Seera Uumamaa 33
33
Yaaqoob, Obbooleessa Isaa Esaawuu Wajjin Wal Arguu Isaa
1Yommus Yaaqoob ol ilaalee, kunoo, Esaawuun namoota dhibba afurii wajjin utuu dhufuutti jiruu arge; kanaaf ijoollee Liyaa, Raahelii fi xomboreewwan lamaan gidduutti gargar hire*. 2Xomboreewwan lamaan ijoollee isaanii wajjin fuula dura buusee, Liyaa fi ijoollee ishee itti aansee, Raahelii fi Yoseefin immoo hundumaa booddee buuse. 3Ofii isaatii immoo hunduma isaanii dura bu'ee, itti adeemee hamma obboleessa isaatti dhi'aatutti si'a torba lafa ga'ee qoomma'e.#1 32:7
4Esaawuun garuu isa simachuutti fiigee, morma isaa irratti kufee ammatee in dhudhungate; isaan lachuu walitti boo'an. 5Esaawuun ol ilaalee dubartootaa fi ijoollee yommuu argee,<<Isaan kun maal kee ti?>> jedhe; Yaaqoobis,<<Isaan ijoollee Waaqayyo ayyaana isaatiin ana garbicha keetiif kennee dha>> jedheen. 6Yommus xomboreewwan itti dhi'aatan; isaanis, ijoolleen isaaniis in qoomma'aniif. 7Liyaanis akkasuma ijoolleen ishees itti dhi'aatanii in qoomma'aniif; dhuma irratti Yoseefii fi Raahel itti dhi'aatanii isaanis in qoomma'aniif.
8Esaawuun immoo,<<Kutata buufate ani arge sana hundumaa immoo maaliif yaadde?>> jedhe; Yaaqoobis deebisee,<<Faara gooftaa koo ittiin argachuudhaaf nan yaade>> jedhe*. 9Esaawuun garuu,<<Ani baay'een qaba, yaa obboleessa ko, kan kee si'umaaf haa ta'u!>> jedhe. 10Yaaqoob immoo,<<Hin ta'u, ani akka nama fuula Waaqayyoo arguutti fuula kee argeera, ati immoo fuula ifaadhaan na simatteetta; ammas ani fuula kee duratti faara ergan argadhee, kennaa koo kana ana harkaa fudhadhu*! 11Ammas sin kadhadha, Waaqayyo gaarummaa anatti argisiisee, anis wanta na ga'u waanan argadheef, harka-fuudhaa isa siif dhi'aate kana fudhadhu!>> jedhee isa giddisiise; Esaawuunis in fudhate.#8 32:13-21 10 32:30
12Yommus Esaawuun,<<Kottaa kaanee karaa keenya itti fufnaa, ani si dura nan adeema>> jedhe. 13Yaaqoob garuu deebisee,<<Ijoolleen akka dadhaban, bushaayee fi saawwan warri hoosisanis akka na yaadeessan, gooftaan koo in beeka; isaan guyyuma tokkoof illee sardama yoo oofaman, bushaayeen hundinuu in dhumu; 14gooftaan koo darbee garbicha isaa dura haa adeemu; anis suutuma jedhee, adeemsa horii warra na dura jiraniif, adeemsa ijoolleef akka ta'utti, hamman Se'iiritti si gooftaa koo bira dhufutti nan adeema>> jedhe.
15Kana booddee Esaawuun,<<Namoota anaa wajjin jiran keessaa kaan si biratti dhiisee nan adeema>> jedhe; inni garuu,<<Fuula gooftaa koo duratti faara argachuu malee, kun maaliif barbaachisa?>> jedhe. 16Gaafas Esaawuun karaa isaa irra gara Se'iiritti deebi'e; 17Yaaqoob garuu gara iddoo isa <<Suukoot>> jedhamee moggaafametti adeeme, ofii isaatiif godoo, horii isaatiifis gaaddisa ijaare; kanaafis maqaa iddoo sanaa <<Suukoot>> jedhee moggaase [<<Suukoot>> jechuun <<Gaaddisa>> jechuu dha].
18Yaaqoobis Phaadaan-Aaramii yommuu deebi'e, nagaadhaan gara mandara Sheekem ishee biyya Kana'aan keessaa dhufe; mandarattii fuula duras in buufate. 19Ijoollee Hamoor abbaa Sheekemis irraa laficha isa godoo isaa irra dhaabbate sana akka meetii dhibbaan in bite*. 20Achitti iddoo aarsaa tokkos ijaaree, isas <<Waaqayyo, Waaqayyo isa kan Israa'el>> jedhee moggaase*.#19 Iya 24:32 20 12:7-8; Abo 6:24
Currently Selected:
Seera Uumamaa 33: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: