Yohana 2
2
1Guyya sadeeso dira kana, ka lafa Galilaya keesa, fuud'a jira. Haati Yesoleeni achi d'at'e. 2Yesofi jara isale fuud'aa yaamani. 3Daad'iini hobaanaani, haati Yeso, Worri daad'i inqabu jetteeni. 4Yesoni waan jed'eeni, Ayo, atini maani nara qabda? Hojjaani tiyya ingeenne. 5Haati isaa waan hojattuuni jette, Waan inni, Tolcha jed'u ch'ufa tolcha.
6Okote faara jaati achi ejaanja, ta Yahudiini aada worra ta qulqulleesa gula, bisaani keesa d'iqatu; ta isiini toko bute afuri shani fuutu. 7Yesoni waan worraani jed'e, Bisaani okote guguuta. Guutani t'ut'upani. 8Jennaani, Woraaba, abba gololati geesa jed'eeni. Iti geesani. 9Inni bisaani kaani, ka amma daad'i tahe, une, ammo fulla isiini baateefi imbeekhu (ammo hojattuuni ta bisaani woraabde imbeeti). Duuba abbaani golola abba fuud'a yaame 10waan jed'eeni, Nami ch'ufti qara daad'i dansa namaa kenna, duuba eegi nami d'uge quufe yoosi ta hagana ingeenne namaa kennani. Ammo atini daad'i ira dansa eege hambifte amma namaa kennita.
11Akheekhi kuni ka qara Yesoni, dira lafa Galilaya, ka kana jed'ani keesati tolche. Achiti guddinna ufi agarsiise, jari isaa isa d'ugefate.
12 #
Mat 4.13
Eegi waan kana inni Kapernaumuti gadi bue, isaafi haad'a isaatiifi oboleyaani isaatiifi jari isaaleeni bulti diqo toko achi taani.
Yesoni Mana Waaqa qulqulleesa
(Matayo 21.12-13; Mariko 11.15-17; Luka 19.45-46)
13 #
Bah 12.1-27
Jilti Pasaka ta Yahudi d'iaannaani, Yesoni Yerusalemu d'aqe. 14Mana Waaqa keesa nama loonifi hooliyefi sabaliisa gurgurufi, jara hori jijirule, ka huji ufi hojatu arge. 15Inni licho haada mid'aafate, Mana Waaqa keesaa waan ch'ufa gusse hooliyefi loonile, hori jara beese jijiru ch'ufa jisse, mesale garagalche. 16Duuba waan jara sabaliisa gurguruuni jed'e, Waan kana armaa balleesa, Mana Abba kiyya gabaya intolchiina. 17#Far 69.9 Jari isaa waan duri kitaaba keesati t'aafani, ta, Maro mana kanketitiifi garaani na gubata jettu qaabate.
18Jennaani Yahudiini waan jetteeni, Akheekha kami nu agarsiifta, ka atini waan kana ch'ufa tolchitu? 19#Mat 26.61; 27.40; Mar 14.58; 15.29Yesoni waan worraani jed'e, Isani Mana Waaqa kana ch'absa, duuba anini guyya saditi deebie jaara. 20Yahudiini waan jette, Ganna afurtami jaa keesa Mana kana jaarani, atini guyya sadi keesati dandeete jaarta?
21Ammo mani inni baane nafa isaati. 22Tanaafi duisa keesaa isa kaamnaani, jari isaa aka inni waan kana jed'e qaabate, t'aafifi dubbi Yesoni jed'e d'ugefate.
Yesoni nama ch'ufa beekha
23Ato Yesoni Yerusalemu jiru, gaafa Jila Pasaka jed'ani, nami hedduuni akheekha inni tolche arginaani, maqa isaa d'ugefate. 24Ammo Yesoni worra ufiti inquumne; wonti akanatiifi inni nama ch'ufa beekha, 25ammalle nama tokole ka waan namaa isati himu imfeene, waan inni waan nama keesa jira ch'ufa beekhufi.
Yesofi Nikodemo
Currently Selected:
Yohana 2: BOR
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

: