Wongeela Luqaasii 23
23
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
(Mat 27:1-2, 11-14; Mar 15:1-5; Yoh 18:28-38)
1Achiin duuba worri kora murti'ii san keessa jiranu duudiin ol ka'anee, Yesuus Philaaxoos dura dhikeessane. 2Isaan, “Namichi kun kolbaa teenna jallisiisee, mootii worra Rooma'aatiif gibra gabbaruu dhooggee, ani Masiihii mooti'i ifiin jedhuun qanneera” jedhaa isa himatiisatti ka'ane. 3Philaaxoos, “Mootiin Yihudootaa si'ii?” jedhee isa gaafate.
Yesuus deebisee, “Maarre atuu jette” jedhe. 4Achiin duuba Philaaxoos mootota hayyootaatii fi gumi'iin, “Ani nama kana irratti yakkaa tokkolle hin dhaggine” jedhe. 5Isaan ammoo, “Inni biyya Yihuda'aa mara keessatti, Galiila'aa jalqabee haga asiitittille barsiisaa kolbaa teenna raasiisatti jira” jedhanee itti jabeessane.
Yesuus Heroodis Duratti Dhikeeffame
6Philaaxoos tana yennaa dhage'e, nama Galiila'aa te'uu isaa gaafate. 7Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira. 8Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera.
9Heroodis gaaffii hedduu isa gaafate, inni ammoo womaa hin deebinne. 10Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee achi dhaabbatanee, jabeessanee isa himatane. 11Heroodisii fi loltooti isaa Yesuus salphisanee itti taphatane. Achiin duuba woyaa dansaa itti uffisanee gara Philaaxoosii deebisanee ergane. 12Heroodisii fi Philaaxoos ka duraan wolii diina te'anee turane, gaafuma san wolii jaalomane.
Yesuusitti Du'a Murane
(Mat 27:15-26; Mar 15:6-15; Yoh 18:39--19:16)
13Philaaxoos mootota hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee, 14“Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine. 15Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa geyu tokkolle hujee hin jiru. 16Tanaaf dhaansiisee isa gad lakkisa” jedhe. 17[Philaaxoos wogguma wogga'aan yannaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.]#23:17 woraabbiin durii durii gariin laakkossa 17 hin qabu
18Gumiin duudiin, “Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!” jettee itti hogitte. 19Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture.
20Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate. 21Isaan ammoo, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanee ittuma hogisane.
22Philaaxoos sadeessoo, “Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika” isaaniin jedhe.
23Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe. 24Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne. 25Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne.
Yesuus Fannifame
(Mat 27:32-44; Mar 15:21-32; Yoh 19:16-27)
26Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.
27Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti. 28Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, “Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif booya'a malee, anaaf hin booyina'a! 29Sababille guyyooti isaan, ‘Maseenni, gadaammessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane’ jedhanu hin dhufan. 30Yennaa san isaan gaarotaan, ‘Nu irratti jiga'a!’ koobotalle'een, ‘Nu dhossa'a!’ hin jedhan. 31Adoo muki bisile'eetuu yoo akkasi godhane, yennaa muki goge attam godhan ree?” jedhe.
32Namoota yakkaameyyii lamaan dhibiille, ijjeesiisaaf Yesuus woliin geessane. 33Addee “Buqqii Mata'aa” jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaammeyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane. 34Yesuus ammoo, “Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!” jedhe#23:34 woraabbiin durii durii gariin hima kana hin qabu. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane. 35Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, “Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!” jedhane. 36Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni'ii dhangaggoottuu isaaf kennanee, 37“Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!” jedhane. 38Barreeffam, “Kun Mootii Yihudootaati” jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu. 39Yakkaammeyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, “Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!” jedhee isa arrasse. 40Yakkaammessi kuun ammoo, “Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?” jedhee isa xixe. 41Achiin duuba, “Nuuti waan hunyeef waan dhaggatu'uu malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!” jedheen. 42Achiin duuba Yesuusiin, “Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabbadhu!” jedhe.
43Yesuus deebisee, “Dhugumaan ani sitti hima, adhuma ana woliin addee gammadaa#23:43 addee gammadaa: jannata keessa hin jiraatta” jedheen.
Du'a Yesuusii
(Mat 27:45-56; Mar 15:33-41; Yoh 19:28-30)
44-45Orraa gara sa'aatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga sa'aatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e. 46Yesuus qoonqoo guddo'oon, “Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!” jedhe. Inni kana jedhee du'e. 47Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, “Namichi kun dhugumaan nama balcha'a” jedhee Waaqa galateeffate. 48Gumiin ilaaliisaaf achitti wolitti qabanteertu maraa waan te'e yennaa dhaggite, gaddaan qoma ifii dhodhowataa gara mana ifii galte. 49Worri isa beekanu maraa fi dubartooti Galiilaa irraa isa hordofane ammoo fagoo dhaabbatanee, waan kana ilaaliisatti jiraniiyyu. #Luq 8:2-3
Yesuus Awwaalame
(Mat 27:57-61; Mar 15:42-47; Yoh 19:38-42)
50-51Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture. 52Inni gara Philaaxosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. 53Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoyeeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale. 54Guyyaan sun guyyaa Qophi'ii ti, Sanbatille seeniisaaf dhikaatera. 55Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane. 56Achiin duuba gara manaa debi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane.
Currently Selected:
Wongeela Luqaasii 23: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: