Wongeela Luqaasii 21
21
Kennaa Haadha Hiyyeessaa
(Mar 12:41-44)
1Galma Waaqaa keessatti dureeyyiin subba kennansi itti kuufamu keessa, kennansa ifii buuttuun, Yesuus midhatee dhagge. 2Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takkalle saantimii sibiila diima'aa didiqqoo lamaan keessa buuttuun dhagge. 3Inni, “Ani dhugumaan isinitti hima, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun isaan mara caalaa keessa buutte. 4Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte” jedhe.
Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dursee Dubbate
(Mat 24:3-14; Mar 13:1-13)
5Barattooti gariin Galmi Waaqaa dhakoota dadansa'aa fi kennansa Waaqaaf kennameen attam akka seefame dubbatane. Yesuus ammoo, 6“Wonni isin dhaggitanu kun maraa, dhakaan tokochille wol irratti hin hafu; yennaan inni itti diigamu hin dhutti” jedhe.
Beessisa Bara Muumme'ee
(Mat 24:3-14; Mar 13:3-14)
7Isaan, “Barsiisaa, kun yoom te'a? Wonni kun te'iisaaf akka dhikaate beekiisaaf beessisi te'uuf jiru maan?” jedhanee gaafatane. 8Yesuus deebisee, “Akka hin sobanne ifi eeggadha'a! Namooti hedduun, ‘Ani Kiristos, Yennaalle dhikaaterti!’ jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isin ammoo isaan hin hordofina'a! 9Woraanaa fi worraaqa kolba'aa yennaa dhageettane hin sodaatina'a! Wonni akkasii kun dursee te'uu male; ammoo muummeen yoosuma hin teetu” jedhe.
10Inni itti aansee, “Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; 11tacho'i lafaa guddaan, beeltii fi dhukkubi hamaan addee adde'etti hin te'an; wonni sodaachisuu fi beessisi gugurdaalle ol-gubbaa irraa hin mudhatan. 12Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan#21:12 miidhaan: ari'an; gara mana waaqeffaannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan. 13Kunille karaa dhugaa anaa ittiin baatanu isiniif hin te'a. 14‘Maan jennee falmanna’ jettanee akka hin yaanneef gadha'atti qabadha'a!#Luq 12:11-12 15Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna. 16Haadhoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoottanii fi lansooti teessanuu dabarsanee isin hin kennan; isin keessaa garii hin ijjeesan. 17Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba. 18Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkochille hin badu. 19Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan” isaaniin jedhe.
Yesuus Diigamiisaa Yerusaalemii Duraanuu Dubbate
(Mat 24:15-21; Mar 13:14-19)
20Yesuus itti aansee, “Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan. 21Yennaa san worri Yihudaa keessa jiranu gara gaarotaatitti baqatanuu ti; worri qachaa keessa jiranulle keessaa bayanuu ti, worri baadiyyaa jiranulle qacha'atti hin deebi'in. 22Guyyooti kun, ta barreeffante maraa akka muummottuuf, guyyoota adabbi'ii#21:22 guyyootaa adabbi'ii: guyyoota haaluu baafataa ti. 23Guyyoota sanitti dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! Lafa tana irratti rakkinni hamaan, kolbaa tana irrattille mufiin hin dhutti. 24Gariin goraade'een hin du'an, kuun gara biyya maraa#21:24 biyya maraa: worra Yihudoota hin te'inii hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan” jedhe.
Deebi'ee Dhufiisa Ilma Namaa
(Mat 24:29-31; Mar 13:24-27)
25Yesuus itti aansee, “Beessisi aduu, ji'aa fi urjoota irratti hin te'a. Bulpheessa abbaayya'aatii fi danbali'iitiin ka ka'e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti. 26Hunnooti#21:26 hunnooti: urjoota fa'a ilaala; Raaga Isaayaasii 34:4 ol-gubba'aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi. 27Achiin duuba Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumensa keessa dhufuun hin dhaggan. 28Kun maraa te'iisa yennaa jalqabu, fayyinni keessaan waan dhikaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadha'a” jedhe.
Barumsa Muka Harru'uu
(Mat 24:32-35; Mar 13:28-31)
29Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Muka harru'uutii fi mukoota maraa ilaala'a. 30Yennaa baalli isaanii quunxuun dhaggitane, bonni akka dhikaate beettan. 31Maarre isinille, tun maraa teetuun yennaa dhaggitane, mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a. 32Ani dhugumaan isinitti hima, tun maraa haga muummottutti dhalooti kun hin taru. 33Ol-gubba'aa fi latti hin taran, Jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru” jedhe.
Dammaqa'aa Ifi Eegadha'a
34Yesuus itti aansee, “Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo'oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha'a! 35Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa. 36Waan te'uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha'aa, yennaa mara daadimadha'a!” jedhe.
37Yesuus guyyaa guyyaa Galma Waaqaa keessatti barsiisee, halkan halkan gara gaara ejersaa jedhamu gubbaa dhaqee bule. #Luq 19:47 38Kolbaan martinuu dubbii isaa caqasiisaaf barii halkaniin kaatee gara Galma Waaqaa dhaqaa turte.
Currently Selected:
Wongeela Luqaasii 21: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: