WANGEELA YOHANNIS 3
3
Niqoodemos Gara Yesus Dhaquu Isaa
1Fariisota keessa, namni Niqoodemos jedhamu tokko ture; inni dura-buutuu Yihudootaa ture*. 2Inni kun halkaniin gara Yesus dhufee, ?Rabbii akka ati barsiisaa taatee Waaqayyo biraa dhufte nuyi beekna; homtinuu yoo Waaqayyo isaa wajjin jiraate malee milikkita ati argisiiftu kana, danda'ee hin argisiisu? ittiin jedhe*. 3Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u? jedhee deebiseef*. 4Niqoodemos immoo, ?Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda'a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda'a moo?? jedhee Yesusin gaafate*. 5Kanaaf Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u*. 6Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura*. 7Olii dhalachuun isiniif in ta'a siin jechuu kootiif hin dinqifatin. 8Qilleensi gara fedhetti in qilleensa'a, qilleensa'uu isaa in dhageessa, eessaa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana? jedhee deebiseef*.#1 7:50; 19:39 2 9:16,33; Mat 22:16; HoE 10:38 3 1:13; 1Phe 1:23; 1Yoh 3:9 4 2Qor 5:17 5 His 36:25-27; Efe 5:26; Tit 3:5 6 1:13; 1Qor 15:50 8 Lal 11:5
9Niqoodemos deebisee, ?Kun attamitti ta'uu danda'a?? jedhee Yesusin gaafate. 10Yesus deebiseefii, ?Ati barsiisaa Israa'el kan taate, kana hin beektuu? 11Dhuguma, dhuguman sitti hima, nuyi isa beeknu in dubbanna, isa argines dhugaa in baana; utuma ta'uu iyyuu isin isa nuyi dhugaa baanu hin fudhattan*. 12Waa'ee isa biyya lafaa isinitti himnaan erga hin amantan ta'ee, waa'ee isa biyya waaqaa yoon isinitti hime immoo attamitti amantu ree? 13Ilma namaa isa waaqa irraa gad bu'e sana malee, homtinuu gara waaqaatti ol hin baane*. 14Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimaa muka irratti akka ol fuudhe, ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun in ta'a*. 15Kunis ilma namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf ta'a*.#11 3:32; 8:26 13 Fak 30:4; Rom 10:6; Efe 4:9; HoE 2:34 14 Lak 21:9; Yoh 8:28; 12:32-34 15 20:31; Mar 16:16; Rom 1:16; 1Yoh 5:11-13
16?Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti*! 17Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee*. 18Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera*. 19Ifichi gara biyya lafaa dhufeera, namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan ta'eef, ifa irra dukkana jaallatan; firdichis akkuma kanatti in raawwatama*. 20Hamaa kan hojjetu hundinuu ificha in jibba, hojiin isaa akka irratti hin beekamneef gara ifichaatti hin ba'u*. 21Dhugaatti kan jiraatu garuu hojiin isaa, inni akka jaalala Waaqayyootti hojjetame, haa mul'atuuf gara ifichaatti in ba'a? jedheen*.#16 Rom 8:32; 1Yoh 4:9-10; Yoh 3:36 17 12:47; Luq 19:10 18 5:24; 2Tas 2:12 19 1:5,9-11; 8:12; 9:5; 12:48 20 7:7; Efe 5:11-13 21 Mat 5:16; 1Yoh 1:6-7
Yohannis Waa'ee Yesus Dhugaa Ba'uu Isaa
22Kana booddee Yesusii fi bartoonni isaa gara kutaa biyya Yihudaa dhaqan; Yesus bartoota isaa wajjin takka achi bubbule, in cuuphas ture*. 23Yohannis immoo mandara Enon isa Saalemitti dhi'oo, iddoo bishaan baay'een argame sanatti in cuupha ture; namoonnis achi dhaqanii in cuuphaman. 24Yohannis yeroo sanatti mana hidhaatti hin galfamne ture*.#22 4:1-2 24 Mat 14:3; Mar 6:17; Luq 3:19-20
25Yommus bartoonni Yohannis waa'ee qulleessuu irratti Yihudii tokkoo wajjin walitti falmuutti ka'an. 26Bartoonni sun gara Yohannis dhufanii, ?Yaa barsiisaa, inni gama Yordaanositti sii wajjin ture, atis immoo dhugaa baateef sun kunoo in cuupha; hundumtinuus gara isaa dhaqaa jiru? jedhanii itti himan*. 27Yohannis yommus deebisee, ?Namni yoo waaqa irraa isaaf kenname malee, waan tokko illee fudhachuu hin danda'u*. 28?Ani Kristos miti, garuu fuula isaa duran ergame? jedhee akkan dubbadhe, isin ofii keessanii dhugaa anaaf baatu*. 29Misirroo kan manaa qabu inni dhirsa misirroo ti, miinjeen inni isa dhaggeeffatu garuu sagalee dhirsa misirroo dhaga'uutti guddaa in gammada; anis akkuma kanatti gammachuun koo amma guutuu in ta'a*. 30Inni sun guddachaa adeemuun in ta'aaf, ani garuu xinnaachaa adeemuun anaaf in ta'a? jedhe.#26 1:25-34; 4:1-2; Mat 3:11,13 27 19:11; 1Qor 4:7; Ibr 5:4 28 1:20,23; Luq 3:15-17 29 15:11; 17:13; Mat 9:15
Yesus Waaqa Irraa Dhufuu Isaa
31Yohannis itti fufee, ?Inni olii dhufu hundumaa irra jira; namni lafa kanaa kanuma lafaatti, waa'ee isa lafa irraa dubbatas, inni waaqa irraa dhufu hundumaa irra jira*. 32Isa arge isa dhaga'e sanas dhugaa in ba'a; isa inni dhugaa ba'us homtinuu hin fudhatu*. 33Isa inni dhugaa ba'u kan fudhatu immoo, Waaqayyo dhuga-qabeessa akka ta'e mallattoodhaan cimseera*. 34Inni Waaqayyo isa erge dubbiidhuma Waaqayyoo dubbata, Waaqayyo hafuuricha safara malee in kenna'o*. 35Abbaan ilma isaa in jaallata, waan hundumaas harka isaatti kenneera*. 36Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isarratti hafa malee? jedhe*.#31 8:23; 1Qor 15:47; 1Yoh 4:5 32 3:11; 8:26 33 1Yoh 5:10 34 1:16,33-34; Qol 1:19 35 5:20; 17:2; Mat 11:27; Luq 10:22 36 3:15-18; 1Yoh 5:12-13; Efe 5:6; Ibr 3:18-19; Rom 11:20,30-32
Currently Selected:
WANGEELA YOHANNIS 3: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: