Seera Uumamaa 46
46
Yaaqoob Maatii Isaa Wajjin Biyya Gibxii Dhaquu Isaa
1Kana irratti Israa'el waan qabu hundumaa fudhatee ka'ee, Bersheebaa dhufee, Waaqayyo isa kan Yisihaq abbaa isaatiif aarsaa qalmaa in dhi'eesse*. 2Waaqayyo mul'ata halkaniitti Israa'elitti,<<Yaaqoob, Yaaqoob!>> jedhee dubbate; inni immoo,<<Kunoo asan jira>> jedhe. 3Gooftaan,<<Ani Waaqayyo, Waaqayyo isa kan abbaa keetii ti; ani achitti saba guddaa akka ati taatu waanan godhuuf, biyya Gibxiitti gad bu'uu hin sodaatin*! 4Ani sii wajjin biyya Gibxiitti gad nan bu'a, deebisees ol sin fida; yommuu ati duutu Yoseef ija kee walitti siif in qaba>> jedhe.#1 26:23-25 3 12:2; 47:27; Bau 1:7
5Yaaqoob Bersheebaadhaa in ka'e; ilmaan Israa'elis Yaaqoobin abbaa isaanii, ijoollota isaanii, dubartoota isaaniis konkolaattota ittiin akka dhufaniif mootiin Gibxii ergeef in yaabsisan; 6Yaaqoobiif sanyiin isaa hundinuu walii wajjin horii horatan, qabeenya biyya Kana'aanitti argatan hundumaas fudhatanii gara biyya Gibxii in dhaqan. 7Yaaqoob akkasitti ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intaloota isaa, intaloota ilmaan isaa, sanyii isaa hundumaas fidee biyya Gibxii in dhufe*.#6-7 Far 105:23
Maatii Yaaqoob Warra Isaa Wajjin Biyya Gibxii Dhaqan
8Yaaqoobii fi ijoolleen isaa biyya Gibxii in dhaqan; kanatti aane ijoolleen Israa'el maqaa in dha'amu; ilmi Yaaqoob inni angafni Ruuben ture; 9ilmaan Ruuben, Henok, Faluu, Hezronii fi Karmii dha. 10Ilmaan Shimi'oon, Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawulin durba warra Kana'aantu da'e.
11Ilmaan Lewwii, Gershoon, Qehaatii fi, Meraarii dha.
12Ilmaan Yihudaa, Eer, Onaan, Shelaa, Faaresii fi Zaaraa turan; Eerii fi Onaan biyya Kana'aanitti du'an; ilmaan Faares, Hezronii fi Hamul.
13Ilmaan Yisaakor, Tolaa, Fuwaa, Yobii fi Shimroon.
14Ilmaan Zebuloon, Sered, Eloonii fi Yaahile'el. 15Ilmaan Yaaqoob warri Liyaan haati manaa isaa Phaadaan-Aaramitti deesseef, ijoolleen ilmaan isaatiis isaan kana turan; akkasuma immoo Liyaan intala <<Dhinee>> jedhamtu tokko isaaf deesseetti; ijoolleen isaa warri kunii fi ijoolleen ijoollee isaa walumatti lubbuu soddomii sadii turan.
16Ilmaan Gaadi, Ziifiyon, Haagii, Shunii, Esbon, Erii, Arodii, Ar'elis.
17Ilmaan Asheer, Yiimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Berii'aas; obboleettiin isaanii immoo Seraa; ilmaan Berii'aas, Heberii fi Malkii'el. 18Isaan kun ilmaan Zilfaa fi ijoollee ijoollee isheetii ti; Zilfaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne turte; ijoolleen isheen Yaaqoobiif deesse, ijoollee ijoollee ishee wajjin lubbuu kudha ja'a ta'an.
19Ilmaan Raahel haadha manaa Yaaqoob immoo Yoseefii fi Benyaamiin turan. 20Biyya Gibxiitti ilmaan lama Yoseefiif in dhalatan; isaanis Minaasee fi Efreem warra Asenaat intalli Phoxii-Feraa luba On deesseef turan.
21Ilmaan Benyaamiin, Bel'aa, Beker, Ashbel, Geraa, Na'aamaan, Ehii, Rosh, Mufiim, Hufiimii fi Ardi. 22Ilmaan Yaaqoob warri Raahel irraa dhalatan kun ijoollee isaanii wajjin walumatti lubbuu kudha afur ta'an.
23Ilmi Daan immoo Hushiim. 24Ilmaan Niftaalem, Yaahize'el, Gunii, Yezerii fi Shiilem. 25Isaan kun ilmaan Bilhaa fi ijoollee ijollee isheetii ti; Bilhaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne turte; ijoolleen isheen Yaaqoobiif deesse, ijoollee ijoollee ishee wajjin walumatti lubbuu torba turan. 26Namoonni Yaaqoobii wajjin biyya Gibxii dhufan, dubartoota ilmaan isaa iyyuu utuu itti hin dabalin, sanyii isaa kan ta'an duwwaan lubbuu jaatamii ja'a turan. 27Ilmaan biyya Gibxiitti Yoseefiif dhalatan immoo lubbuu lama; walitti qabaan maatiin Yaaqoob warri gara biyya Gibxii dhufan lubbuu torbaatama#Uma 46:27 sanyiin Yaaqoob<<Torbaatama?, garuu iddoo biraatti<<Torbaatamii shan>> jedha; HoE 7:14. guutan*.#8-27 Bau 1:1-5; 6:14-16
Yoseef Abbaa Isaa Fi Obbolaa Isaa Simachuu Isaa
28Yoseef dhufa isaanii warra Gooshenitti himee akka qopheessuuf, Yaaqoob of dura Yihudaa gara isaatti erge; Yaaqoobii fi maatiin isaa akkasitti gara biyya Gooshen dhufan*. 29Yommus Yoseef konkolaataa isaa fe'atee, Israa'elin abbaa isaa simuudhaaf gara Gooshen dhaqe; inni abbaa isaa yeroo arge, morma isaatti kufee, yeroo dheeraadhaaf in boo'e. 30Israa'el Yoseefiin,<<Ani amma fuula kee argee fayyaatti jiraachuu kees ergan beekee, yoon du'e iyyuu du'e hin jedhu!>> jedhee Yoseefitti in dubbate*.#28 45:10 30 45:28
31Yoseef yommus obboloota isaatiin, warra mana abbaa isaatiinis,<<Ani ol ba'ee mootichatti nan hima,<<Obboloonni koo fi warri mana abbaa kootti warri biyya Kana'aan turan gara koo dhufaniiru; 32isaan namoota bushaayee tiksanii dha, duruma iyyuu horii horsiisaa turan; ammas bushaayee isaanii, saawwan isaanii, waanuma qaban hundumaas fidanii dhufaniiru>> nan jedha. 33Mootichi isin waamee,<<Hojiin keessan maali?>> jedhee isin in gaafata; 34isin immoo,<<Nuyi garboonni kee warra horii horsiisanii dha; abboonni keenya akkasuma waan turaniif, nus immoo mucummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti isatti jirra>> jedhaa! Warri Gibxii nama bushaayee tiksu hundumaa waan ciiga'aniif, biyya Gooshen taa'uun keessan hin oolu>> jedhe*.#34 43:32
Markert nå:
Seera Uumamaa 46: MacQul
Marker
Del
Kopier
Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: