adhumalle waan nageya si'ii fidu adoo beettee jiraattaa! Amma ammoo ila teeti duraa dhokateera! 43Guyyooti diinoti keeti dalleya marsanee sitti ijaaranee, si marsanee, karaa maraan sitti cufanu hin dhufa. 44Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoollee#19:44 ijoollee: kolbaa teeti ta dalleyya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu.
Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe
(Mat 21:12-13; Mar 11:15-19; Yoh 2:13-22)
45Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra achitti wo gurguratu alatti yaase. 46Inni isaaniin, “ ‘Manni kiyya mana daadimataa te'a’ jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane” jedhe.
47Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Moototi hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjesiisaaf barbaadane. #Luq 21:37 48Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne.
Currently Selected:
Wongeela Luqaasii 19: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: