Wongeela Luqaas 22
22
Marri Yesusiin Irratti Taasfame
(Mat 26:1-5; Mar 14:1-2; Yoh 11:45-53)
1Faasikaa ka jedhame ayyaanni Qixxa'aa guyyaan itti kabajamu dhiyaatee jira ture, 2Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa ummata waan sodaataniif, Yesusiin qabanii toofittaa ittiin ajjeesaniin, dhossa'aan ni barbaadan ture.
Yihudaan Yesusiin Dabarssee Kennu'uuf Wolii Galuu Isaa
(Mat 26:14-16; Mar 14:10-11)
3Yeroo sanitti barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa nama biyya Asiqortu'uu titti Sheexanni ni gale. 4Kanaaf Yihudaan gara itti qeesotaatii fi gara ajajoota wordiyyaa Mana Waaqeffanna'aa dhaqee, Yesusiin attamitti dabarssee akka isaanii itti kennu, isaan woliin ni dubbate. 5Isan'llee dhimmichaan gammadanii, qarshii isaa kennu'uuf wolii ni galan. 6Dhimmichaan wolii galanii ummanni uduu hin beekin Yesusiin dabarssee kennu'uuf, yeroo mijaayaa ni barbaada ture.
Yesus Irbaata Faasikaa Yihudotaa Ergamittoota Isaa Woliin Nyaachuu Isaa
(Mat 26:17-25; Mar 14:12-21; Yoh 13:21-30)
7Kanaan duubatti hoolaan Faasika'aa ka itti qalamu, ayyaanni qixxa'aa ni gaye. 8Yesus, «Irbaata Faasika'aa akka nyaannuuf deema'aatii, nuuf qopheessaa!» jechu'uun, Phexirosii fi Yohaannisiin ni erge.
9Isaan'llee, «Irbaata Faasika'aa eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jechu'uun, ni gaafataniin.
10Inni'llee akkana isaaniin jedhe, «Gara magaala'aa yoo aseentan kunoo, waabaa bishaanii namicha baadhate ni argattan, isa horddofa'aatii gara mana inni itti galuu dhaqaa. 11Abbaa manaatiin'llee barsiisaan keenna, ‹barattoota kiyyaan woliin Irbaata Faasika'aa ka itti nyaatu manni boqannaa keessumma'aa eessa? Siin jedha› jedha'aanii. 12Inni'llee mana wol irroo gubba'aa ka bashannanaa ka jiruu fi afamee ka qophaaye galmma baldhaa isinitti ni muldhisa, achitti qopheessaa.»
13Barattoonni lamaan'llee deemanii, wonitti marrinuu akkuma Yesus jedhe ta'ee ni argatan, Irbaata Faasikaa'llee achitti ni qopheessan.
Naamusa Yaadannoo Irbaata Qulqullu'uu
(Mat 26:26-30; Mar 14:22-26; 1Qor 11:23-25)
14Saa'aatiin irbaataa yeroo gayetti Yesus ergamittootaan woliin nyaataaf ni taa'e. 15Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Rakkinna fudhachuu kiyyaan duranatti isiniin woliin Irbaata Faasika'aa kana nyaachu'uuf, haalaan ni hawwa ture, 16Dhossaan dhuga'aa ka waan kanaa Mootummaa Waaqaa titti muda maleessa ta'ee haga muldhatutti, ammaa achitti Irbaata Faasika'aa kana gonkumaa hin nyaadhu, isiniin jedha.»
17Kanaan duubatti Yesus duloo ol fuudhee eega galateeffateen duubatti akkana ni jedhe, «Hoo'aa kana qoodamaa, 18dhugamaan isiniin jedha, ammaa jalaqabee Mootummaan Waaqaa haga dhufutti, dhugaatii firii woyinni'ii kanaa irraa argamu, hin dhugu.»
19Itti aansee'llee Yesus hibsittii ol fuudhee eega galateeffateen duubatti, kukkutee barattoota isaatiin, «Hoo'aa, kun foon kiyya ka isiniif kennu, kana yaadannoo kiyyaaf taasfadhaa!» jedhee, isaaniif ni kenne.
20Akkuma kana irbaataan duubatti'llee duloo ol fuudhee isaanii kenneeti akkana isaaniin ni jedhe, «Duloon kun, waayee keessaniif ka jiguun ka raawwatamu waadaa haarawa.
21«Garuu harki nama dabarssee ka ana kennuu kunoot, anaan woliin nyaachu'uutti ni jira. 22Ilmi Namaa akkaatama waayeen isaa akkuma durssee murteeffameetiin, ni du'a, garuu Ilma Namaa dabarssee ka kennu, nama saniif uunsha'a!»
23Isaan'llee, «Nu jiddu'uu waan kana ka raawwatu, kami inni?» jechu'uun, ufii isaaniitii wol ni gaafatan.
Ka Maraa Caalu Eennu?
24 #
Mat 18:1; Mar 9:34; Luq 9:46. Itti aanssanii'llee inni, «Ka mara keenna caalu eennu?» jedha'aa, ufii isaaniitii wol mormmuu jala ni qaban. 25Yesus garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Nugusonni biyya lafa kanaa ummata irratti aangoo ni qaban, bulchitoonni'llee ummataaf waan mishaa raawwattoota ni jedhaman, 26#Mat 23:11; Mar 9:35.Isin garuu akka isaanii ta'uu hin malu, kana irra isin keessaa ka guddaa ta'e akka diqqa'aa haa ta'u, itti gaafatamaa ka ta'e'llee akka tajaajila'aa haa ta'u. 27#Yoh 13:12-15.Bakka nyaataa taa'ee ka nyaatuu fi ka dhaabatee tajaajilu kamittu wolii gudda'a? Gudda'a ka jedhamu ka nyaataaf taa'ee jiruu mitii? Ani garuu isin jiddu'uutti akka tajaajila'aati. 28Isin yeroo rakkinnaa kiyyaa marattuu ana woliin jabaattanii turtanii jirttan. 29Kanaaf akkuma abbaan kiyya ana muude, ani'llee isin ni muuda. 30#Mat 19:28.Mootummaa kiyyatti'llee yaataaf teettanii ni nyaattan, ni dhugiddan, teessoo irra teettanii gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee, ni murtteesitan.»
Phexiros Akka Isa Waakkatu Yesus Durssee Dubbachuu Isaa
(Mat 26:31-35; Mar 14:27-31; Yoh 13:36-38)
31Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Simoon! Simoon! Kunoo, akkuma qotee bulaan qamadii hafarssee ibbiqiin adda baasu, akkuma kana sheexanni isin hafarssu'uuf ni barbaade. 32Garuu amantiin keessan akka hin banneef ani siif ni kadhadhe, yeroo deebitetti'llee, obboleeyyan kee jabeessi.»
33Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Hidhamiinsaa fi ta'ee du'uuf'llee si'iin woliin deemu'uuf, ani qophaaya'a!» jedhe.
34Yesus garuu, «Yaa Phexiros! Adha lukkuun uduu hin iyyin, ‹isa hin beekuun!› jettee, yeroo sadihii ana ni waakkatta, siin jedha» jedheen.
35 #
Mat 10:9, 10; Mar 6:8, 9; Luq 9:3; 10:4. Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin, «Korojoo qarshi'ii, qaraaciitii fi kophee'llee uduu hin qabatin yeroo isiniin jedhetti ergetti, wonitti isinitti hanqate ni jiraa ree?» isaaniin jedhe.
Isaan'llee, «Womaayyuu wonitti nutti hanqate hin jiru» jechu'uun, ni deebisaniif.
36Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Amma garuu korojoo qarshi'ii ta'ee qaraciitii'llee ka qabu haa qabatu, billaya'llee ka hin qabnne uffata isaa gurguree bilaya haa bitatu. 37Waayee kiyyaaf durssee ka barreeffame marrinuu raawwatamuu waan qabuuf, ‹hamaaleyyii woliin ni lakkaayame› ka jedhu, dubbiin kitaaba Qulqullu'uu, ana irratti raawwatamuu qaba, isiniin jedha.»
38Barattoonni isaa'llee, «Yaa Gooftaa! Kunoo asi bilaya lamaa ni jiran!» jedhaniin.
Inni'llee, «Ni gaya!» isaaniin jedhe.
Yesus Gaara Ejerssaa Titti Kadhachuu Isaa
(Mat 26:36-46; Mar 14:32-42)
39Yesus magaala'aa bayee akkuma barate gara Gaara Ejerssaa ni deeme, barattoonni isaa'llee isa woliin ni deeman. 40Achi'llee yeroo gayetti Yesus, «Gara qormaataa titti akka hin aseenneef kadhadhaa!» isaaniin jedhe.
41Kanaan duubatti haga darbata dhaga'aa isaan irraa achi fagaatee ni deeme, jilbbiiffatee'llee akkana jechu'uun ni kadhate, 42«Yaa Abbaa! Fedhii kee yoo ta'e duloo rakkinnaa kana, ana irraa fageessi! Garuu fedhii kee haa ta'u malee fedhiin kiyya hin ta'in.» 43Yeroo sanitti maleyikkaan isa jajabeessu sami'ii dhufee itti ni muldhate. 44Onnee isaa titti'llee haalaan sarddamee haalaan ni kadhata ture, daniffi isaa'llee akka dhiigaa ta'ee, gara lafaa titti ni dhimmisa ture.
45Bakka kadhanna'aatii ka'ee gara barattoota isaa ni dhufe, baay'inna gaddaa irraa kan ka'een rafanii isaan argateeti, akkana isaaniin jedhe, 46«Waayee maali'iitiif raffittanii? Kana irra gara qormaataa titti akka hin aseeneef, ka'aatii kadhadhaa» isaaniin jedhe.
