Kitaaba Seera Dadaa 18
18
Abrahaamiif Ilmi Waadaa Galame
1Abrahaam Saafowa seensuma dunkaana ifii dura tee'eeruun, qilxaa Mamre'ee biratti, Mootiin Waan Maraa isatti mudhate. 2Inni ol ilaalee namooti sadiin isa bira dhaabbataneeranuun dhagge; akkuma isaan dhaggeen, isaan qophatiisaaf seensuma dunkaani'ii duraa gara isaanii rukkisee, lafatti gad gombifamee, 3tokkochaan, «Goottaa kiyya, ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhe tajaajilaa keeti irra hin dabarin. 4Me, bisaan diqqaa isaa isinii fida; miila keessan dhiqadha'aatii, muka kana jalatti foorfadha'a. 5Gara mana ana tajaajilaa keessanii eega dhuttanee, dadhabbii akka baatanuuf, daabboo diqqoo takka isinii fida; achiin duuba dabaruu hin dandeettan» jedhe; isaan deebisanee, «Akkuma jette san godhi» jedhane.
6Abrahaam ariifatee gara Saara'aa dunkaana keessa dhaqee, «Dafiitii, bullaa dansittii meya itti safaranu sad, sukkuumii, bilcheessi» jedheen. 7Achiin duuba Abrahaam gara tikaa rukkisee, jabbilee bobbosoqqee keessaa tokkocha fuudhee, tajaajilaa dafee qalee qopheessu tokkotti kenne. 8Achiin duuba inni itittuu, aananii fi foon qophowe san geessee, isaaniif dhikeesse; yennaa isaan nyaatanu, Abrahaam muka jala isaan bira dhaabbateeraayyu.
9Yennaa san isaan, «Niitiin teeti Saaraan eessa jirti?» jedhaneen.
Inni, «As dunkaana keessa jirti» jedheen.
10Isaan keessaa tokkochi, «Bara dhufu yennaa akkanaa tana deebi'ee gara keeti hin dhufa; yennaa san Saaraan niitiin teetii ilma hin deetti» jedhe.
Yennaa inni tana dubbatu Saaraan balbala dunkaani'ii ta Abrahaamiin duuba jirtu dura dhaabbattee dhage'iisatti jirtiiyyu. 11Abrahaamii fi Saaraan guddoo dulloomaneeraniiyyu; Saaraalle aadaan dubarti'ii irraa dhaabbatteertiiyyu. 12Maarre saaraan, gadhaa ifii keessatti «Ani eega dulloomee gergeshe, dhirsi kiyyalle dulloomee gergeshe, ani isa bira geyiisaaf halcha'aayyuu hin qabaadhaa?» jettee kollite.
13Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Abrahaamiin, «Maaf Saaraan, ‹Ani dulloomee gergesheen duuba, ani dhugumaan deyiisa hin dande'aa?› jette. 14Wonni Mootiin Waan Maraa dadhabu ijjumaayyuu hin jirtii? Bara dhufu yennaa akkanaa tana ani deebi'ee gara keeti hin dhufa; akkuma sitti hime Saaraan yennaa san ilma hin deetti» jedhe.
15Saaraan guddoo waan sodaatteef, «Ani hin kolline» jettee mormatte.
Inni ammoo, «Dhuguma, kolliteerta» jedhe.
Abrahaam Sodoomiif Daadimate
16Namooti sadiin sun yennaa achii ka'ane, gara Sodoomii ilaalane; Abraamille geegessiisaaf isaan woliin baye. 17Mootiin Waan Maraa, «Ani waan godhu'uu jiru Abrahaam hin dhossu. 18Abrahaam gosa guddo'oo fi hunnaamettii hin te'a; gosi lafa irra jirtu marti karaa isaatiin hin eebbifanti. 19Balchumma'aa fi haqa hujiisaan karaa Mootii Waan Maraa akka eegatanu, ijoollee ifiitii fi worra mana ifii gorsiisaan akka sooressu ani isa filadheera; ijoolleen isaa waan kana yoo goote, anille waadaa isaaf gale duudii hin muummessa» jedhe.
20Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Iyyannoon worra Sodoomiitii fi Gomora'aa irratti dhikaatte attam attam guddo'o! Cubbuun isaaniille akka malee guddo'o! 21Ani gad bu'ee wonni isaan hujane martinuu akka iyyannoo gara kiyya dhikaatte sanii te'uu isi'ii hin ilaala» jedhe.
22Achiin duuba namooti lamaan gara Sodoomii deemiisa ka'ane; Mootiin Waan Maraa ammoo Abrahaam woliin hafe. 23Yennaa san Abrahaam gara Mootii Waan Maraa dhikaatee, «Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin lafa irraa balleessaartaa? 24Namooti balchooti shantam qachaa san keessa yoo jiraatane, qachaa duudii hin balleessitaa? Namoota balchoota shantama achi keessa le'anuuf jettee hin lakkittuu? 25Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin hin ijjeettu; ati tana hin gootu; yoo tana goote namooti balchooti dabaaleyyii woliin hin adabaman; tun ijjumaa hin teetu. Ka biyya lafaa duudi'itti muru, sirri'itti muruu hin qabuu ree?» jedhe.
26Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani namoota balchoota shantama qachaa Sodoomii keessatti yoo dhagge, ani isaaniif jedhee qachaa san duudii hin fayyisa» jedhe. 27Abrahaam deebisee, «Ani nama woy hin baane buku'uu fi daadha'a; Goottaa kiyya sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram. 28Balchoota shantama keessaa shanan hin dhidhatan fa'a; sababa shanan dhidhataneef qachaa duudii hin balleessitaa?» jedhe.
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani balchoota afurtamii shan achitti yoo dhagge, ani qachaa san duudii hin balleessu» jedhe.
29Abrahaam ammalle isaan, «Balchoota afurtama qofa achitti yoo dhaggite hoo?» jedhe.
Inni deebisee, «Balchoota afurtama yoo dhagge hin balleessu» jedhe.
30Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, ammalle deebi'ee yoo dubbadhe hin aarin. Balchoota soddoma qofa qachaa san keessatti yoo dhaggite hoo?» jedhe.
Inni deebisee, «Ani balchoota soddoma qachaa san keessatti yoo dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe.
31Abrahaamille, «Mootii waan maraa, sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram. Balchooti diddam qofa achitti yoo dhaggamane hoo?» jedhe.
Inni deebisee, «Ani balchoota diddama saniif jedhee, qachaa san hin balleessu» jedhe.
32Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, takkattii tana qofa dubbadha, maganne'ee natti hin aarin. Balchooti kudhan qofa achitti yoo dhaggame hoo?» jedhe.
Inni deebisee, «Ani balchoota kudhan yoo achitti dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe. 33Mootiin Waan Maraa Abrahaam woliin dubbatee fixateen duuba deeme; Abrahaamille gara addee ifii deebi'e.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 18: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia