WANGEELA YOHANNIS 1
1
Kristos ?Sagalichi? Foon Uffachuu Isaa
1Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*. 2Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture. 3Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru*. 4Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture*. 5Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u*.#1 17:5; 8:58; 1Yoh 1:1-2; Mul 19:13 3 1:10; 1Qor 8:6; Qol 1:16-17; Ibr 1:2 4 5:26; 14:6; 8:12 5 3:19; 9:5
6Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture, maqaan isaas Yohannis jedhama*. 7Inni kun dhugaa ba'uudhaaf dhufe; namoonni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa'ee ifichaa dhugaa ba'e*. 8Inni ofii isaa ificha hin turre, waa'ee ifichaa akka dhugaa ba'uuf ergame malee*. 9Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa*. 10Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta'e; biyyi lafaa garuu isa hin beekne*. 11Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne*. 12Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha*. 13Isaan kun Waaqayyottii dhalatan malee, dhiigattii yookiis fedha fooniittii yookiis fedha dhiiraattii hin dhalanne*.#6 Mat 3:1; Mar 1:4; Luq 3:1-2 7 1:31; 5:33-35; HoE 19:4 8 1:20; 3:28 9 1Yoh 2:8; Yoh 3:19; 12:46 10 1:3-5; 1:14; 17:25; 1Qor 8:6; Qol 1:16; Ibr 1:2 11 Mat 13:57; Yoh 3:32 12 Rom 8:14-16; Gal 3:26; 1Yoh 3:1 13 3:3,5-6; Yaq 1:18; 1Phe 1:23; 1Yoh 5:1,18
14Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture*. 15Yohannis waa'ee isaatiif dhugaa in ba'a; sagalee isaa ol fudhatees, ? ?Inni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o? jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe, kunoo isa kana? jedhe*. 16Guutummaa ayyaana isaa keessaa hundumti keenya ayyaana irratti ayyaana fudhanneerra*. 17Seerri Museedhaan kenname, ayyaannii fi dhugaan garuu Yesus Kristosiin argaman*. 18Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee*.#14 Mat 17:2; Gal 4:4; 1Xim 3:16; Ibr 2:14; 1Yoh 4:2; Isa 60:1 15 1:27,30; Mat 3:11 16 Qol 2:9-10 17 7:19; Bau 31:18; Rom 6:14; 10:4 18 6:46; Mat 11:27; 1Xim 6:16
Dhugaa Ba'uu Yohannis Cuuphaa
(Mat 3:1-12; Mar 1:2-8; Luq 3:15-17)
19Yeroo Yihudoonni Yerusaalemii lubootaa fi Lewoota Yohannisitti erganii, ?Ati eenyu?? jedhanii isa gaafachiisanitti, Yohannis*, 20utuu hin haalin, ?Ani Kristos isa abdachiifame miti? jedhee mul'isee dhugaa ba'e*. 21Warri ergamanis deebisanii, ?Amma ati eenyu? Ati Eliyaasii?? jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, ?Waawuu ani isa miti? jedhe. Isaan, ?Ati raajichaa ree?? ittiin jennaan, ?waawuu? jedhee deebise*. 22Isaanis, ?Eenyu ati? Egaa, warra nu erganitti kan deebifnu nutti himi; ati eenyu ofiin jetta?? ittiin jedhan.#19 5:33; Luq 3:15-16 20 3:28; HoE 13:25 21 Kes 18:15-18; Mat 11:14; 17:10-13
23Yohannis deebisee, ?Isaayaas raajichi akkuma dubbatetti, ?Ani sagalee namaa, isa karaa gooftaan irra adeemu qajeelchaa? jedhee, lafa onaa keessaa iyyuu dha? jedhe*. 24Warri isatti ergaman immoo Fariisota keessaa turan. 25Isaan kun itti dabalanii, ?Ati Kristos yookiis Eliyaas yookiis raajicha erga hin ta'inii maaliif cuuphxa ree?? jedhanii isa in gaafatan*. 26Yohannis immoo, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, inni isin isa hin beekne garuu isin gidduu in dhaabata. 27Inni na booddee in dhufa; ani immoo hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf nama ta'u miti? jedhee isaaniif deebise*. 28Wanti kun hundinuu Yordaanos gama, Betaabaraa iddoo Yohannis cuuphaa turetti ta'e*.#23 Isa 40:3; Mat 3:3 25 1:33; Mat 21:25 27 1:15; Mat 3:11; HoE 13:25 28 10:40; Mat 3:6,13
Hoolaa Waaqayyoo
29Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, ?Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu*. 30?Namni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o? jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe isa kana*. 31Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne, garuu Israa'elitti akka inni mul'ifamuufan bishaaniin namoota cuuphuu dhufe? jedhe*. 32Yohannis dhugaa ba'eefii, ?Hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa isa irra bu'ee hafuu isaa argeera*. 33Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne; garuu inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ?Hafuurri qulqulluun isa irra bu'ee hafuu isaa kan argitu, isa inni hafuura qulqulluudhaan cuuphu? jedhee anatti hime*. 34Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo ta'uu isaas dhugaa ba'eera? jedhe*.#29 1:36; Isa 53:4-7; 1Phe 1:18-19; Mul 5:6,9,12; 1Yoh 3:5 30 1:15,27 31 1:26 32 Mat 3:16; Mar 1:10; Luq 3:22 33 Mat 3:11 34 Mat 3:17; 4:3
Bartoota Yesus Warra Dura Waamaman
35Borumtaas immoo Yohannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin in dhaabata ture. 36Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee, ?Ilaa hoolicha Waaqayyoo? jedhe*. 37Bartoonni isaa lamaan kana dubbachuu isaa dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an. 38Yesus gara galee isa duukaa bu'uu isaanii argee, ?Maal barbaaddu?? jedhee isaan gaafate. Isaan immoo, ?Rabbii, eessa buufatte?? jedhanii deebisaniif; ?Rabbii? jechuun ?Barsiisaa? jechuu dha. 39Yesus immoo, ?Kottaatii ilaalaa!? jedhee isaaniif deebise. Bartoonni sunis dhaqanii, iddoo Yesus buufate arganii, guyyaa sana isa bira oolan; yeroon isaa akka sa'aatii kudhanii ture.#36 1:29; Isa 53:7
40Bartoota lamaan dubbii Yohannis dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an keessaa, inni tokko Indriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture. 41Indriiyaas, dura obboleessa isaa Simoonin argatee, ?Masiihicha arganneerra? jedhee itti hime; ?Masiihii? jechuun ?Kristos? jechuu dha*. 42Indriiyaasis Simoonin gara Yesusitti geesse; Yesus immoo isa ilaalee, ?Edaa ati Simoon ilma Yohannis; egaa si'achi ?Keefaas? jedhamtee in waamamta? jedheen. ?Keefaas? jechuun afaan Griikiitti ?Phexros? jechuu dha; Phexros jechuun immoo ?Dhagaa hin sochoone? jechuu dha*.#40-42 Mat 4:18-20 41 4:25 42 Mat 16:18; Mar 3:16
Yesus Filiphosii Fi Naataanaa'elin Waamuu Isaa
43Borumtaas Yesus Galiilaa dhaquudhaaf ka'ee, Filiphosin argatee, ?Na duukaa bu'i!? ittiin jedhe*. 44Filiphosis akkuma Indriiyaasii fi Phexros, nama mandara Betsayidaa ture*. 45Filiphos kun Naataanaa'elin argatee, ?Isa Museen macaafa seeraa keessatti, raajonnis immoo macaafa isaanii keessatti waa'ee isaa caafan arganneerra; inni namicha Naazireet, Yesus ilma Yoseef? jedheen*. 46Naataanaa'el yommus, ?Naazireet keessaa wanti gaariin ba'uu danda'aa?? jedhee Filiphosin gaafate; Filiphos immoo, ?Kottuutii ilaali!? jedhee deebiseef*. 47Yesus, utuu Naataanaa'el gara isaa dhufuu argee, ?Ilaa, nama Israa'el isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre? jedhee waa'ee isaa dubbate. 48Naataanaa'el, ?Eessatti na beekta?? jedhee isa gaafate; Yesus immoo deebisee, ?Filiphos utuu si hin waamin muka harbuu jalattan si arge? jedheen. 49Kana irratti Naataanaa'el, ?Rabbii! Ati ilma Waaqayyoo ti, ati mootii Israa'el!? jedheen*. 50Yesus ammas deebisee, ?Muka harbuu jalattan si arge waanan siin jedheef amantaa? Isaan kana irra kan caalu iyyuu arguuf jirta? jedheen. 51Itti dabalees, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, waaqa banamaa, ergamoota Waaqayyoos ilma namaa irra utuu ol ba'anii gad bu'anii arguuf jirtu? jedheen*.#43 Mar 2:14 44 12:21 45 21:2; Luq 24:25-27; Kes 18:15,18; Isa 7:14; Er 23:5,6; His 34:23 46 7:41,52 49 Far 2:7; Mat 14:33; 16:16; 27:42; Yoh 12:13 51 Uma 28:12; Mat 4:11
Pilihan Saat Ini:
WANGEELA YOHANNIS 1: MacQul
Sorotan
Berbagi
Salin
Ingin menyimpan sorotan di semua perangkat Anda? Daftar atau masuk
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.