Dabarffamee Kennamu'uu Fi Qabamuu Yesusii
(Mat 26:47-56; Mar 14:43-50; Yoh 18:3-11)
47Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru kunoo, namoonni baayi'een ni dhufan, ka isaan eemaru'llee kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa ni ture, Yihudaan'llee isa dhungachu'uuf gara Yesusii, ni dhiyaate. 48Yesus garuu, «Yaa Yihudaa! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee, ni kennitaanii ree?» jedheen.
49Barattoonni Yesusiin woliin turan'llee, haala dhimmichaa yeroo arganitti, «Yaa Gooftaa! Bilayaan isaan haa dhoofinnuu ree?» jedhan. 50Isan keessaa'llee tokko tajaajilaa qeesicha ol aana'aa bilayaan dhayeeti, gurra isaa ka mirgaa ni mure.
51Yesus garuu, «Dhiisi! Waan akkanaa kana deebitee hin raawwatin!» jedhe, gurra namichaa'llee qaqabee ni fayyiseen.
52Kanaan duubatti Yesusiin qabu'uuf worra dhufan itti gaafatamoota qeesotaa, ajajoota woriddiyyoota Mana Waaqeffata'aatii fi jaarsotii ummataatiin'llee akkana ni jedhe, «Ana akka shiftta'aa titti qabu'uuf, bilayaa fi ulee qabattanii dhufittanii? 53#Luq 19:47; 21:37.Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti isin woliin yeroo argamutti, ana hin qabnne ture, amma garuu yeroo keessan fi yeroo angoo dukkanaati.»
Phexiros Yesusiin Waakkachuu Isaa
(Mat 26:57-58, 69-75; Mar 14:53-54, 66-72; Yoh 18:12-18, 25-27)
54Kanaan duubatti namoonni Yesusiin qabanii fudhataniiniiti gara mana itti gaafatamaa qeesotaa ni fidaniin, Phexiros'llee achi fagaatee ni horddofaan ture. 55Namoonni'llee moonaa keessatti ibidda qabsiisanii, tokkuma'aan ta'anii jiran ture. Phexiros'llee dhufee isaan woliin ni taa'e. 56Phexiros ibidda bira taa'ee uduu jiru hojjatuun manaa takka ifa ibiddaatiin ni argiteen, gara isaa guutattee laaltee'llee, «Kun'llee Yesusiin woliin ni ture!» jette.
57Phexiros garuu, «Dubarttii nana! Ani isa hin beeku!» jechu'uun, ni waakkateen.
58Yeroo muraasaan duubatti naminni bira'aa tokko Phexirosiin argeeniiti, «Ati'llee isaan keessaa tokko!» jedheen.
Phexiros garuu, «Nama nana, mitii!» jedhe.
59Haga saa'aatii tokkoo turee'llee, naminni bira'aa tokko Phexirosiin, «Naminni kun nama biyya Galiila'aatii, dhugamaanuu isa woliin ni ture!» jechu'uun, cimssee ni dubbate. 60Phexiros garuu, «Nama nana! Waan ati jettuu hin beeku!» jedhe. Kana dubbata'aa uduu jiru, bakkumatti lukkuun ni iyye. 61Yeroo kanatti Gooftaan Yesus ufi irra garagalee Phexirosiin ni laale, Phexiros'llee, «Adha lukkuun uduu hin iyyin yeroo sadihii ana waakkatta» jechu'uun, Gooftaan Yesus dubbii dubbate, ni yaadate. 62Gara alaa bayee'llee fiqqifatee, ni booye.
63Yeroo sanitti namoonni Yesusiin qabanii turan, isa irratti'llee ni baldanii fi ni dhaananiin'llee turan. 64Fuula isaa'llee haguugga'aa, «Eenutu si dhaye? Nabiyyii yoo taate mee beeki!» ni jedhaniin ture. 65Isa irratti'llee waan baayi'ee dubbata'aa, ni arrabisaniin turan.
Yesus Gara Mana Murtii Fidamuu Isaa
(Mat 26:59-66; Mar 14:55-64; Yoh 18:19-24)
66Yeroo bari'etti'llee jaarsotiin ummataa, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa bakka tokkotti wol gayanii, Yesusiin'llee gara bakka yaa'ii isaanii ni fidaniin. 67Akkana'llee ni jedhaniin, «Mee ati Masihii eega taate nutti himi!» Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Isinitti yoo hime ana hin amanttan, 68gaafii'llee yoo isinii dhiyeesse naa hin deebifttan, 69garuu ammaa jalqabee Ilmi Namaa huminna isaatiin, mirga Waaqaatiin ni taa'a.»
70Marrinuu tokkumma'aan, «Eegaa ati Ilma Waaqaatii ree?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Inni'llee, «Ee, akkuma isin jettan» isaaniin jedhe.
71Isaan'llee, «Eegaa ragaa maal nuuf barbaachisa? Kunoo, dubbii afaan isaatii bayeef, nu mataan keennaa dhageennee jirra!» jedhan.