Seera Uumamaa 35
35
Waaqayyo, Bet'elitti Yaaqoobin Eebbisuu Isaa
1Waaqayyo yommus Yaaqoobiin,<<Ka'ii gara Bet'elitti ol ba'i, achi taa'i! Ana Waaqayyo isa yeroo ati Esaawuu obboleessa kee duraa baqattetti sitti mul'ateef, iddoo aarsaa ijaari!>> jedhe*. 2Kana irratti Yaaqoob warra mana isaa fi namoota isaa wajjin turan hundumaan,<<Waaqayyolii ormaa kan qabdan of gidduudhaa baasaa, of qulleessaa, uffata keessanis geddaradhaa*! 3Kottaa gara Bet'el in dhaqnaa! Ani achitti Waaqayyo isa guyyaa rakkina kootti deebii anaaf kenne, karaa koo hundumaatti anaa wajjin tureef, iddoo aarsaa nan ijaara>> jedhe. 4Yommus isaan waaqayyolii ormaa warra isaan harka turan, amartii gurra isaanii isa qorichummaadhaaf kaa'atanis, fidanii Yaaqoobitti kennan; inni immoo qilxuu isa Sheekemitti dhi'oo jiru jala in awwaale.#1 28:11-17 2 31:19; Bau 19:10; Kes 27:15; Iya 24:23
5Yeroo isaan ka'anii adeemanitti, namni tokko illee akka isaan hin hordofnetti, naasisuun Waaqayyoo mandaroota naannoo sana turan hundumaa irra in bu'e*. 6Yaaqoobis namoota isa bira turan hundumaa wajjin gara Luz dhufe; innis Bet'el isa biyya Kana'aan keessaa ti. 7Achitti iddoo aarsaa tokko ijaare; yeroo inni obboleessa isaa duraa baqatee adeemetti, Waaqayyo achitti isatti mul'atee waan tureef, iddoo sana <<El-Bet'el>> jedhee moggaase* [innis <<Waaqayyo isa kan Bet'el>> jechuu dha]. 8Yeroo sanatti Deboraan, guddiseen Ribqaa duutee, Bet'el godaa qilxuu tokko jalatti in awwaalamte; kanaafis qilxuun sun,<<Qilxuu boo'ichaa#Uma 35:8 Ib<<Alon-Bakut>> jedhama.>> jedhamee moggaafame*.#5 Bau 23:27 7 33:20; Abo 6:24 8 24:59
9Yeroo Yaaqoob Phaadaan-Aaramii dhufetti, Waaqayyo deebi'ee isatti mul'atee, isa eebbises. 10Waaqayyo,<<Maqaan kee Yaaqoob, si'achi garuu maqaan kee<<Israa'el>> jedhama malee,<<Yaaqoob>> hin jedhamu>> jedheen; kanaaf akkuma Waaqayyo isa moggaasetti maqaan isaa <<Israa'el>> jedhame*. 11Waaqayyo yommus,<<Ani Waaqayyo isa hundumaa danda'uu dha; hori, baay'adhus! Sabni, tuuti sabaas si irraa in argamu, mootonnis mudhii kee keessaa in ba'u*; 12biyya isa ani Abrahaamii fi Yisihaqiifis kenne, siif nan kenna, si booddeedhaanis biyyicha sanyii keetiif nan kenna>> jedheen*. 13Kana booddee Waaqayyo iddoo isatti dubbate sanatti isa dhiisee biraa ol ba'e; 14Yaaqoob dhagaa tokko utubaa seenaa godhee ol qajeelche, iddoo itti Waaqayyo isatti dubbate sana dhaabee, kennaa dhugaatii irratti dhangalaasee, dhadhaa ejersaas dibe. 15Kanaaf Yaaqoob maqaa iddoo itti Waaqayyo isatti dubbate sana <<Bet'el>> jedhee moggaase*.#10 32:28 11 17:1,6; 12:2 12 12:7 14-15 28:18-19
Dhaloota Benyaamiinii Fi Du'a Raahel
16Isaan Bet'elii ka'anii in adeeman; biyya Efraataa ga'uudhaaf amma illee waa hafe utuu jiruu, Raahel da'uudhaaf in ciniinsifatte, ciniinsuun ishees jabaa ture. 17Utuu isheen da'uudhaaf ciniinsuu jabaa sana keessa jirtuu, deessiftuun ishee,<<Ammas immoo ilma dabalachuuf waan jirtuuf hin sodaatin!>> ittiin jette*. 18Raahel du'uudhaaf yeroo lubbuun ishee ba'uuf jettetti, maqaa mucichaa <<Ben-Onii>> jettee moggaafte; abbaan isaa garuu<<Benyaamiin>> jedhee moggaase; [<<Ben-Onii>> jechuun <<Ilma gadda koo>> jechuu yommuu ta'u,<<Benyaamiin immoo?<<Ilma mirga koo>> jechuu dha]. 19Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu irratti in awwaalamte; inni amma <<Betlihem>> jedhama*. 20Yommus Yaaqoob utubaa tokko awwaala ishee irra in dhaabe; inni utubaa awwaala Raahel isa hamma har'aatti iyyuu achuma jiruu dha.#17 30:24 19 48:7; 1Sam 10:2
Ilmaan Yaaqoob Kudha Lamaan
21Israa'el achii adeemee, riqaa Edar garasitti godoo dhaabbate. 22Israa'el iddoo sana buufatee utuu jiruu, Ruuben gara Bilhaa saajjatoo abbaa isaa dhaqee, ishee wajjin ciise; Israa'elis waa'ee kanaa in dhaga'e*.#22 49:4; Lew 18:8
Ilmaan Yaaqoob kudha lama turan; 23ilmaan Liyaan deesseef, Ruuben ilma Yaaqoob isa angafa, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon; 24ilmaan Raahel immoo Yoseef, Benyaamiin; 25ilmaan Bilhaa xomboree Raahel, Daan, Niftaalem; 26ilmaan Zilfaa xomboree Liyaa immoo Gaadi, Asheer; ilmaan Yaaqoob warri Phaadaan-Aaramitti dhalataniif isaan kana turan.
27Yaaqoobis mandara Mamreetti Kiriiyat-Arbaa isa <<Kebroon>> jedhamutti, abbaa isaa Yisihaq bira dhufe; kunis iddoo Abrahaamii fi Yisihaq akka ormaatti buufatan ture*. 28Barri Yisihaq jiraate waggaa dhibbaa fi saddeettama ture; 29Yisihaqis dulloomee, baras quufee du'e, gara saba isaattis in sassaabame; ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoob isa in awwaalan.#27 13:18
Markert nå:
Seera Uumamaa 35: MacQul
Marker
Del
Kopier
Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: