1
Lakkoobsa Sabaa
1Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti Waaqayyo dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Museetti dubbate. Innis akkana jedheen; 2“Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa. 3Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Aroon kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa. 4Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba.
5“Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha:
“Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur;
6gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi;
7gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab;
8gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar;
9gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon;
10ilmaan Yoosef keessaa:
gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud;
gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur;
11gosa Beniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon,
12gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay;
13gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan;
14gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel;
15gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.”
16Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan.
17Musee fi Aroon namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii, 18guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame; 19innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe.
20Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman. 21Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture.
22Sanyii Simiʼoon keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman. 23Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture.
24Sanyii Gaad keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 25Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture.
26Sanyii Yihuudaa keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 27Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture.
28Sanyii Yisaakor keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 29Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture.
30Sanyii Zebuuloon keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 31Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture.
32Ilmaan Yoosef keessaa:
Sanyii Efreem keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 33Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture.
34Sanyii Minaasee keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 35Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture.
36Sanyii Beniyaam keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 37Baayʼinni gosa Beniyaam nama 35,400 ture.
38Sanyii Daan keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 39Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture.
40Sanyii Aasheer keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 41Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture.
42Sanyii Niftaalem keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 43Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture.
44Dhiironni kunneen warra Musee fi Aroon hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan. 45Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman. 46Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture.
47Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne. 48Waaqayyo Museedhaan akkana jedhee ture: 49“Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin. 50Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan. 51Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu. 52Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan. 53Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi Waaqayyoo waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.”
54Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan.