YouVersion Logo
Search Icon

Kitaaba Seera Dadaa 6:1-4

Kitaaba Seera Dadaa 6:1-4 GUJ

Yennaa namooti biyya lafaa irratti heddatuu jalqabanetti, ijoolleen durraalle isaaniif dhalatane. Worri «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu ijoolleen durraa sun dadansaa akka teete yennaa dhaggane, isaan keessaa akkuma filatanetti niitii fuudhane. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Namooti ka du'anu waan te'aneef, Ayyaanni Kiyya ka jiruu kennu isaan woliin haga bara baraa hin le'u; isaan woggaa dhibbaa fi diddama qofa le'an» jedhe. Bara sanii fi bara saniin duuba, ijoolleen durraa ta namaatii fi worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu wolitti makamaneen worri dhalatane worri bineeyyiin jiraniiyyu; isaan bara durii namoota janna hunnaan nama caalanuu fi worra beekkamane.