Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 17
17
Namoota Guffachiisuu Irraa Uf Eeggachuu
(Mat. 18:6-7,21-22; Mar. 9:42)
1Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haa ta'uu ammo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas! 2Worra didiqqaa kanniin keessaa tokko gufachiisu'uu mannaa dhagaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee galaanatti gatamuu isaa woyya. 3#Mat. 18:15 Maarre isin uf eeggadhaa'a; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessii gorsi yoo gaabbee cubbuu ufii irraa deebi'e dhiifama godhiif. 4Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.»
5 #
Mar. 9:24
Ergamtoonni Goofta'aan, «Amantii nuu eda'i» jedhaniin. 6#Mat. 17:20; 21:21 Gooftaan akkana isaaniin jedhe, «Amantii diqqoo haga gumaa heexo'oo geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan silaa isinii ajajama.»
Waan Hojjataa Tokko Irraa Eeggamu
7«Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan ka horii tissu qabaatee inni hennaa qonnaa deebi'u, ‹Koottuu as taa'ii hurbaata nyaadhu!› eentu jedhaan? 8Garbicha saniin, ‹Nyaata naaf qopheessi, haga ani nyaadhee dhugee ka'utti marxifadhuu na tajaajili; achiin maayessa atillee nyaattee dhuddaa› jedhaanii mii? 9Garbichi sun ajaja kana waan raawwateef hin jajataanii? 10Maarre isinillee akkasuma hennaa waan ajajamtan maraa gootan, ‹Nu garboota bu'aa hin qabne; woma hojjachuu nu barbaachisu hojjanne› jedhaa'a!» isaaniin jedhe.
Yesuus Namoota Kudhanii Fayyise
11 #
9:51; 13:22 Yesuus hennaa gara Yerusaalemii deemu, Galiila'aa fi Samaariyaa jidduu lufe. 12#Ser. Lew. 13:46 Hennaa inni gara ganda tokkoo seene, namoonni kudhanii ka dhibee gogaa kukkutuun qabaman Yesuusiin wolitti dhufan. 13Laagaa ufii ol qabatanii yabo'oo, «Gooftaa Yesuus garaa nuu laafi!» jedhaniin. 14#5:14; Ser. Lew. 14:1-32 Yesuus hennaa isaan arge, «Dhaqa'aatii gadootatti uf mudhisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee achi uduu dhaqa'aaran fayyan. 15Isaan keessaa tokko akka fayye hennaa arge, laagaa gudda'aan Rabbiin galatoonfata'aa deebi'ee dhufee, 16kallacha ufiitiin luka Yesuusii irratti kufee isa galatoonfate. Inni sun nama biyya Samaariya'aati. 17Yesuus akkana jedhee gaafate, «Namoonni kudhanuu dhibee gogaa kukkutu irraa qulqullaayaniiranii mii? namoonni sagalii meeti ree? 18Nama Yihuudii hin taane ka gosa addaa kana malee ka Rabbiin galatoonfatu'uuf deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe. 19#7:50; 18:42 Inni isaan akkana jedhe, «Amantiin kee si fayyiseeraa ka'ii deemi»
Dhufa Jeennata Rabbii
(Mat. 24:23-28,37-41)
20 #
Yoh. 3:3; 18:36 Fariisonni «Jeennanni Rabbii yoom dhufti» jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu. 21#17:23; 19:11; Hu. Er. 1:6 Eennullee, ‹Ila, as jirti!› yookaan, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababaan jeennanni Rabbii isin jidduu jirti» jedhe. 22Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa; isin garuu hin argitan. 23#17:21; 21:8; Mar. 13:21 Isaanillee, ‹Kuunno achi jirti!› yookaan ‹Kunoo asi jirti!› isiniin jedhan. Isin ammo hin dhaqinaa'a; faanallee hin deeminaa'a! 24Akkuma hangaasuun sami'ii gaditti falaqqisee daanga'aa haga daanga'aa ifuutitti, Dhufti Ilmi namaa guyyaa sanitti akkasuma ta'a. 25#9:22; 18:32-33; Mat. 16:21; Mar. 8:31 Inni ammo duraan dursee akka malee rakkatee dhaloota kanaan tuffatamuu barbaachisa. 26#Ser. Uma. 6:5-8 «Akkuma bara Nohii ta'e san barri Ilma Namaallee akkasuma ta'a. 27#Ser. Uma. 7:6-24 Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse. 28#Ser. Uma. 18:20-21; 19:1-14 Akkuma bara Looxii ta'e nyaata'aa, dhuga'aa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan. 29#Ser. Uma. 19:15-29 Gaafa Looxi Soodoomii baye ammo samii irraa ibiddi dhaga'aa ka bobayutu roobee isaan maraa balleesse. 30Guyyaa Ilmi Namaa dhufullee akkasuma ta'a.
31 #
21:21; Mat. 24:17-18; Mar. 13:15-16 «Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a ufii ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in. 32#Ser. Uma. 19:26 Haadha manaa Looxii qaabadhaa'a! 33#9:24; Mat. 10:39; 16:25; Mar. 8:35; Yoh. 12:25 Namni lubbuu ufii oolfatuu fedhu maruu hin balleeffata; namni lubbuu ufii balleessu maruu hin oolfata. 34Ani isinitti himaa halkan san namoonni lamaan itillee takkattii irra rafan; isaan keessaa tokkochi hin fudhatama; ka lammeesso'oo ammo hin hafa. 35Dubartoonni lamaan bakka tokkotti midhaan daakan; takkattiin hin fudhatamti; ta lammeesso'oo ammo hin hafti. 36[Namoonni lamaa qonna keessa taa'an; tokko hin fudhatama, ka lammeesso'oo ammo hin hafa]» 37#Iyyo. 39:30 Isaan deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Bakka randhi jirutti rumichi wol gaya.»
Currently Selected:
Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 17: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

: