Kitaaba Seera Dadaa 5

5
Sanyii Addaamii
1Tun dabarsii sanyii Addaamii ti. Waaqi yennaa ilmaan namaa dade, akka fakkeenna ifiititti isaan dade. 2Dhiiraa fi dubartii dadee, eebbisee, «Nama» jedhee maqaa baase. 3Addaam woggaa dhibbaa fi soddoma yennaa geye, ilma isa fakkaatu, ka bifa isaa qabu uumate; maqaa isaalle, «Sheeti» jedhee baase. 4Sheeti dhalateen duuba, Addaam woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. 5Addaam wolumatti woggaa dhibba sagalii fi soddoma le'ee, achiin duuba du'e.
6Sheeti dhalatee woggaa dhibbaa fi shanitti Enoshi uumate. 7Enoshi dhalateen duuba, Sheeti woggaa dhibba saddeetii fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. 8Sheeti wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhanii lama le'ee, achiin duuba du'e.
9Enoshi dhalatee woggaa sagaltamatti Qayinaan uumate. 10Qayinaan dhalateen duuba, Enoshi woggaa dhibba saddeetii fi kudhanii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 11Enoshi wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shan le'ee, achiin duuba du'e.
12Qayinaan dhalatee woggaa torbaatamatti Mahalalel uumate. 13Mahalalel dhalateen duuba, Qayinaan woggaa dhibba saddeetii fi afurtama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 14Qayinaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhan le'ee, achiin duuba du'e.
15Mahalalel dhalatee woggaa jaatamii shanitti Yaared uumate. 16Yaared dhalateen duuba, Mahalalel woggaa dhibba saddeetii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 17Mahalalel wolumatti woggaa dhibba saddeetii fi sagaltamii shan le'ee, achiin duuba du'e.
18Yaared dhalatee woggaa dhibba tokkoo fi jaatamii lamatti Henok uumate. 19Henok dhalateen duuba, Yaared woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 20Yaared wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii lama le'ee, achiin duuba du'e.
21Henok dhalatee woggaa jaatamii shanitti Matusaalaa uumate. 22Matusaalaan dhalateen duuba, Henok woggaa dhibba sad Waaqa woliin le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 23Henok wolumatti woggaa dhibba sadii fi jaatamii shan le'e. 24Henok bara jiruu ifii mara Waaqa woliin le'e; Waaqi waan isa fudhateef, inni achiin duuba hin dhagganne.
25Matusaalaan dhalatee Woggaa dhibbaa fi saddeettamii torbatti Laamek uumate. 26Laamek dhalateen duuba, Matusaalaan woggaa dhibba torbaa fi saddeettamii lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 27Matusaalaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii sagal le'ee, achii duuba du'e.
28Laamek dhalatee woggaa dhibbaa fi saddeettamii lamatti ilma uumate; 29Laamek, «Hujii nuuti lafa Waaqi abaare tana irratti hunyu, ta nuuti itti eloonnu irraa nu hin foorfachiisa» jedhee maqaa isaa, «Nohi#5:29 Nohi: Afaan Ibrootaatiin Foora jechu'u.» baase; 30Nohi dhalateen duuba, Laamek woggaa dhibba shanii fi sagaltamii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 31Laamek wolumatti woggaa dhibba torbaa fi torbaatamii torba le'ee, achiin duuba du'e.
32Nohi dhalatee woggaa dhibba shaniin duuba Seem, Kaamii fi Yaafet uumate.

Jelenleg kiválasztva:

Kitaaba Seera Dadaa 5: guj

Kiemelés

Megosztás

Másolás

None

Szeretnéd, hogy a kiemeléseid minden eszközödön megjelenjenek? Regisztrálj vagy jelentkezz be