12
Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibame
12:1‑8 kwi – Mat 26:6‑13; Mar 14:3‑9; Luq 7:37‑39
1Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe. 2Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture. 3Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
4Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe; 5“Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti#12:5 Diinaariin dhibba sadii mindaa hojjetaan tokko waggaatti argatuu dha. gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?” 6Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
7Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa. 8Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”
9Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan. 10Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan; 11Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.
Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa
12:12‑15 kwf – Mat 21:4‑9; Mar 11:7‑10; Luq 19:35‑38
12Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan. 13Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan;
“Hoosaaʼinaa!”#12:13 Hoosaaʼinaa jechuun afaan Ibraayisxiitiin “Amma fayyisi” jechuu dha; kunis jecha galataa ti.
“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”#12:13 Far 118:25,26
“Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
14Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
15“Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin;
kunoo, mootiin kee,
ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”#12:15 Zak 9:9
16Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
17Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan. 18Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan. 19Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.
Yesuus Duraan Dursee Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate
20Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan. 21Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin. 22Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.
23Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera. 24Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata. 25Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. 26Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
27 “Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe. 28Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!”
Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe. 29Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.
30Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti. 31Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama. 32Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.” 33Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
34Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos#12:34 yookaan Masiihichi bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen.
35Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii. 36Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
Amantii Dhabuu Yihuudootaa
37Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne. 38Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan:
“Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?
Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?”#12:38 Isa 53:1
jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
39Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
40“Ija isaaniitiin akka hin argineef,
qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef,
akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef,
inni ija isaanii jaamseeraatii;
garaa isaaniis jabeesseera.”#12:40 Isa 6:10
41Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
42Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne; 43isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
44Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti. 45Kan na argus isa na erge sana arga. 46Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
47 “Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii. 48Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura. 49Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne. 50Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.”