YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannisii 7

7
Yesuusii Fi Obboleeyyan Isaa
1Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuda'aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiilaa keessa deddeebi'e malee, Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne. 2Jilti Yihudootaa ta jila Gose'ee jedhantu dhikaatteertuun, 3obboleeyyan Yesuusii isaan, «Barattooti teeti hujii ati hujiisatti jirtu akka dhagganu, addee tana lakkisii gara lafa Yihuda'aa deemi. 4Eennulle guddoo beekkamuu yoo barbaade, waan hujatiisatti jiru hin dhossu. Ati hujii tana eega hujjee, biyya lafaatitti ifi mudhisi» jedhaneen. 5Obboleeyyan isaatuu isatti hin dhugeeffanne.
6Yesuus isaaniin, «Yennaan tiyya ta anaaf teetu ammalle hin geenne. Yennaan martinuu isiniif ta teetu. 7Biyyi lafaa isin jibbiisa hin dandeettu; ani ammoo hujiin isi'ii badduu akka teete waan himiisatti jiruuf na jibbiti. 8Isin gara jilaa dhaqa'a. Yennaan naaf teetu waan hin geyiniif, ani gara jila tanaa hin dhaqu» jedhe. 9Inni tana jedheen duuba lafa Galiila'aatitti hafe.
Yesuus Jila Gose'ee Irratti Dhaggame
10Obboleeyyan isaa gara jilaa deemaneeranuun duuba, Yesuusille mudhi'iin adoo hin te'in dhokaataan dhaqe. 11Jila irratti Yihudooti baallii qabanu isa barbaadanee, «Inni eessa jira?» jedhanee gaafatane.
12Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, «Inni nama dansa'a» jedhe. Worri dhibiin, «Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira» jedhe. 13Ammoo Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, eennulle marroo isaa mudhi'iin hin dubbanne.
14Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe. 15Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane. 16Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti. 17Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka. 18Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu. 19Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf na ijjeesiisaaf barbaaddan?» jedhe. 20Gumiin deebittee, «Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?» jetteen. 21Yesuus, «Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane. 22Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan. 23Seerri Muuse'ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te'e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu'utti waan fayyiseef natti aartan? 24Muraa dhuga'aa mura'a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa'a» jedhe.
Yesuus Masiihii?
25Kolbaan Yerusaalemii gariin, «Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii? 26Ilaala'a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te'e dhugumaan beekanee jiraatanuu? 27Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane. 28Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka na erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu; 29ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan na ergeef isa hin beeka» jedhe. 30Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe.
31Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, «Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?» jedhane.
Yesuus Qabiisaaf Eedduu Itti Ergane
32Fariisaayoti gumiin waan kana marroo Yesuusii hasaasanuun dhageettee, sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti Yesuus qabiisaaf eedduu Galma Waaqaa itti ergane. 33Yesuus, «Ani yennaa gabaadduu calla'aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema. 34Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu» jedhe.
35Yihudooti baallii qabanu, «Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii? 36‹Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu› jechuun maan jechuu isaa ti?» jedhane.
Madda Bisaan Jiru'uu
37Guyyaa muummeffata jilaa, guyyaa guddaa Yesuus ol ka'ee qoonqoo guddo'oon, «Nami dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee unuu ti. 38Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka natti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru'uu isa keessaa burqa› » jedhe. 39Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru.
Kolbaan Gargar Qoodante
40Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage'anee, «Namichi kun dhugumaan raagicha» jedhane.
41Worri dhibiin, «Inni Masiihii» jedhane. Worri dhibiin ammoo, «Masiihiin Galiilaa irraa hin dhufaa? 42Barreeffam Woyyichi, Masiihiin sanyii mooticha Daawitii keessaa, qachaa Daawiti le'e, Beeteelem keessatti dhalata jedhaa motii?» jedhane. 43Maarre sababa Yesuusiitiif gumiin gargar qoodante. 44Worri gariin isa qabiisaaf barbaade, ammoo eennulle isa harkaan hin tundhe.
Dhugeeffata Dhabiisa Yihudoota Baallii Qabanuu
45Eedduun Galma Waaqaa gara sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayota yennaa deebi'anee dhaqane, «Isin maaf isa fidiisa dhaddane?» jedhanee eedduu Galma Waaqaa gaafatane. 46Eedduun Galma Waaqaa, «Akka namichi kun dubbate eennulle ijjumaa dubbattee hin beeku» jedhanee deebisane. 47Worri Fariisaayotaa, «Isinille sobantanee? 48Worra baallii qabu yookiin Fariisaayota keessaa nami isatti dhugeeffateeru jiraa? 49Gumiin seera Muuse'ee hin beenne tun, abaarsa Waaqaa jala jirti!» jedhaneen. 50Namichi duraan gara Yesuusii dhaqeeru, ka Fariisaayota keessaa tokko te'e Niqoodemoos, 51«Akka seera keennaatitti nama tokko dhage'anee waan inni godheeru adoo hin dhaggin itti muruun hin dande'amaa?» jedhee gaafate. 52Isaan, «Atille nama Galiila'aatii? Barreeffama Woyyicha qorqorii ilaali; raagaan Galiilaa keessaa akka ijjumaa hin kaane hin dhaggita» jedhaneen. [ 53Achiin duuba marti isaaniituu gara mana ifii deemane.

Currently Selected:

Wongeela Yohaannisii 7: guj

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in