YouVersion Logo
Search Icon

Seera Uumamaa 28

28
Yaaqoob Intala Laabaan Akka Fuudhuuf Ergamuu Isaa
1Yisihaqis Yaaqoobin waamee, eebbisee, isa abboomee,<<Durboota warra Kana'aan keessaa hin fuudhin*! 2Ka'i gara biyya Phaadaan-Aaram mana Batu'el abbaa haadha keetii dhaqi! Achii immoo intaloota Laabaan obboleessa haadha keetii keessaa tokko fuudhi*! 3Waaqayyo inni hundumaa danda'u si haa eebbisu, sanyii siif haa kennu si haa baay'isus! Ati saba guddaa in taata*; 4inni eebba Abrahaamin eebbise siif, si booddees sanyii keetiif haa kennu! Biyya ati galaa taatee amma keessa jirtu, isa inni ofii isaatii Abrahaamiif kenne kana, akka ati qabattu haa godhu!>> jedhe*. 5Yisihaqis akkasitti Yaaqoobin achi erge; Yaaqoobis gara biyya Phaadaan-Aaram, mana Laabaan ilma Batu'el nama biyya Aaram dhaqe; Laabaan obboleessa Ribqaa ishee Yaaqoobii fi Esaawuu deesse ture.#1 24:3 2 22:23; 24:4,29 3 12:2 4 12:7; 17:4-8
Esaawuun Ammas Niitii Fuudhuu Isaa
6Yisihaq amma immoo Yaaqoobin eebbisee, eebba isaa keessattis,<<Ati durboota warra Kana'aan keessaa niitii hin fuudhin!>> jedhee abboome, biyya Phaadaan-Aaram dhaqee achii akka fuudhuuf isa erge; Esaawuunis kana yaadaan in qabe; 7akkasumas Yaaqoob abbaa isaatii fi haadha isaatiif abboomamee, Phaadaan-Aaram dhaquu isaa in hubate; 8durboonni warra Kana'aan Yisihaq abbaa isaa duratti akka hin jaallataminis in arge. 9Kana booddees Esaawuun gara Ishmaa'el ilma Abrahaam dhaqee, intala isaa ishee<<Mahilaat>> jedhamtu obboleettii Nabaayot, dubartoota dur qabu irratti dabalee in fuudhe*.#9 25:13; 26:34
Waaqayyo Abjuutti Yaaqoobitti Dubbachuu Isaa
10Yommus Yaaqoob Bersheebaadhaa ba'ee gara Kaaraanitti adeeme. 11Inni iddoo tokko ga'ee aduun linnaan achi bule; dhagoota iddoo sana jiran keessaa tokko fuudhee, mataa isaa jala kaa'atee iddoodhuma sana ciise. 12Inni achitti abjuu abju'atee, yaabbannoo hundeen isaa lafa dhaabate, fiixeen isaa bantii waaqaa bira ga'u tokko in arge; kunoo, ergamoonni Waaqayyoo isa irra ol in ba'u, gadis in bu'u turan*. 13Waaqayyo immoo isa gara irraa#Uma 28:13 <<Isa gara irraa>> kaan <<Isa bukkee>> jedhu. dhaabatee,<<Ani Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam abbaa kee tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq; lafa ati irra ciiftu kanas siif, sanyii keetiifis nan kenna*; 14sanyiin kees akka biyyoo lafaa in ta'a; gara lixa-biiftuutti, ba'a-biiftuutti, harka bitaatti, harka mirgaattis in bali'fata; qomoon biyya lafaa irraas hundinuu sababii keetiif, sababii sanyii keetiifis in eebbifamu*. 15Kunoo! Ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe siifan raawwadha malee, si hin gatu!>> jedhe.#12 Yoh 1:51 13 12:7 14 12:2-3; 13:14-15; 22:18
16Achumaanis Yaaqoob hirribaa dammaqee,<<Waaqayyo dhuguma iddoo kana jira! Ani garuu kana hin beekne>> jedhe. 17Innis sodaatee,<<Iddoon kun attam sodaachisaa dha! Mana Waaqayyoo malee, homtuu as hin jiru, kun balbala bantii waaqaa ti!>> jedhe*.#17 Bau 3:5
18Yaaqoob ganama obboroodhaan ka'ee, dhagicha mataa isaa jala kaa'atee ture sana fuudhee, utubaa seenaa godhee ol qajeelchee dhaabe, dhadhaa ejersaa isa irratti dhangalaase in dibe. 19Yaaqoobis maqaa iddoo sanaa <<Bet'el>> jedhee moggaase; duraan garuu maqaan mandara sanaa <<Luz>> jedhama ture*; [<<Bet'el>> jechuun <<Mana Waaqayyoo>> jechuu dha]. 20Yaaqoob wareega wareegee,<<Waaqayyo anaa wajjin ta'ee, karaa ani irra deemu kana irratti ana yoo eege, buddeena ani nyaadhu, uffata ani uffadhus yoo anaaf kenne, 21nagaattis mana abbaa kootti yoon deebi'e, Waaqayyo inni kun, anaaf Waaqayyo, gooftaas in ta'a; 22dhagaan inni ani utubaa seenaa godhee dhaabe kunis, iddoo mana Waaqayyoo in ta'a; yaa Waaqayyo, wanta ati anaaf kennitu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko siifan baasa>> jedhe.#18-19 35:14-15

Currently Selected:

Seera Uumamaa 28: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in