Kitaaba Seera Dadaa 2
2
1Maarre ol-gubba'aa fi latti, wonni isaan keessa jiranu martille akka kanaan dadamanee muummeffamane. 2Waaqi hujii huje mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'oo foorfate. 3Waaqi waan dade mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'ootitti waan foorfateef, guyyaa torbeesso'oo san eebbise; woyyoonselle'e. 4Kun dabarsii dadama ol-gubba'aa fi lafaa ti.
Oorruu Edenii
Yennaa Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa fi lafa dade, 5inni lafa irratti bokkeya waan roobisiisee hin jirreef, nami lafa hujulle waan hin jirreef, biqiltuun lafa irra hin jirtuuyyu; wonni tokkolle lattee hin jirtu. 6Teetuu malee, maddi lafa keessaa ol bayee lafa duudii obaasaa ture.
7Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee lafa irraa fuudhee, nama tolchee, hafuura jiru'uu funnaan isaatitti baafate; namille dada lubbuu qabaatee jiraatu te'e.
8Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa aduun baatu Edenitti oorruu dhaabe; nama dade sanille achi keessa keye. 9Mootiin Waan Maraa Waaqi muka ilti namaa halchitu ka adda addaa, ka midhaan isaalle nyaatiisaaf dansaa te'e lafa keessaa lachisiise; muki midhaan isaa nyaatanee jiruu namaa kennu, muki dhibiin ka hantu'uu fi dansaa ittiin beekanulle addee oorru'uu san wodhakkaa jiraayyu.
10Addee oorru'uu san obaasiisaaf Eden keessaa maddi burqe; maddi achii bayee, gargar qoodamee laga afur te'e. 11Maqaan laga qaraa Phiishon; inni lafa Hawiila'aa duudii lafa worqiin jirtutti marsee yaa'a. 12Worqiin lafa sanii dansa'a; uddowa'aa fi dhakaan gatii guddo'oolle achi jiran. 13Maqaan laga lammeesso'oo Giihon; inni lafa Itoophiya'aa#2:13 Itoophiyaa: Afaan Ibrootaatiin Kuushijedha. marsee yaa'a. 14Maqaan laga sadeesso'oo Xeegros; innille qachaa Asoorii gara baya adu'uutiin yaa'a. Lagi arfeesso'oolle Efraaxiis jedhama.
15Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha fuudhee addee oorruu Edenii san akka hujuu fi akka eegu achi keessa keye. 16Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha ajajee, «Midhaan muka addee oorruu Edenii kana keessa jiranu mara irraa hin nyaatta; 17midhaan muka nyaatanee hantu'uu fi dansaa ittiin beekanu san irraa ammoo hin nyaatin. Gaafa isa irraa nyaatte ammoo dhuguma hin duuta» jedhe.
18Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te'uun dansa'aa moti; ani waa'ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe. 19Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee irraa bineensotaa fi sinbirroota dadee, maan jedhee akka inni waamu ilaaliisaaf gara namichaa fide; wonni namichi dada lubbuu qabeeyyii ittiin waame duudiin maqaa te'eef. 20Maarre namichi horii maraaf, sinbirroota maraaf, bineensota maraafille maqaa baase; namichaaf ammoo waa'elli qarqaaraan hin dhagganne. 21Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe. 22Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
23Achiin duuba namichi,
«Amma reefuu, lafeen isi'ii lafee tiyya irraa,
foon isi'ii foon kiyya irraa dhaggame;
isiin namicha irraa waan dhagganteef,
‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
24Tanaaf nami abba'aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te'an.
25Namichaa fi niitiin isaa lamaanuu qullaa jiraniiyyu, te'uu malee wol hin fokkifatanuuyyu.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 2: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: