Wongeela Yohaannis 3
3
Niqoodemos Dhossa'aan Gara Yesusii Akka Dhufe
1Niqoodemos ka jedhamu nama tokkotu jira ture, inni'llee gara gosa Fariisotaatii ka ta'e, itti gaafatamaa Yihudotaa ni ture. 2Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.
3Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen.
4Niqoodemos'llee, «Eegaa, naminni eega jaarsomeen duubatti attamitti dhalachu'uuf dandda'a? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni dandda'a ree!? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni danda'aa ree?» jechu'uun, ni gaafate.
5Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugaa siin jedha, naminni bishaanii fi Hafuura Qulqullu'uun yoo dhalate malee, gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uuf hin dandda'u. 6Foon irraa ka dhalate foon, hafuura irraa ka dhalate hafuura. 7Kanaaf, ‹lammaffaa dhalachuu isin barbaachisa› waan si'iin jedheef hin maalaliffatin. 8Bubbeen gara kallattii barbaadde ni bubbisa, qooniqqa isaa'llee ni dhageetta, garuu eessaa akka dhufuu fi garam'llee akka deemuu hin beekittu, ka Hafuuraa irraa dhalate marrinuu akkuma kana.»
9Niqoodemos'llee, «Kun attamitti ta'u'uuf danda'aa?» jechu'uun, ni gaafateen.
10Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ati barsiisaa Israa'eelii taatee uduu jirttu, kana hin beekittuu moo? 11Dhugaa siin jedha, waan beekinnu ni dubbanna, waan arginu'llee ragaa ni baana, isin garuu ragummaa keenna hin fudhattan. 12Waan biyya lafaa yoo isinitti himnnu ka hin amanne yoo ta'e, waan sami'ii isinitti yoo himnnuu attamitti amanittan ree? 13Sami'ii ka bu'e Ilma Namaa malee, gara sami'ii ka baye #3:13 Sami'ii ka bu'e:- Ilma Waaqaa, yookiin Yesus Kristosii sami'ii dhufee nu jidduu bule. eennu'llee hin jiru.»
14Akkuma Museen gammoojji'itti bofa ol fageessee fannise, akkuma kana Ilmi Namaa'llee ol fagaatee fannifamuun ni malaan. 15Kun'llee ka ta'u ka isatti amanu marrinuu, jireenna bara baraa akka argatuuf.
16Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne. 17Waaqinni Ilma isaa gara biyya lafaa ka ergeen, biyyi lafaa Ilma isaatiin akka fayyuuf malee, biyya lafaa irratti murtteessu'uufii miti.
18Ka isatti amanu itti hin muritteeffamu, ka isatti hin amanne garuu tokko Ilma Waaqaa titti waan hin amaniniif, durumaanuu itti murtteeffamee jira. 19Muritiin'llee kana, ifin gara biyya lafaa ni dhufe, namoonni garuu hujiin isaanii hamaa waan ta'eef ifa irra dukkana ni jaalatan. 20«Waan hamaa ka raawwatan marrinuu ifa ni jibba, hujiin isaa hamaan'llee akka isatti hin muldhanneef'llee, gara ifaa hin dhufu. 21Waan dhugaa ta'e ka raawwatu garuu gara ifaa ni dhufa, gara ifaa ka dhufu'llee wonitti inni raawwate akkaataa bu'ura ajaja Waaqaatiin ta'uun isaa, ifatti akka muldhatuuf.»
Yohaannisiin Cuuphaan Waayee Yesusii Ragaa Bayuu Isaa
22Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara biyya Yihuda'aa ni deeme, achitti'llee namoota cuupha'aa isaan woliin yeroo muraasaaf ni ture. 23Yeroma sanitti Yohaannis bakka bishaan baayi'een ni jira ture dhiyeenna Saalemii titti bakka Enon jedhamttutti ni cuuphaa ture, namoonni'llee dhufa'aa ni cuuphaman turan. 24#Mat 14:3; Mar 6:17; Luq 3:19, 20.Yeroo sanitti Yohaannis hin hidhamnneeyyu ture.
25Yeroo sanitti barattoota Yohaannisiitii fi Yihudotaa jidduu waayee seera qulqullaayu'uu irratti mormmiin ni ka'e. 26Barattoonni Yohaannisii'llee gara Yohaannisii dhiyaatanii, «Yaa barsiisaa, Laga Yoordaanosiitiin gamatti ka si woliin turee fi ka ati waayee isaatiif ragaa baateef, kunnoo, inni'llee ni cuupha, namoonni marri'llee gara isaa ni deeman» jedhaniin.
27Yohaannis'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Naminni kami'llee Waaqinni isaa kenne malee womaayyuu qabaachu'uuf hin dandda'u, 28#Yoh 1:20.‹Isaan duranatti ergamee jira malee, ani Masihii miti› jedhee, akkuma isinitti hime isin mataan keessanuu ragoota kiyya. 29Idaayyittii naminni qabu idaayya'a, jaaltichi ka fuudhuu garuu ka fuudhu bira dhaabatee ni dhageeffataan, qooniqqa isaa'llee dhagayu'uun ni gammada, kanaaf gammachuun kiyya'llee kana, inni'llee amma muda maleessa ta'ee jira. 30Inni ol jechu'utu malaan, ani garuu gadi jechu'utu naan mala.»
31Ka olii dhufu ka maraa oliit, biyya lafaatii ka ta'e ka biyya lafaati, waan biyya lafaa'llee ni dubbata, ka sami'ii dhufu ka maraayyuu oliiti. 32Inni'llee waan ka fi ka argee fi ka dhagaye ragaa ni baya, garuu ragummaa isaa ka fudhatu hin jiru. 33Ragummaa isaa ka fudhatu garuu, Waaqinni dhugaalessa ta'uu isaa ni mirkaneessa. 34Waaqinni Hafuura isaa ka kennu diqqeessee waan hin ta'iniif, ka Waaqinni erge dubbii Waaqaa ni dubbata.
35 #
Mat 11:27; Luq 10:22. Waaqinni Abbaan Ilma isaa in jaalata, waan maraa harka isaatti kenneefii jira. 36Ka Ilmatti amanu jireenna bara baraa ni qaba, ka Ilmatti hin amanne garuu dheekkamissi Waaqaa isa irra ni jiraata malee, jireenna hin argatu.