YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 22

22
Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane
(Mat. 26:1-5,14-16; Mar. 14:1-2,10-11; Yoh. 11:45-53)
1Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaatteertiiyyu. 2Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane.
3Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene. 4Maarre Yihudaan dhaqee sooreyyii hayyootaatii fi qondaaltota#22:4Qondaaltota: Dura aantota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif kennu mari'ate. 5Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane. 6Maarre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif kenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e.
Qophii Sagalee Jila Irra Dabaramaa
(Mat. 26:17-30; Mar. 14:12-21; Yoh. 13:21-30)
7Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye. 8Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!» jedhee erge. 9Isaan, «Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jedhanee isa gaafatane. 10Inni deebisee, «Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a. 11Abbaa manaatiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a. 12Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!» jedheen. 13Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteertuun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
Irbaata Gootta'aa
(Mat. 26:26-30; Mar. 14:22-26; 1 Qor. 11:23-25)
14Saatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e. 15Inni isaaniin, «Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera. 16Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu» jedhe.
17Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, «Hoo'aa, qoodama'a! 18Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyni'ii#22:18Midhaan woyni'ii: Yookiin daadhii midhaan woyni'ii irraa qophootte irraa hin unu» jedhe. 19Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!» jedhaa isaanitti kenne. 20Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya. 21Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira! 22Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!» jedhe. 23Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane.
Mormii Marroo Eentu Caala'aa
(Mat. 18:1-5; 20:24-28; Mar. 9:33-37; 10:41-45; Luq. 9:46-50)
24Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate. 25Yesuus isaaniin, «Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mowan; bulchitooti isaaniille, ‹Bu'aa buuttuu kolba'aa› ifiin jedhan.#Mat. 20:25-27; Mar. 10:42-44 26Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti. 27Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti.#Yoh. 13:12-15 28Isin worra rakkinna kiyya keessatti na woliin turtane. 29Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa. 30Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan» jedhe.#Mat. 19:28
Mormatiisa Pheexroosii Yesuus Duraan Dursee Hime
(Mat. 26:30-35; Mar. 14:26-31; Yoh. 13:36-38)
31Yesuus, «Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera. 32Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe.
33Pheexroos ammoo, «Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoweera» jedhe. 34Yesuus deebisee, «Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee na hin mormatta» jedheen.
Korojoo, Subbaa Fi Shallaagaa
35Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate.#Mat. 10:9-10; Mar. 6:8-9; Luq. 9:3; 10:4
Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane. 36Yesuus isaaniin, «Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami shallaagaa hin qanne woyaa ifii gurguree shallaagaa bitatuu ti. 37Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, na irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe. 38Barattooti, «Ilaa, Gootta'a, shallaagaan lamaan as jira» jedhane.
Jennaan inni deebisee, «Hin geya!» jedhe.
Yesuus Gaara Ejersaa Irratti Daadimate
(Mat. 26:26-46; Mar. 14:32-42)
39Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane. 40Addee san yennaa geye, isaaniin, «Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha'a!» jedhe.
41Achiin duuba haga qolaansaa dhaka'aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee, 42«Abba'a, yoo fedha keeti te'e, muduunuu rakkinnaa tana na irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te'in, akka fedha keetii te'uu ti!» jedhee daadimate. 43Achiin duuba ergamaan ol-gubba'aa mudhatee isa jajjabeesse. 44Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe. 45Daadimata irraa ka'ee gara barattootaa yennaa deebi'ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge. 46Inni isaaniin, «Maaf rattan? Akka ataabe'etti hin galle ka'a'aatii daadimadha'a!» jedhe.
Yesuus Qabame
(Mat. 26:47; Mar. 14:43-50; Yoh. 18:3-11)
47Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate. 48Yesuus ammoo, «Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?» jedheen.
49Worri Yesuus woliin jiranu waan te'aaru yennaa dhaggane, «Gootta'a, shallaaga'aan dhoonnuu?» jedhane. 50Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda'aa dhowee, gurra middaa irraa kute. 51Yesuus ammoo, «Lakkisa'a! Tun hin dabalamin» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52Achiin duuba Yesuus sooreyyii hayyootaa, qondaaltota eedduu Galma Waaqaatii fi maanguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, «Akka ani alagala'aa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? 53Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin na hin qanne. Amma ammoo, saatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu» jedhe.
Pheexroos Yesuus Mormate
(Mat. 26:57-58,69-75; Mar. 14:53,54,66-72; Yoh. 18:12-18,25-27)
54Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe. 55Yennaa isaan badhinna dalleyaa wodhakka'atti ibidda gabbisanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e. 56Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, «Namichi kunille isa woliin jiraayyu» jette. 57Inni ammoo, «Intaa, ani isa hin beeku» jedhee mormate. 58Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe.
Pheexroos ammoo, «Namicha, anaa moti!» jedhe.
59Gara saatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, «Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu» jedhee itti jabeesse. 60Pheexroos ammoo, «Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!» jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite.
61Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, «Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin na hin mormatta» jedhe qaabatee, 62gad bayee laaleffatee bowe.
Yesuusitti Taphatanee Dhaanane
(Mat. 26:67-68; Mar. 14:65)
63Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane. 64Ila isaa hidhanee, «Eentu si dhowe? Raagi me!» jedhaa isa gaafatane. 65Waan hedduu jedhaa isa arrassane.
Yesuus Kora Murti'ii Duratti Dhikaate
(Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Yoh. 18:19-26)
66Yennaa latti bariite maanguddooti kolba'aa, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti'ii duratti dhikeessane. 67Isaan, «Masiihiin si'ii? Nutti himi!» jedhane. Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu; 68yoo ani isin gaafadhelle naaf hin deebittanu. 69Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande'uutitti hin tee'a» jedheen.
70Isaan martinuu, «Ati Ilma Waaqaatii ree?» jedhane.
Inni deebisee, «Te'uu kiyya isinuu jettane» jedhe.
71Jennaan isaan, «Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?» jedhane.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 22: guj

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in