YouVersion Logo
Search Icon

Lakkoobsa 10

10
Malakatawwan Meetii
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe: 2“Meetii tumame irraa malakata lama tolfadhuutii hawaasa walitti waamuu fi akka qubanni kaʼee deemu gochuuf itti fayyadami. 3Yeroo malakanni lamaan afuufamanitti hawaasni hundi balbala dunkaana wal gaʼiitti fuula kee duratti walitti haa qabamu. 4Yoo malakanni tokko qofti afuufame garuu hooggantoonni jechuunis abbootiin gosoota Israaʼel fuula kee duratti walitti haa qabaman. 5Yeroo malakanni afuufamutti gosoonni gama baʼa biiftuutiin qubatan kaʼanii haa deeman. 6Yeroo malakanni siʼa lammaffaa afuufamutti immoo gosoonni gama kibbaatiin qubatan kaʼanii haa deeman. Malakanni afuufamu sun mallattoo isaan ittiin qubata keessaa baʼanii dha. 7Hawaasa walitti qabuudhaaf malakata afuufi; garuu mallattoo wal fakkaatuun hin afuufin.
8“Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. 9Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos Waaqayyo Waaqni keessan isin yaadatee diina keessan jalaa isin baasa. 10Akkasumas guyyaa gammachuu keessanii jechuunis gaafa ayyaana beekamaa fi Ayyaana Baatii Haaraatti aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa irratti malakatawwan afuufaa; wanni kunis fuula Waaqa keessanii duratti yaadannoo isiniif taʼa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
Israaʼeloonni Siinaadhaa Baʼan
11Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe. 12Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman. 13Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenneen kaʼanii deeman.
14Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture. 15Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture; 16Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture. 17Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman.
18Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture. 19Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture; 20Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture. 21Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture.
22Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture. 23Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture; 24Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture.
25Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture. 26Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture; 27Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture. 28Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan.
29Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya Waaqayyo, ‘Ani isinii kenna’ nuun jedhe sana dhaquuf deemaa jirra. Nu waan gaarii siif goonaatii kottuu nu wajjin deemi; Waaqayyo waan gaarii Israaʼelootaaf kakateeraatii.”
30Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise.
31Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa. 32Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii Waaqayyo nuu kennu si wajjin qoodanna.”
33Isaan tulluu Waaqayyoo irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Waaqayyoos iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme. 34Duumessi Waaqayyoo sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
35Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture;
“Yaa Waaqayyo, kaʼi!
Diinonni kee haa bittinneeffaman;
warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan.”
36Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture;
“Yaa Waaqayyo,
gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi.”

Currently Selected:

Lakkoobsa 10: HAH

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in