1
Yohannis 4:24
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”
Compara
Explorar Yohannis 4:24
2
Yohannis 4:23
Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.
Explorar Yohannis 4:23
3
Yohannis 4:14
garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”
Explorar Yohannis 4:14
4
Yohannis 4:10
Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture” jedheen.
Explorar Yohannis 4:10
5
Yohannis 4:34
Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.
Explorar Yohannis 4:34
6
Yohannis 4:11
Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta?
Explorar Yohannis 4:11
7
Yohannis 4:25-26
Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen. Yesuusis, “Ani, namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma” jedheen.
Explorar Yohannis 4:25-26
8
Yohannis 4:29
“Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos taʼinnaa?”
Explorar Yohannis 4:29
Inici
La Bíblia
Plans
Vídeos