Seera Uumamaa 34

34
Sheekem Ilmi Hamoor Dhinee Butuu Isaa
1Dhinee intalli Yaaqoob, isheen Liyaan deesse, durboota biyya sanaa ilaaluudhaaf in baate*. 2Sheekem ilmi Hamoor nama Hiiwoo, abbaa biyya sanaa yommuu ishee arge, ishee butee wajjin ciisee ishee salphise. 3Yaadni isaa Dhinee intala Yaaqoob duukaa in sokke; inni intalattii in jaallata, garaa intalaa kan ittiin laaffifatus in dubbata ture. 4Sheekem abbaa isaa Hamooriin immoo,<<Intala kana na fuusisi!>> jedhe. 5Sheekem Dhinee irraa ulfina erga fuudhee, Yaaqoob waan intalli isaa taate dhaga'e; garuu ilmaan isaa lafa horii tikaa waan jiraniif, hamma isaan galanitti calluma jedhe.#1 30:21
6Hamoor abbaan Sheekemis Yaaqoobii wajjin dubbachuudhaaf gara isaa dhaqe. 7Ilmaan Yaaqoob lafa tikaatii galanii, wanta ta'e yommuu dhaga'an, garaan isaanii in gubate, aaraniis in boba'an; wanti namichi intala Yaaqoobii wajjin ciisuu isaatiin hojjete, Israa'el keessatti waan hin taanee dha; wanti akkasii hojjetamuun hin ta'u ture. 8Kana gidduutti Hamoor isaaniin,<<Yaadni Sheekem ilma koo intala keessan duukaa sokke; hadaraa, ishee ilma koof kennaa! 9Fuudhaa fi heerumaan nutti firoomaa; durboota keessan nuuf kennaa, durboota keenyas fuudhaa! 10Nuu wajjin taa'aa, lafti isin dura jira, lafa barbaaddan taa'aa, asii fi achi adeemaa nagaddadhaa, araddaas godhadhaa!>> jedhe. 11Sheekemis immoo abbaa intalaa fi obbolaa isheetiin,<<Fuula keessan duratti faara argachuun koo haa ta'u malee, waanuma isin jettan nan kenna; 12qaraxa, kennaa kennamus guddisaa anatti baay'isaa! Intala anaaf kennaa duwwaa malee, ani waanuma isin jettan nan kenna>> jedhe*.#12 Bau 22:16
Obboloonni Dhinee Haala Ba'uu Isaanii
13Ilmaan Yaaqoob immoo Sheekem kun Dhinee obboleettii isaanii irraa ulfina waan fuudheef, isaaf, Hamoor abbaa isaatiifis haxxummaadhaan deebii kennaniif. 14Isaanis Sheekemiif abbaa isaatiin,<<Nuyi nama dhagna hin qabatiniif obboleettii keenya kennuu hin dandeenyu; wanta akkasii kana gochuun nutti yeelloo dha; 15isin akka keenya taatanii dhiironni keessan hundinuu dhagna akka qabatan yoo gootan duwwaa, tole isiniin jenna*. 16Isa booddee, nuyi durboota keenya isiniif in kennina, durboota keessanis in fuuna; isinii wajjin in jiraanna, saba tokkos in taana. 17Dubbii nuyi isinitti himnu kana dhageessanii yoo dhagna qabachuu dhabaattan, nuyi intala keenya in fudhanna, in adeemnas>> jedhan. 18Wanti isaan dubbatan Hamoorii fi Sheekem ilma Hamooritti ba'eessa ta'ee mul'ate. 19Dargaggeessichi intala Yaaqoobitti waan gammaduuf, wanta jedhame gochuudhaaf hin tursine; inni namoota mana abbaa isaa hundumaa irra caalaa ulfina qaba ture.#15 17:9-14
20Hamoorii fi Sheekem ilmi isaa gara balbala kellaa mandara isaanii dhufanii, namoota mandara isaaniitiin, 21<<Jarri kun warra nagaa dha, nuu wajjin biyya haa taa'an, asii fi achi adeemaniis haa naggadatan! Bal'inni lafichaas kunoo karaa hundumaa isaan in ga'a; nus intaloota isaanii in fuuna, intaloota keenyas isaaniif in kenninaa! 22Akkuma isaan dhagna qabatan, nuyis dhiira kan ta'e hundumaa yoo dhagna qabne duwwaa, namoonni kun tole jedhanii, nuu wajjin in jiraatu; saba tokkos in taana. 23Karri horii gaanfaa, wanti isaan qaban, horiin biraa isaan qe'eedhaa qaban hundinuus kan keenya in ta'u mitii ree>> Wanta isaan jedhan kana tole yoo jenne duwwaa, isaanis nuu wajjin in jiraatu>> jedhan. 24Namoonni balbala kellaa mandara isaaniitiin darban hundinuu, Hamoorii fi Sheekem ilma Hamooriif in dhaga'an; dhiirri balbala kellaa mandara isaaniitiin darbu hundinuu dhagna in qabame.
25Isaanis dhagna qabatanii gaafa guyyaa sadaffaa yeroo dhukkubbiin isaanitti dhaga'amutti, ilmaan Yaaqoob keessaa lamaan Shimi'oonii fi Lewwii kan jedhaman obboloonni Dhinee adduma addaan billaa fudhatanii, warri mandaricha keessaa <<Biyyi nagaa dha>> jedhanii utuu taa'anii, irra ba'anii, dhiira hundumaa ajjeesan*. 26Hamoorii fi Sheekem ilma isaa qara billaatiin ajjeesanii Dhinee immoo mana Sheekemii fudhatanii ba'an. 27Ilmaan Yaaqoob sababii obboleettii isaanii irraa ulfinni fuudhameef, warra waraanaman sana irra ba'anii mandaricha saaman; 28bushaayee isaanii, saawwan isaanii, harroota isaanii, wanta mandara keessaa, wanta ala tures in fudhatan; 29wanta jara biratti gatii qabu hundumaa, mucoolii isaanii, dubartoota isaaniis booji'anii, wanta mana jiru hundumaas in saaman.#25 49:5-7
30Yaaqoobis Shimi'oonii fi Lewwiidhaan,<<Warri biyya kanaa, warri Kana'aan, warri Pheriizonni jibbanii akka ana ajeeffatan gochuun keessan dubbiitti na galchitaniittu; lakkoobsi nama kootii muraasa; isaan anatti dacha'anii na rukutu, ani, maatiin koos lafa irraa in balleeffamna>> jedhe. 31Isaan garuu,<<Yoos akkuma gaalamootaatti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?>> jedhan.

Marker

Del

Kopier

None

Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på