Seera Uumamaa 40
40
Yoseef Abjuu Warra Hidhamanii Hiikuu Isaa
1Kana booddee immoo eegduun warra mootii Gibxiif dhugaatii dhi'eessanii, eegduun warra buddeena tolchanii, mootii Gibxii gooftaa isaanii duratti balleessaa godhatan. 2Mootiin Gibxii yommus hojjetoota isaa warra gurguddoota kana lamaanitti in dheekkame; 3inni mana hidhaa iddoo Yoseef itti hidhamee eegamaa jiru keessatti akka isaan eeguuf, ajajjuu eegdota mana hidhaatti isaan kenne. 4Ajajjuun eegdota mana hidhaa sunis Yoseefitti hadaraa isaan kenne; innis isaaniif in ergame; isaanis takka achitti in eegaman.
5Gaaf tokko halkan, eegduun warra mootii Gibxiif dhugaatii dhi'eessanii, eegduun warra buddeena tolchaniis abjuu abju'atan; abjuun isaan lamaanuu mana hidhaa keessa utuu jiranii mata mataatti abju'atan kun, hiikaa adda addaa qaba ture. 6Yoseef ganama isaan bira dhufee yeroo isaan ilaaletti, fuula badanii isaan in arge. 7Inni kana irratti hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota isaa wajjin mana gooftaa isaatti eegamaa jiraniin,<<Har'a maaliif nyaara guurtan?>> jedhee isaan gaafate. 8Isaan immoo deebisanii,<<Nuyi abjuu abju'anne, namni nuuf hiiku dhibe>> jedhaniin; yommus Yoseef isaaniin,<<Abjuu Waaqayyotu hiikaatii, isin anatti himadhaa!>> jedhe*.#8 41:15-16; Dan 2:27-28
9Eegduun warra dhugaatii dhi'eessanii, abjuu isaa Yoseefitti yommuu himatu,<<Abjuu kootiin ani muka waynii fuula koo duratti nan arge; 10mukti waynichaa damee sadii qaba ture; inni akkuma hudheen in daraare, ija in naqate, hurbuun isaas in bilchaate; 11xoofoon mootiin Gibxii itti dhugu ana harka ture, anis ija waynichaa ciree xoofoo mootii Gibxiitti cuunfee, xooficha harka mootii Gibxiitti nan kenne>> jedhe. 12Yommus Yoseef namichaan,<<Abjuun kee kan itti hiikamu, dameen sadan sun guyyoota sadii; 13guyyaa sadiitti mootiin Gibxii ol si qaba, lafa hojii keettis si deebisa; akkuma dur yeroo ati dhugaatii dhi'eessaa turte fudhatamee turetti, ati xoofoo mootii Gibxii harka isaatti in kennita. 14Yeroo siif tolu sanatti garuu ana yaadadhu! Hadaraa, mootiin Gibxii akka na yaadatu gootee mana kana keessaa na baasisuudhaan wanta gaarii anaaf godhi! 15Ani biyya Ibrootaa keessaan hatamee dhufe; biyya kanattis immoo mana boollaa kana keessa kan na buusisu, ani waan tokko illee hin hojjenne>> jedhe*.#15 37:28
16Eegduun warra buddeena tolchaniis, Yoseef abjuu gara gaariitti hiikuu isaa in arge; innis abjuu isaa isatti yommuu himatu,<<Anis immoo abjuu kootiin kunoo buddeena gundoo sadiitu mataa koo irra ture. 17Buddeenni bifa garaa garaatiin tolfamanii, mootiin Gibxii akka nyaatuuf qopheeffaman hundinuu gundoo mataa koo irraa isa ol aanu keessa turan; allaattonni immoo gundoo isa mataa koo irra jiru keessaa in nyaatu turan>> jedhe. 18Yommus Yoseef deebisee,<<Abjuun kee kan itti hiikamu, gundoon sadan sun guyyoota sadii; 19guyyaa sadiitti mootiin Gibxii ol si fuusisee, mukatti akka si rarraasan in godha; allaattonnis foon kee irraa ciratanii in nyaatu>> jedhe.
20Guyyaan sadaffaan guyyaa itti mootiin Gibxii dhalachuu isaa ayyaaneffatu waan tureef, hojjetoota isaa hundumaaf nyaachisa guddaa godhe; inni eegduu warra dhugaatii dhi'eessanii, eegduu warra buddeena tolchaniis hojjetoota isaa gidduutti ol in waamsise. 21Innis eegduu warra dhugaatii dhi'eessanii sana hojii dhugaatii dhi'eessuu isaatti isa deebise; namichis xoofoo harka mootii Gibxiitti kenne; 22eegduun warra buddeena tolchanii immoo akka rarraafamu godhe; kunis akkuma Yoseef isaaniif hiike ta'e. 23Kana keessaa immoo eegduun warra dhugaatii dhi'eessanii Yoseefin in irraanfate malee, hin yaadanne.
Markert nå:
Seera Uumamaa 40: MacQul
Marker
Del
Kopier
Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: