Seera Ba'uu 2
2
Dhaloota Musee
1Bara sana namichi sanyii Lewwii tokko dhaqee, sanyii isaa keessaa intala tokko fuudhe*; 2dubartittiinis ulfooftee ilma in deesse; mucichi bareedaa ta'uu isaa yommuu argite ji'a sadiif isa in dhoksite*. 3Yeroo dhoksuu dadhabdetti immoo waan akka bidiruu xinnoo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee, leeleedhaa fi hapheedhaan maragdee, mucicha isa keessa ciibsitee, qarqara laga Abbayyaa jajjaba keessa keesse; 4obboleettiin isaa immoo wanta mucichi ta'u ilaaluudhaaf irraa fagaattee in dhaabatti turte*.#1 6:20 2 HoE 7:20; Ibr 11:23 4 Lak 26:59
5Yommus intalli mootichaa immoo laga Abbayyaatti dhiqachuudhaaf dhufte; durboonni isheedhaaf ergaman immoo qarqara lagichaa in adeemu turan; isheen jajjaba keessatti wanta akka bidiruu sana argitee, xomboreen ishee akka itti fiduuf in ergite. 6Wanta fichisiifte sana yommuu bante mucicha argite; mucichi in boo'a waan tureef, garaan ishee jibbee,<<Kun ijoollee Ibrootaa keessaa tokko>> jette. 7Kana booddee obboleettiin isaa dhuftee intala mootichaatiin,<<Hoosiftee akka siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa tokko siif waamuu?>> jette. 8Intalli mootichaa immoo deebiftee<<Dhaqi!>> jetteen; akkasitti intalattiin dhaqxee haadha mucichaa waamtee in fidde. 9Intalli mootichaa,<<Mucaa kana fuudhii hoosisii anaaf guddisi! Ani immoo gatii dadhabbii kee siifan baasa!>> jetteen; dubartittiinis mucicha fuutee hoosiftee in guddifte. 10Mucichi erga guddatee, isheen gara intala mootichaatti isa fidde; inni isheedhaaf ilma ta'e; isheen immoo,<<Ani bishaan keessaa isa baaseera!>> jettee, maqaa isaa Museetti moggaafte*.#10 HoE 7:21
Museen Baqatee Biyya Miidiyaanitti Galuu Isaa
11Museen nama ga'aa erga ta'ee, gaaf tokko gara sanyii isaatti gad ba'ee hojii isa ba'aa ulfaataa isaanitti ta'e sana in ilaale; namni Gibxii tokko Ibroota sanyii isaa keessaa isa tokko utuu rukutuu arge*. 12Inni asii fi achi ilaalee nama biraa tokko illee yeroo dhabetti, namicha Gibxii sana ajjeesee reeffa isaa cirracha jala dhokse. 13Guyyaa itti aanuttis yeroo gad ba'e, Ibroonni lama utuu wal lolanii arge; inni namicha isa balleesseen,<<Ati maaliif Ibricha akkaa keetti rukutta?>> jedhe. 14Namichi immoo deebisee,<<Ati eegduudhaa fi abbaa firdii akka taatuuf eenyutu nu irra si kaa'e>> Yookiis akkuma namicha Gibxii sana ajjeefte anas ajjeesuu yaaddee?>> jedhe; yommus Museen in sodaate; itti yaadees,<<Dubbichi beekamuun isaa dhuguma!>> jedhe. 15Mootichi yommuu waa'ee isaa dhaga'e immoo Musee ajjeesuu barbaade; Museen garuu isa jalaa gara biyya Miidiyaanitti baqate; achi yommuu ga'e boolla bishaanii tokko bukkee in taa'e*.#11 Ibr 11:24-26 15 HoE 7:29; Ibr 11:27
16Lubni Miidiyaan tokko ijoollee durbaa torba qaba ture; isaan gara boolla bishaanichaa dhufanii, bushaayee abbaa isaanii obaasuudhaaf bishaan buduqsanii bidiruutti guutan*. 17Tiksoonni biraa immoo dhufanii irraa isaan in ari'atan; Museen garuu achii ka'ee durboota sana gargaaree bushaayee isaanii in obaaseef. 18Durboonni kun gara abbaa isaanii Reu'ela#Bau 2:18 <<Reu'el>> iddoo biraatti immoo (3:1)<<Yetroo>> jedhama; garuu tokkichuma. isa Yetroo jedhamu, yommuu dhufan, inni immoo,<<Har'a maalittuu akkas daftanii deebitan?>> jedhe. 19Isaan immoo,<<Nama Gibxii tokkotu tiksoota nu irraa dhowwe, bishaan iyyuu nuuf buduqsee bushaayee nuuf obaase>> jedhan. 20Inni immoo durboota isaatiin,<<Amma namichi eessa jira ree>> Maaliif isa dhiiftanii dhuftan>> Waamaa buddeena haa nyaatu!>> jedhe.#16 3:1
21Akkasitti Museen namicha bira jiraachuu in jaallate; namichis intala isaa Siiforaa Museef in kenne. 22Isheen ilma deesse; Museen immoo,<<Ani biyya ormaatti galaa ta'eera>> jedhe, maqaa isaa Gershoomitti moggaase* [<<Gershoom>> jechuun <<Galaa>> jechuu dha].#22 18:3-4
23Bara baay'ee booddee mootiin biyya Gibxii in du'e; namoonni Israa'el immoo garbummaa isaanii keessatti aadanii gargaarsaaf in iyyatan; inni isaan garbummaa keessaa iyyatanis gara Waaqayyootti ol ba'e. 24Waaqayyo yommus aadnaa isaanii dhaga'ee, kakuu Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate in yaadate*; 25Waaqayyo akka Israa'eloonni itti jiran beekee, isaan in ilaale.#24 Uma 15:18; 17:1-14; 26:3-4; 28:13-22
Markert nå:
Seera Ba'uu 2: MacQul
Marker
Del
Kopier
Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: