Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 12
12
Gaafii Waan Sambataa
(Mar. 2:23-28; Luq. 6:1-5)
1 #
Seera Keessa deebi'ii 23:25
Guyyaa Sambata diqqa'aatiin uduu Yesuus maasaa keessa lufa'aaru, Barattoonni isaallee waan beelayaniif asheeta kukkutanii nyaachuu jalqaban. 2#Seera Bawu'uu 20:10; Seera Keessa deebi'ii 5:14 Fariisoonni kana arganiiti, Yesuusiin «Kunoo, darasoonni tee guyyaa Sambataatiin waan seerri hin kennine godha'aaran» jedhaniin. 3-4#Saamu'eelii 1ffaa 21:1-6 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Daawitii fi worri isa woliin turan hennaa beelayan, waan inni godhe hin dubbifnee? Inni mana Rabbii seenee, xoroshoo ciinca'aa ka seerri gadootaaf malee, isaa fi worra isa woliin jiraniif hin kennine nyaate. 5#Seera Laakkobsaa 28:9-10 Gadoonni guyyaa Sambataa mana woyyuu keessatti, Sambataan hojjatanii akka hin yakkine, isin Seera Muuse'ee keessatti hin dubbifnee? 6#12:41-42; Luq. 11:31-32 Haata'uu ammo ani isinitti hima, ka mana woyyuu caalu asi jira. 7#9:13; Hoosee Raatticha 6:6 Isin ammoo, «Ani ciincaa irra araara jaaladha ka jedhame maal akka ta'e uduu beettanii, worra yakka hin qabnetti hin murteessitan. 8Maarre, Ilmi Namaa Sambataafillee Goofta'a.»
Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise
(Mar. 3:1-6; Luq. 6:6-11)
9Yesuus achii ka'ee mana sagada Yihuudotaa seene. 10#Luq. 14:3 Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan. 11#Luq. 14:5 Yesuus deebisee, «Isin keessaa namni Hoolaa tokko qabu, guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa badde ka hin baafne eennu? 12Eegasuu namni attamitti Hoolaa hin caalle? Kanaafuu guyyaa Sambata diqqa'aa tiin waan mishaa hojjatuun seeruma» jedhe. 13Achiin maayessa Yesuus, «Namichaan harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee hennaa harka diriirfate, harki isaa fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii ta'e. 14#Yoh. 5:16, 18 Fariisoonni ammoo bayanii, attamitti akka isa balleessan mari'atan.
Tajaajila Rabbi Filate
15 #
Mar. 3:7-10; Luq. 6:17-19 Yesuusillee yaada isaanii beekee, achii siiqe. Namoonni hedduu isa faanaa deemanii isaan maraa hin fayyise. 16#8:4; 9:30; Mar. 3:12 Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere. 17#Isaayyaasii Raatticha 42:1-4 Kunillee ka raatticha Isaayyaasiin raagame akka raawwatamuuf ta'e;
18 #
3:17
wonni raagamellee, «Kunoo, hojjataan kiyya, ka ani filadhe,
jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde.
Ayyaana kiyya isa irra kaaya,
innillee worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba.
19Inni hin mormu, hin wocu,
yookiin eennullee laagaa isaa raasa'atti hin dhagayu.
20Inni murtii dhuga'aa haga irra aansutti
Ooyyaa leemmaniillee hin cabsu, fooyaa ibsaa jirbi'iillee hin dhaamsu. 21Worri Yihuudota hin ta'innillee abdii isaa hin argatan. 22#9:32-33 Achiin maayessa namicha balla'aa fi ka afaan duuda'aa, ka jinniin dhayeeru tokko gara Yesuusii fidan. Innillee namicha san hin fayyise, namichillee argu'uuf dubbatuu danda'e. 23Baniin martinuu maalalfatanii, «Namni kun Ilma Daawitii ta'innaa?» jedhan.
24 #
9:34; 10:25 Worri Fariisootaa ammoo hennaa kana dhagayan, «Inni hunna mootii jinni'ii ka Bi'eelzeebul jedhamu calla'aan malee jinniiwwan hin baasu» jedhan.
25Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gargar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gargar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi. 26Jinniinillee yoo jinnii baase, inni ufii uf qoqqooda. Eegasuu mootummaan isaa attamiin dhaabatti ree? 27Eegasuu yoo ani hunna Bi'eelzeebuuliitiin jinniiwwan baase, ijoolleen teessan hunna eennuutiin jinniiwwan baasan? Kanaaf ijoollema teessantu isinitti murteessa. 28#Yoh. 1ffaa 3:8; Hu. Er. 10:38 Ani ammoo Ayyaana Rabbiitiin jinnii yoo baase, jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti. 29#Isaayyaasii Raatticha 49:24 «Yookiin namni tokko duraan dursee uduu namicha jabaa hin hiine, gara mana namicha jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu attamitti danda'a? Haga namicha san hidheen maayessa mana isaa saamuu danda'a. 30#Mar. 9:40; Luq. 9:50 Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne ammoo hin bittinneessa. 31#Yoh. 1ffaa 5:16; Ibr. 6:4-6; 10:26 Kanaafuu akkana isiniin jedha, Cubbuunii fi nama arrabsuun martinuu namootaa hin dhiifama. Haata'uu ammoo Ayyaana Woyyuu ka arrabsuu hin dhiifamu. 32#Luq. 12:10; Xim. 1ffaa 1:13 Namni Ilma Namaatiin mormee waa dubbatu hin dhiifamaaf. Namni Ayyaana Woyyu'uun mormu ammoo, adunyaa tanarratti yookiin adunyaa dhuftu irrattillee hin dhiifamuuf.
Mukaa Fi Daraaraa Isaa
(Luq. 6:43-45)
33 #
7:17-20
«Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf, daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan, Daraaraa badaa argattan. 34#3:7; 23:33; Luq. 3:7; Mat. 15:18 Isin ijoollee bofaa! isin hammeeyyii taatanii, attamitti dubbii mishaa dubbachuu dandeettan? waan garaa guute afaan dubbata. 35Namni mishaan waan mishaa garaa ufii keessaa baasa; Namni waan hamaa garaa ufii keessatti kuufate ammoo, woma hamaa san uf keessaa baasa. 36Ani akkana isiniin jedha, namoonni waan hamaa dubbatan sanniin maraafuu guyyaa murti'ii deebii kennan. 37Dubbima teessaniin isinitti muran, dubbima teessaniin isinii muran.»
Barsiisonni Seeraatii Fi Fariisonni Malkata Gaafatan
(Mar. 8:11-12; Luq. 11:29-32)
38 #
16:1; Mar. 8:11; Luq. 11:16; Yoh. 6:30; Qor. 1ffaa 1:22 Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni gariin, «Barsiisaa'a! Nu akka ati malkata nutti mudhiftu barbaanna» jedhaniin. 39#16:4; Mar. 8:12 Yesuus ammoo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhaloonni hamannii fi worri seebaran malkata soqan#12:39 soqan: barbaadanmalkata raaga raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf. 40#Yoonaasii Raatticha 2:1 Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura. 41#Yoonaasii Raatticha 3:5, 8 Worri Nanawwe'ee guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin ka'anii isaanitti murteessan. Sababa lallaba Yoonaasiitiin aagii#12:41 aagii: dhiifama waan galaniif, Kunoo, ka Yoonaasiin caalu as jira! 42#Mootota 1ffaa 10:1-10; Seenaa 2ffaa 9:1-12 Mootittiin Azeeb guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin kaatee itti murteessiti. Ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa lafaatii kaatee waan dhufteef, Kunoo ka Solomooniin caalu as jira.»
Bayee Deebi'uu Ayyaana Batti'ii
(Luq. 11:24-26)
43Yesuus ayyaanni badaan nama keessaa hennaa bayu hulee itti harabaafatu barbaadu'uuf lafa gammoojji'ii keessa deema. Garuu womaa hin argatu. 44Achiin maayii, ‹Ani gara mana kiyya ka keessaa bayeetitti hin deebi'a› jedha. Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaayamee bareedee qophaaye arga. 45#Phex. 2ffaa 2:20 Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee jinnoota biraa ka isa caalaa hamaa ta'an torban qabatee deebi'ee itti gale. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Dhaloota hamaa kanniiniifillee akkasuma ta'a» jedhe.
Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii
(Mar. 3:31-35; Luq. 8:19-21)
46 #
13:55; Mar. 6:3; Yoh. 2:12; Hu. Er. 1:14 Uduma Yesuus gumii woliin dubbata'aaru, haatinii fi obboleewwan isaa isa dubbisu'uuf dhufan diida dhaabataniiran. 47Hennaa san namni tokko Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleewwan tee si dubbisuu barbaadanii diida dhaabataniiran» jedheen. 48Yesuus deebi'ee, «Haati tiyya eennu, obboleeyyan tiyyallee eennu fa'a?» jedheen. 49Achiin maayessa harka ufii gara darasootaa akeekee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya kunoo ti! 50#Yoh. 15:14; Rom. 8:29 Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.
Селектирано:
Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 12: WLNT
Нагласи
Сподели
Копирај
Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

: