Kitaaba Seera Dadaa 17
17
Haqanqabaa Beessisa Gondooro'oo
1Abraam nama woggaa sagaltamii sagalii yennaa te'etti, Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani Waaqa waan mara dande'u; naaf ajajamiitii ka komii hin qanne te'i. 2Anille wodhakkaa tiyyaa fi teetitti gondooroo hin gondoora; sanyii teeti hin baceessa» jedheen. 3Achiin duuba Abraam fuulaan lafatti gombifame; Waaqille isaan 4«Gondooroo ani si woliin gondooru tana: Ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu hin teeta. 5Maqaan keeti haganaa achi, ‹Abraam› hin jedhamu, ani abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu waan si godhuuf, maqaan keeti, ‹Abrahaam›#17:5 Abrahaam: Afaan Ibrootaatiin Abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu jechu'u. jedhama. 6Ani sanyii hedduu sii hin kenna. Isaan gosa biyya adda addaa hin te'an; isaan keessaa gariin mootota hin te'an.
7«Ani si'iif Waaqa te'ee, si'iin duuballe sanyii teetiif Waaqa te'iisaaf Gondooroo tiyya anaa fi si wodhakka'atti, dhaloota si'iin duuba jiranu, sanyii isaanii wodhakkaalle'etti Gondooroo haga bara baraa godhee, jabeessee hin gondoora. 8Lafa ati amma alagaa itti teete, lafa Kana'aanotaa mara si'ii fi sanyii teetiif haga bara baraa hin kenna; ani Waaqa isaaniille hin te'a» jedhe.
9Ammalle Waaqi Abrahaamiin, «Atii fi sanyiin teeti, dhalooti si'iin duubaalle gondooroo tiyya eegadha'a. 10Gondooroon tiyya ta anaa fi si wodhakka'atti, dhalooti si'iin duubaalle eegatuu qaddanu, ‹Isin keessaa dhiirti martinuu haqanqabaa qabatanuu ti› ka jedhu. 11Isin haqanqabaa qabadha'a! Kunille gondooroo anaa fi isin wodhakkaa jirtuuf beessisa hin te'a. 12Dhaloota mara keessatti dhiira te'ee mana keeti keessatti ka dhalatu mara, garbicha mana keeti keessatti dhalatu, sanyii teeti keessaa adoo hin te'in ka orma irraa beese'een bitamelle, dhalatee guyyaa saddeetitti haqanqabaa qabamuu ti. 13Garbichi mana keeti keessatti dhalatee fi ka beese'een bitamelle lamaanuu haqanqabaa qabamanuu ti. Gondooroon tiyya ta beessisi isi'ii foon keessan irratti mudhatu gondooroo bara baraa hin teeti. 14Dhiirti haqanqabaa hin qabatin marti, gondooroo tiyya waan cassiteef, kolbaa ifii keessaa hin balleeffanti» jedhe.
15Waaqi ammalle Abrahaamiin, «Niitii teeti Saaraayi, haganaa achi ‹Saaraayi› jettee hin waamin; ammaan jalqabee maqaan isi'ii ‹Saaraa#17:15 Saaraa: Afaan Ibrootaatiin Giittii jechu'u.› jedhamuu ti. 16Ani isii hin eebbisa; isii irraa ilma si'iif hin kenna. Ani isii hin eebbisa, isiille haadha gosa biyya adda addaa hin teeti; sanyii isi'ii keessaa gariin mootota hin te'an» jedhe.
17Achiin duuba Abrahaam fuulaan lafatti gad gombifame; ammoo kollee, «Nami jaarsi woggaa dhibbaa ilma dande'ee uumataa? Saaraan jaartiin woggaa sagaltamaa ilma deettee dandeettii?» ifiin jedhe. 18Inni Waaqaan, «Ishimaa'el ilma waadaa ati naaf galte adoo te'ee dansa'aayyu» jedhe.
19Waaqi ammoo, «Waawwo'o. Niitiin teeti Saaraan ilma siif hin deetti; maqaa isaalle, ‹Yisihaq› jettaan. Ani Gondooroo tiyya ta bara baraa isaa fi sanyii isaa ta isa duubaatiif hin gondoora. 20Marroo Ishimaa'eliitiif waan ati daadimatte si'iif dhage'eera; ani isa eebbisee, ijoollee isaaf kennee, sanyii isaa bacaa hin godha. Inni abbaa sooreyyii gugurdoo kudhanii lamaa hin te'a; gosa guddoolle isa hin godha. 21Ani ammoo Gondooroo tiyya, Yisihaqii Saaraan bara dhufu yennaa tanatti si'iif deettu woliin hin gondoora» jedhe. 22Waaqi Abrahaam woliin dubbateen duuba isa biraa ol baye.
23Gaafasuma Abrahaam ilma ifii Ishimaa'el, tajaajiltoota mana isaa keessatti dhalatane mara, worra beesee isaatiin bitamane mara, namoota mana isaa keessa jiranu keessaa dhiira ka te'ane maraayyuu fuudhee, akkuma Waaqi isa ajajetti haqanqabaa qabe. 24Abrahaam haqanqabaa yennaa qabatu, woggaan isaa sagaltamii sagal. 25Ilmi Abrahaamii Ishimaa'el yennaa haqanqabaa qabatu, woggaan isaa kudhanii sad. 26Abrahaamii fi ilmi isaa Ishimaa'el gaafuma tokko haqanqabaa qabatane. 27Namooti mana isaa keessaa martille, tajaajiltooti mana isaa keessatti dhalatanee fi worri orma irraa beese'een bitamanee dhufane, Abrahaam woliin haqanqabaa qabatane.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 17: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: