Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 8
8
Dubartiin Seebartu Qabamte
1 #
Luq. 21:37-38
Kanaan maayessa Yesuus gara gaara ejersaa dhaqe. 2#Mat. 26:55 Ganamallee akkasuma gara mana woyyu'uu dhufe; baniin maruu gara isaa dhufan; innillee taa'ee isaan barsiise. 3Barsiisonninii fi Fariisonni dubartii seebaru'uun qabamte takka gara isaa fidan; isii wodhakkaa dhaabsisanii, 4Yesuusiin, «Barsiisaa'a! dubartiin tun ta seebartu; kanaaf qabnee sitti finne. 5#Ser. Lew. 20:10; Kes. Deb. 22:22-24 Muuseen ta akkanaa tanniin akka tumaman seeraan nu ajajeera, ati hoo waan isi'ii maal jetta?» jedhaniin. 6#Mat. 22:15; Luq. 10:25; 11:53-54 Isaanillee waan isa ittiin himatan argatu'uu fi isa qoru'uuf kana jedhan. Yesuus ammo gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. 7#Kes. Deb. 17:7; Rom. 2:1 Deddeebi'anii hennaa gaafataniin ammo ol jedhee, «Isin keessaa ka cubbuu hin qabne firrisee dhaga'aan isii haa dhayuu» isaaniin jedhe. 8Ammallee gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. 9#Mat. 22:22; Rom. 2:22 Isaanillee hennaa kana dhagayan manguddoota irraa jalqabanii isaan martinuu tokko tokkoon bayanii isa biraa lixan. Yesuus dubartii jidduu isaanii dhabattee turte woliin hojja ufii hafe. 10Yesuus ol jedhee dubartii sanii achitti eennuunillee haga dhabe, «Dubartii nana jarri si himatan sunniin meeti? worri sitti murteesse hin jiruu?» isi'iin jedhe.
11 #
3:17; 5:14 Isiinillee, «Gooftaa'a! eennullee hin jiru» jette. Yesuusillee, «Anillee sitti hin murteessu, Deemi; ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.
Yesuus Ifa Adunya'aati
12 #
Isa. 49:6; 60:1; Yoh. 1:4,5,9; 9:5; 12:46; Mat. 5:14 Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka ana faana deemu, ifa jireennaatitu ta'aaf malee dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate. 13#5:31 Fariisonnillee, «Ati waan kee radda, ragaan kee dhuga'aa miti» jedhaniin.
14 #
7:28,33; 9:29; 13:3; 16:28 Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan. 15#Sam. 1ffaa 16:7; Yoh. 7:24; 12:47 Isin yaada namumma'aatiin murteessitan; Ani nama tokkottillee hin murteessu. 16#5:30; 8:29 Aabbaan ana erge na woliin jira; hojja kiyya waan hin jirreef, Ani yoo murteesse murtiin kiyya dhuga'a. 17#Kes. Deb. 17:6; 19:15 Murtiin namoota lamaa dhugaa akka ta'e seera keessan keessatti barreeffameera. 18#5:37; Yoh. 1ffaa 5:9 Waan kiyya ka ragu ana, Aabbaan na ergellee waan kiyya raga.» 19#14:7; 16:3 Hennaa san isaan, «Eegasuu abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookaan Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe. 20#7:30; Mar. 12:41; Luq. 21:1 Yesuus uduu mana woyyu'uu keessatti barsiisu, mana qabeennaa biratti kana dubbate, yoo san hennaan waan hin geenneef eennullee isa hin qabne.
Hulee Ani Dhaqu Isin Dhaquu Hin Dandeettan
21 #
8:24; 7:34; 13:33 Yesuus ammallee, «Ani hin deema; isinillee na soxxan, cubbuu keessaniin duutan; gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan» isaaniin jedhe.
22 #
7:35
Yihuudonnillee, « ‹Gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan› jechuun isaa uf ajjeesaa laata?» hin beennu jedhan. 23#3:31; 17:16 «Isin ka gadiiti; ani ammo ka oliiti; isin worra adunyaa tanaati, ani garuu ka adunyaa kanaatii miti.» 24#4:26; 13:19 Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan» isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabaattan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe. 25Eeganaa, «Ati eennu?» jedhaniin. Yesuusillee, «Ani isuma duratti isinitti dubbadhe san. 26#3:32-33; 7:28; 12:49 Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haa ta'uu ammo ka ana erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe. 27Waan Aabbaa akka isaanitti hime isaan hin hubanne. 28#3:14; 12:32; 5:19 Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan. 29#8:16; 16:32 Ka ana erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf Aabba hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe. 30#2:23; 7:31; 10:42; 11:45 Hennaa inni kana dubbate heddu isaanii isatti amanan.
Dhugaan Bilisa Isin Baafti
31-32 #
15:7
Yesuusillee Yihuudota isatti amananiin, «Isin yoo dubbii kiyyaan jiraattan isin dhugamaan darasoota tiyya; dhugaallee hin beettan; dhugaanillee bilisa isin baasa» isaaniin jedhe. 33#8:39; Mat. 3:9; Luq. 3:8; Nah. 9:36 Isaanillee deebisanii, «Nu fiixaa Abrahaamiiti; garuu nu hennaa kamiinillee garbicha hin taane; Ati attamitti, ‹Bilisa baatan› nuun jetta?» jedhaniin. 34#Rom. 6:16,20; Phex. 2ffaa 2:19; Yoh. 1ffaa 3:8 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka cubbuu hojjatu maruu garbicha cubbu'uuti. 35#Ser. Uma. 21:10; Ser. Ba'u. 21:2; Gal. 4:30; Far. 23:6 Garbichi baraa haga bara baraa mana keessa hin jiraatu. Ilmi ammo haga bara baraa jiraata. 36#Rom. 6:18,22; 8:2 Eeganaa Ilmi yoo bilisa isin baase, dhugamaan bilisa baatan. 37#5:18 Akka isin fiixaa Abrahaamii taatanillee ani hin beeka. Haa ta'uu ammo dubbiin kiyya isin keessa waan hin jirreef na ajjeesuu barbaaddan. 38Ani waan Abbaa kiyya biratti arge dubbadha. Isinillee akkasuma waan abbaa keessan irraa dhageettan gootan.» 39#8:33,37; Mat. 3:9; Rom. 9:7; Gal. 3:7 Isaanillee deebisanii «Abbaan keenna Abrahaam» jedhaniin. Yesuusillee, «Uduu ijoollee Abrahaamii taatanii hujii Abrahaamii hojjattan. 40Haa ta'uu ammo amma Ana nama dhugaa Rabbiin irraa dhagayee isinitti himu ajjeesuu barbaaddan. Abrahaam ammo waan akkanaa hin goone. 41#Kes. Deb. 32:6; Isa. 63:16; 64:8 Isin hujii Abbaa keessanii hojjattan» isaaniin jedhe. Isaan, «Nu ammo ta seebartu irraa hin dhalanne, Abbaa tokko qabna; Innillee Rabbi» jedhaniin. 42#7:28; 16:27-28; 17:8; Yoh. 1ffaa 5:1 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi uduu Abbaa keessan ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef; isatu na erge malee ani ufiin hin dhufne. 43#6:60; Qor. 1ffaa 2:14 Isin maaf dubbii kiyya hin qalbifanne? Dubbii kiyya dhagayuu waan hin dandeenneef. 44#Ser. Uma. 3:1-5; Yoh. 1ffaa 3:8-10 Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan; inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabanne, yoo soballee dubbatu ufuma irraa dubbata; sobaa abbaa sobaa waan ta'eef. 45Ani ammo waan dhugaa dubbadhuuf na hin amantan. 46#Qor. 2ffaa 5:21; Phex. 1ffaa 2:22; Yoh. 1ffaa 3:5 Isin keessaa waan cubbu'uutiif ka ana himatu eennu? Yoo ka dhugaa dubbadhu ta'e, isin maaf na hin amanne? 47#18:37; Yoh. 1ffaa 4:6 Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef hin dhageettan.»
Yesuus Abrahaamiin Dura Ture
48 #
7:20; Mar. 3:21-22 Yihuudonni deebisanii, «Ati nama Samaariya'aa akka taate; jinniin si keessa jira jechuun keenna mishaa jennee mii?» jedhaniin. 49Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «jinniin na keessa hin jiru, Ani Abbaa kiyya hin kabajja. Isin ammo na salphiftan. 50#5:41; 7:18 Ani ammo kabajjamuu hin barbaadu. Ka kabajjamuu kiyya barbaaduu fi ka murteessullee ka biraa hin jira. 51#5:24; 6:40,47; 11:25-26; Ibr. 11:5 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa du'a hin argu.» 52#Zakk. 1:5; Mar. 9:1 Yihuudonni isaan, «Jinniin akka si keessa jiru amma beenne. Abrahaam du'eera; raattonnillee du'aniiran; ati ammo, ‹Eennullee ka dubbii kiyya eege yoo jiraate sirima baraa haga bara baraa hin du'u› jettee dubbatta. 53#4:12; Mat. 12:41-42 Sirimaa ati abbaa keenna ka du'e Abrahaamiin caaltaa? Raattonillee du'aniiran. Eennuun ta'u'uuf taata ree?» jedhaniin. 54Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «Ani yoo uf kabajje kabajjaan kiyya duwwa'a. Ka na kabajju ka isin Rabbii keenna jettan Abbaa kiyya san. 55#7:28-29; Mat. 11:27; Luq. 10:22 Isin isa hin beenne; ani ammo hin beekaan, ani uduu isa hin beeku jedhee akkuma keessan sobaa ta'a. Haa ta'uu ammo ani hin beekaan; dubbii isaallee hin eega. 56#Ibr. 11:13; Phex. 1ffaa 1:8 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa kiyya argu'uuf hawwe; hin arge, hin gammade» 57#Luq. 3:23 Yihuudonni, «Ati uduu woggaa shantamaatuu hin guunne, Abrahaamiin argiteertaa?» jedhaniin. 58#1:1-2 Yesuusillee, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, uduu Abrahaam hin dhalatiniin dura ani hin jira» isaaniin jedhe. 59#10:31; 11:8; Mat. 23:37 Kanaafuu isaanillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan, Yesuus ammo isaan jalaa uf dhossee isaan jidduu lufee mana woyyu'uu bayee deeme.
Currently Selected:
Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 8: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in