Kitaaba Seera Dadaa 8
8
Bisaan Gad Dhidhate
1Waaqi ammoo Nohi, hori'ii fi bineensota isa woliin hoboloo guddittii keessa jiranu mara qaabate; inni qilleensa lafa irratti buuse; Bisaanille gad dhidhatuu jalqabe. 2Burqituun golba qile'eetii fi balbalti gubba'aalle cufante; bokkeenni gubba'aalle caamee, 3bisaan laana laana gad dhidhatuu jalqabe. Guyyaa dhibbaa fi shantamaan duuba lafa irraa dhidhate. 4Hoboloon guddittiin sun ji'a torbeesso'oo keessa, guyyaa kudhanii torbeesso'oo, gaara Araaraatii gubbaa dhuttee teette. 5Bisaan haga ji'a kudhaneesso'oo dhidhataatuma deeme; ji'a kudhaneesso'oo keessa guyyaa qaraa, qacceen gaarotaa mudhatte.
6Guyyaa afurtamaan duuba Nohi qowa hobolo'otti baaseeru san banee, 7harraaqessa erge; harraaqessi sun haga bisaan lafa irraa gogutti asii fi achi ka'aa ture. 8Achiin duuba Nohi bisaan lafa irraa akka gad dhidhate ilaaliisaaf saphaliisa erge. 9Ammoo bisaan ammalle lafa duudii irra waan jiruuf, addee itti tee'u dhabee, gara hoboloo guddittii sanii deebi'ee gara isaa dhufe; inni harka ifii gad baasee qabee, hoboloo guddittii sanitti ol seensise. 10Guyyaa torba tureen duuba, ammalle saphaliisa hoboloo guddittii keessaa erge. 11Saphaliisi sun kichuu baala ejersaa afaan ifiititti qabatee, galgaluma san deebi'ee gara isaa dhufe. Akka kanaan Nohi akka bisaan lafa irraa gad dhidhateeru beeke. 12Achiin duuba Nohi guyyaa torba dhibii turee, saphaliisa erge; saphaliisi eega san gara isaa hin deebine.
13Nohi dhalatee woggaa dhibba jaa fi tokkeesso'otti, ji'a tokkeesso'oo keessa, guyyaa tokkeesso'oo, bisaan lafa irraa goge; Nohille heellichoo Hoboloo gudditti'ii irraa kaasee, ilaale; irri lafaalle akka gogeeru dhagge. 14Ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa diddamii torbeesso'ootitti, latti guutumatti godde.
15Achiin duuba Waaqi, Nohiin, 16«Niitii teeti, ijoollee teetii fi niitii ijoollee teetii woliin hoboloo keessaa bayi. 17Dadi lubbuu qabanu ka si woliin jiranu martinuu sinbirrooti, horiin, bineensoti, worri lafa irra lowanu martinuu, lafa irratti horanee akka heddatanu, si woliin akka bayanu godhi» jedhe. 18Maarre Nohi ijoollee ifii, niitii ifiitii fi niitii ijoollee ifii woliin gad baye. 19Horiin marti, bineensoti marti, sinbirrooti marti, worri lafa irra lowanu marti, akkuma gosa gosa isaaniititti hoboloo guddittii san keessaa gad bayane.
Nohi Ciincaa Dhikeesse
20Nohi addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare; horii qulqulluu mara keessaa, sinbirroota qulqulluu mara keessaa addee ciinca'aa san irratti ciincaa dhikeesse. 21Fooleen ciinca'aa sun Mootii Waan Maraa yennaa gammachiitte, Mootiin Waan Maraa gadhaa ifii keessatti, «Ani sababa namaatiif deebi'ee lafa hin abaaru; yaadi isaanii ijoollumma'aanuu hamaa akka te'e ani waan beekuuf, akka amma godhe kana, waan lubbuu qabu lafa irraa ijjumaa deebi'ee hin balleessu.
22«Haga latti tun jirtutti
facaasu'uu fi haamuun, qabbanaa fi o'i,
bonaa fi ganni, guyya'aa fi halkan,
hin dhaabbatanu» jedhe.
Jelenleg kiválasztva:
Kitaaba Seera Dadaa 8: guj
Kiemelés
Megosztás
Másolás
Szeretnéd, hogy a kiemeléseid minden eszközödön megjelenjenek? Regisztrálj vagy jelentkezz be
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia