Лого на YouVersion
Икона за пребарување

Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 11

11
Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge
(Luq. 7:18-35)
1 # 7:28; 13:53; 19:1; 26:1 Yesuus darasoota kudha lamaan seera ufii itti kennee haga bobbaaseen maayessa, achii ka'ee gara qachoota naannaya Galiila'aa keessatti lallabu'uu fi barsiisu'uuf dhaqe. 2#14:3; Yoh. 3:24 Yohaannis cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru hujii Kiristoosii dhagayee, darasoota keessaa lamaan ergeeti, 3#Milkiyaasii Raatticha 3:1; Yoh. 1:15, 27 Ka dhufu si'i moo ka biraa eenna? jedheen. 4Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe. Deema'aatii ka argitaniif ka dhageettan Yohaannisitti himaa'a. 5#Isaayyaasii Raatticha 35:5-6; 61:1; Luq. 4:18 Balloonni hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'anillee hin ka'an. 6Hiyyeeyyi'iifillee Oduun Nagayaa hin lallabama. Namni waan kiyya hin mamne maruu ka eebbifame. 7Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa akkuma lixaniin, Yesuus akkana jedhee bani'itti waan Yohaannisii himuu jalqabe. Maal laalu'uuf gara lafa udume'ee baatan? Oyyaa Leemmanii ka bubbe'een socho'u laalu'uuf moo? 8Maal laalu'uuf? nama uffata haarrii babbareedaa uffatee? Kunoo worri uffata haarrii babbareedaa uffatan mana moototaa keessa jiran. 9#14:5; Luq. 1:76 Moo maal laalu'uuf? Raagaa? Ee dhugamaan isiniin jedhaa, ka raaga caalu argitan. 10#Seera Bawu'uu 23:20; Milkiyaasii Raatticha 3:1; Mar. 1:2; Yoh. 3:28 Inni, ka Barreeffamni Woyyuun,
‹Kunoo ergamaa kiyya ka karaa sii tolchu si afo'otti erga› jedhee dubbateera.
11Dhugamaan isiniin jedha, worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu hin argamne. Jeennata sami'ii keessatti ka maraa irraa gadiititu isa caala. 12#Luq. 16:16 Bara Yohaannisii cuuphaa irraa jalqabee, haga ammaa jeennanni sami'ii hunnaan dhiibama'aarti; worri itti galu'uuf jabaatanii tattaafatan hin argatan. 13Raattonni maraa fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganiiran. 14#Milkiyaasii Raatticha 4:5; Mat. 17:10-13; Mar. 9:11-13; Luq. 1:17 Yoo dubbii isaanii fudhachuu feetan, Yohaannisiin kun, Eeliyaasii hin dhufa jedhame san. 15#13:9, 43; Mar. 4:23; Luq. 8:8; Mudh. Yoh. 13:9 Ka Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.
16«Dhaloota kana maali'iin wol fakkeessa? Inni akka ijoollee lafa gabaya'aa taa'anii hiriyyoota isaaniitiin, 17Xurumbaa isinii afuufne, isin ammoo hin hamoommonne, faaruu booyaa isin dhageessifne, isin ammoo hin gaddine. 18#3:4; Luq. 18:12; Yoh. 10:20 Yohaannis uduu hin nyaanneef hin dhunne dhufe. Isaan ammoo, ‹Inni jinnii qaba› jedhan. 19#9:10-15; Yoh. 2:2 Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammoo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaa ti› jedhaniin. Haata'uu ammoo Ogummaan Rabbii, hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe. 20Achiin maayii Yesuus worra qachoota maalalee ufii inni irra caalaa keessatti hojjete keessa jiraatan waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaniif isaan komate. 21#Isaayyaasii Raatticha 23:1-18; Hisqeelii Raatticha 26:1—28:26; Iyyu'eelii Raatticha 3:4-8; Amoosii Raatticha 1:9-10; Zakkaariyaasii Raatticha 9:2-4; Yoonaasii Raatticha 3:6 Kurraasii, si aanne'e! Beetasayidaa'a, si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame Xiroosii fi Siidonaa keessatti uduu godhamee jiraatee, silaa baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran. 22Maarre ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san, isin caalaa Xiroosii fi Siidona'aa hin salphata. 23#4:13; Isaayyaasii Raatticha 14:13-15; Seera Uumamaa 19:24-28 Atillee Qifirnaahoom, haga sami'ii ol uf qabuu feetee? gara asaabaa hin buuta. Maalaleen si keessatti godhame uduu Soodomitti godhamee jiraatee, isiin silaa haga adhaa hin jiraatti. 24#10:15; Luq. 10:12 Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san, si caalaa biyya Soodoomiitii hin salphata. 25#Qor. 1ffaa 1:18-29; Isaayyaasii Raatticha 29:14 Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha. 26Ee Abbaa kiyya, fedhiin kee si afo'otti akkana waan ta'eef, ani waan kanatti gammadeera. 27#28:18; Yoh. 3:35; 17:2; 1:18; 10:15; Filph. 2:9 Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru. 28#Ermiyaasii Raatticha 31:25 Isin dadhabdoonni worri ba'aan keessan isinitti ulfaate maruu gara kiyya koottaa'a. Ani hara isin baafachiisa. 29#Ermiyaasii Raatticha 6:16; Filph. 2:5 Qanbaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafeessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin harabaafata argatanii. 30#Yoh. 1ffaa 5:3 Qanbaraan kiyya haphi'i, ba'aan kiyyallee salphaa waan ta'eef.

Нагласи

Сподели

Копирај

None

Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се