Huji Ergattu MATA DUBBII
MATA DUBBII
Kitaabi Huji Ergattu kunini kitaaba Lukatini woltuma eja. Kitaaba kana wonti jabduuni inni namati himu aka ergattuuni Yeso ta qara jabeenna Lubbu Qulqullotiini Odu isaa Dansa Yerusalemu keesafi Yudeafi Samariafi muumme lafaa ch'ufaani qabate (1.8). Tunini odu aka gumiini Waaqa qara Yahudi keesaa baate, duuba eege dura dabarte d'ugefacha lafa ch'ufa taate. Nami kitaaba kana t'aafe aka gumiini Waaqa finna Rumi diddu ingarsiimne, ammo aka d'ugefachaani Kristiana guutamiti aada Yahudi garsiise. Hujiini ergattu tunini fulla saditi qoodamti ta aka Odu Dansa Yeso fulla ch'ufati hasaani akasiini gumiini Waaqa jala qabate: (1) Aka eegi Yesoni gubbati olgale gumiini Waaqa Yerusalemu keesati jabaate. (2) Aka gumiini Waaqa dubbi Palestina geesite. (3) Ammalle dura dabrate lafa d'aatu Baariini Guddatifi dira Rumitini geete. Wonti jabduuni kitaaba kana keesa, Lubbu Qulqullo ta guyya Pentekoste irreeni, gumi d'ugefate ta Yerusalemu ira buute. T'aafiini kitaaba kana aka Lubbuuni sunini gumi Waaqatiifi jaarole gumi qarqaarte jabeesite garsiifti. Hasa gumi Waaqa ta qara gagababsani t'aafani. Kitaabi kunini aka hasai suni gumi d'ugefate keesati irre qabu garsiisa.
Boqota waan kitaaba kana ke jira
1 Kurfefacha huji Waaqa:
a.*t*Seera Yeso ka eegetifi kakhu isaa: 1.1-14
b.*t*Nama huji Yuda fud'ate: 1.15-26
2—8.3 Aka ergattuuni huji Waaqa Yerusalemu keesati tolchite.
8.4—12.25 Aka ergattuuni huji Waaqa Yudeafi Samaria keesati tolchite.
13—28 Huji Paulo:
a.*t*Imaltu qaraa: 13.1—14.28
b.*t*Kora Yerusalemu keesaa: 15.1-35
ch.*t*Imaltu lameeso: 15.36—18.22
d.*t*Imaltu sadeeso: 18.23—21.16
e.*t*Aka Paulo Yerusalemufi Kaisariafi Rumi keesati hid'ani: 21.17—28.31
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.