Seera Ba'uu 4
4
Waaqayyo Humna Dinqisiisaa Museedhaaf Kennuu Isaa
1Yommus Museen deebisee,<<Kunoo sabni Israa'el,<<Waaqayyo sitti hin mul'anne>> naan jedhanii, ana hin amanan, dubbii koos hin dhaga'an ta'a>> jedhe.
2Kana irratti Waaqayyo,<<Maal inni harka kee keessaa?>> jedheen; inni immoo,<<Ulee dha>> jedhe.
3Gooftaan immoo,<<Ulicha lafa buusi!>> jedheen; innis lafa buufnaan, ulichi bofa ta'e; Museenis irraa in baqate*. 4Waaqayyo garuu Museedhaan,<<Harka kee hiixadhuu eegee isaa qabi!>> jedhe; Museenis hiixatee qabe; inni yommus harka isaa keessatti deebi'ee ulee ta'e. 5Egaa,<<Kanaan ani Waaqayyo gooftaan inni kan abboota isaanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Yisihaq, Waaqayyo inni kan Yaaqoob akka sitti mul'ate in amanu>> jedhe. 6Itti dabalees Waaqayyo,<<Harka kee dachaasaa wayyaa keetii keessa kaa'i!>> jedheen; innis harka isaa dachaasaa wayyaa isaatii keessa in kaa'e; yeroo inni harka isaa gad baase immoo, kunoo, harki isaa lamxi'amee#Bau 4:6 <<Lamxii>> warra Ibrootaaf dhukkuba gogaa namaa tuqu hundumaa ti malee gosa tokko duwwaa miti. adii akka boralee ta'e. 7Ammoo Waaqayyo,<<Harka kee deebisii dachaasaa wayyaa keetii keessa kaa'i!>> jedhe; innis harka isaa deebisee dachaasaa wayyaa isaatii keessa kaa'e; yeroo inni achi keessaa baase immoo, kunoo, akka isaa duraatti deebi'eefii gogaa isaa isa kaan fakkaate. 8Yommus Waaqayyo,<<Isaan yoo si amanuu dhabaatan, milikkita isa duraa kanaanis tole yoo jechuu dhabaatan, milikkita isa booddee kanaan in amanu; 9isaan milikkita kana lamaan iyyuu yoo amanuu dhabaatan, dubbii kees yoo dhaga'uu dhabaatan immoo bishaan laga Abbayyaatii buduqsii, lafa gogaa irratti dhangalaasi! Bishaan inni ati laga Abbayyaatii buduqsitu sun lafa gogaa sana irratti dhiiga in ta'a>> jedheen*.#3 7:10 9 7:17-21
10Museen garuu Waaqayyoon,<<Yaa gooftaa ko, ani duris nama arraba qajeeluu miti, erga ati ana garbicha keetti dubbattee jalqabes ani nama akkasii hin taane; ani afaan koo hidhamaa dha, arrabni koos anatti in ulfaata>> jedhe*. 11Yommus Waaqayyo immoo,<<Afaan namaa eenyutu uume>> Eenyutu didaa yookiis duudaa, kan argu yookiis jaamaa isa godha>> Ana Waaqayyo mitii ree*>> 12Kanaaf amma ati dhaqi, ani immoo akka ati dubbattuuf sin gargaara! Waan ati dubbattus sin barsiisa!>> jedheen*. 13Inni garuu,<<Yaa gooftaa ko, hadaraa nama biraa utuu ergitee in wayya>> jedhe.#10 3:11; 6:12,30; Er 1:6-10 11 Far 94:9 12 Kes 18:18; Mat 10:19-20
14Yommus dheekkamsi Waaqayyoo Musee irratti in boba'e; Museedhaan,<<Obbooleessi kee Aaron, sanyiin Lewwii jira mitii>> Inni ba'eessa godhee akka dubbatu ani beeka; kunoo, inni si simachuudhaaf in ba'a, yommuu si argus garaa isaatti in gammada. 15Ati isatti in dubbatta, dubbicha afaan isaa keessa in keessa; ani immoo akka ati dubbattuuf, akka inni dubbatuufis nan gargaara; wanta hojjettanis ani isin nan barsiisa. 16Inni waan ati dubbachuuf jettu namootatti siif in dubbata; inni afaan siif in ta'a, ati immoo ana Waaqayyoof afaan taatee isatti kan dubbattu in taata*. 17Ati ulee ittiin milikkita argisiiftu kana of harkatti in qabatta>> jedhe.#16 7:1-2
Museen Biyya Gibxiitti Deebi'uu Isaa
18Museen achii adeemee gara Yetroo gara abbiyyuu isaatti deebi'ee,<<Ka'ee gara sanyii koo warra biyya Gibxii jiranii dhaqee, jiruu fi hin jiranii isaanii nan ilaala!>> jedheen; Yetroo immoo Museedhaan,<<Nagaadhaan dhaqi!>> jedhe. 19Waaqayyo yommus biyya Miidiyaanitti Museedhaan,<<Warri lubbuu kee balleessuu barbaadaa turan hundinuu amma du'aniiru, deebi'ii gara biyya Gibxii dhaqi!>> jedhe. 20Kana irratti Museen haadha manaa isaa fi ilmaan isaa harree irra kaa'ee fudhatee, gara biyya Gibxiitti in deebi'e; Museen harka isaatti immoo ulee isa Waaqayyo jedheen sana in baata ture*.#20 18:2-4
21Waaqayyo yommus Museedhaan,<<Yeroo deebitee gara biyya Gibxii dhaqxutti, dinqii ani hojjechuudhaaf humna siif kenne fuula mootii biyyasii duratti akka argisiiftuuf yaadaan qabadhu! Garuu akka inni saba sana gad hin dhiifnetti, ani mata-jabeessa isa nan godha*?. 22Ati immoo mootichatti,<<Waaqayyo,<<Israa'el, ilma koo isa angafa*, 23ani kanan sitti dubbadhu, ilmi koo dhaqee akka anaaf hojjetutti, gad dhiisi! Ati isa gad dhiisuu yoo didde immoo, kunoo, ani ilma kee isa angafa nan ajjeesa>> jedheera>> jedhii himi*!#21 7:3,13; Kes 29:3-4; Isa 6:10; Rom 9:18 22 Kes 1:31; 14:1; 32:6; Hos 11:1 23 12:29; 11:5
24Waaqayyo karaa irratti iddoo buufataatti Museetti dhufee, Musee ajjeesuu barbaade*. 25Siiforaan immoo dhagaa qara qabu fudhattee, gogaa foon ilma ishee haguuge dhagna qabdee, isa ittii kute sanaan gudeeda Musee gidduu in tuqxe; achumaanis,<<Ati anaaf dhirsa misirroo dhiigaa ti>> jetteen*. 26Waaqayyo immoo isa in dhiise; yommus isheen waa'ee dhagna-qabaatiif<<Dhirsa misirroo dhiigaa ti>> jette.#24 Uma 32:24-32 25 Uma 17:9-14; Iya 5:2-3
27Waaqayyo gidduu kanatti Aaroniin,<<Ka'ii, Musee simuudhaaf gara lafa onaa dhaqi!>> jedhe; innis dhaqee tulluu Waaqayyoo irratti isa argee, in dhudhungate*. 28Yommus Museen dubbii Waaqayyoo akka inni dubbatuuf isa erge hundumaa, milikkita akka inni argisiisuuf isa abboome hundumaas Aaronitti in hime. 29Kana booddee Musee fi Aaron dhaqanii maanguddoota saba Israa'el hundumaa walitti qaban. 30Aaron immoo dubbii Waaqayyo Museetti dubbate hundumaa isaanitti in hime; yommus Museen milikkiticha sana ija saba sanaa duratti in argisiise. 31Sabni sunis in amanan; Waaqayyo saba Israa'elin akka ilaale, gad qabamuu isaaniis akka arge yeroo dhaga'anitti immoo qoomma'anii in sagadan*.#27 3:1 31 3:16
Currently Selected:
Seera Ba'uu 4: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: