Seera Uumamaa 50
50
Yoseef Akkuma Abbaan Isaa Himatetti Isa Geggeessuu Isaa
1Yoseef immoo abbaa isaa irratti lafa dha'ee isa dhudhungatee isaaf boo'e. 2Yoseef ergasii hojjetoota isaa warra hojii qorichaa beekan, reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuumanii akka gogsaniif in abboome; warri hojii qorichaa beekan sun, reeffa Israa'el qorichaan sukkuumanii in gogsan. 3Reeffa qorichaan sukkuumanii gogsuun guyyaa afurtama waan fudhatuuf, isaan guyyaa afurtamatti in raawwataniif; warri Gibxiis guyyaa torbaatama isaaf boo'an.
4Guyyoonni isaaf itti boo'an raawwatamnaan, Yoseef gurguddoota mana mootichaan,<<Faara tolaadhaan na ilaaltu yoo taatan, dubbii ani isinitti himadhu kana gurra mootichaa biraan anaaf ga'aa! 5Abbaan koo utuu hin du'in,<<Biyya Kana'aanitti iddoo ani awwaalaaf qopheeffadhe sanatti ana awwaali!>> jedhee akkan kana godhuufis na kaksiiseera; kanaaf hadaraa,<<Ol ba'ee abbaa koo awwaalee nan deebi'a>> jedheera, jedhaatii anaaf himaa!>> jedhe*. 6Yommus mootiin Gibxii,<<Akkuma inni si kaksiifatetti ol ba'ii abbaa kee awwaalladhu!>> jedheen.#5 47:29-31
7Kana irratti Yoseef reeffa abbaa isaa awwaaluudhaaf fuudhee ol in ba'e; maanguddoonni hojii mana mootichaa irra jiran hundinuu, maanguddoonni biyya Gibxii hundinuus isaa wajjin ol ba'an. 8Akkasumas warri mana Yoseef, obboloonni isaa, warri mana abbaa isaas hundinuu duukaa ol ba'an; isaan ijoollee duwwaa bushaayee fi saawwan biratti biyya Gooshenitti hambisan. 9Akkasuma immoo konkolaattonni kottee duudaadhaan harkifaman, aboonni fardeeniis isaa wajjin ol ba'an; kutanni warra wajjin ol ba'anii sun baay'ee guddaa ture. 10Isaan laga Yordaanos gama oobdii Axaad bira ga'anii, achitti boo'icha ulfaataa cimsanii boo'an; Yoseef achitti guyyaa torba abbaa isaaf in boossise. 11Warri biyya Kana'aan keessa taa'an boo'icha namoonni oobdii Axaad biraa boo'an arganii,<<Warri Gibxii boo'icha guddaa isaa boo'uutti jiru>> waliin jedhan; kanaaf iddoo sana <<Abeel-Miizraayim>> jedhanii moggaasan; [innis <<Boo'icha warra Gibxii>> jechuu dha]; iddoon sun laga Yordaanos gamatti argama.
12Yommus ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan abboome in godhan*. 13Ilmaan isaa reeffa isaa biyya Kana'aanitti geessanii, holqa maasii Makfelaa keessatti awwaalan; maasii isa fuullee Mamree jiru kana Abrahaamtu lafa awwaalaa akka ta'uuf Efron namicha biyya Heet irraa bitee ture*. 14Yoseef reeffa abbaa isaa erga awwaalee booddee, obboloota isaa fi warra awwaala abbaa isaaf isa duukaa ol ba'an hundumaa wajjin biyya Gibxiitti in deebi'e.#12 49:29 13 23:13-20
Yoseef, Obboloonni Isaa Akka Hin Yaadofneef Jajjabeessuu Isaa
15Obboloonni Yoseef erga abbaan isaanii du'ee yaadda'anii,<<Yoseef haaloo qabatee, isa nuyi hamaa isa irratti hojjenne hundumaaf ijaa nu baafata ta'a>> jedhan*. 16Isaan Yoseefitti erganii,<<Abbaan kee utuu hin du'in nu abboomee, 17<<Maaloo, isa obboloonni kee sitti balleessan, hamaa si irratti hojjechuudhaan isa si yakkanis, isaaniif dhiisi!>> jedhaatii Yoseefitti himaa!>> nuun jedhe;<<Ammas immoo obboloonni kee,<<Irra-daddarbaa garboota Waaqayyo isa kan abbaa keetii, hadaraa nuuf dhiisi!>> siin jedhaniiru>> jedhan; Yoseef ergaa isaanii yommuu dhaga'e in boo'e. 18Obboloonni isaas dhufanii miilla isaatti kufanii,<<Kunoo, nuyi siif garboota in taana!>> jedhan.#15 27:41
19Yoseef immoo isaaniin,<<Hin sodaatinaa! Anatu iddoo Waaqayyootti ilaalamaa ree>> 20Isin hamaa ana irratti akeektan, Waaqayyo garuu gaariidhaaf isa yaade; inni lubbuu namoota baay'ee oolchuudhaaf, akka amma ta'e jiru kana godhe*. 21Amma immoo isin, ijoolleen keessanis waan barbaachisu akka argattan ani nan godhaa, hin sodaatinaa!>> jedhe; inni dubbii garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee, isaan in jajjabeesse.#19-20 45:5,7
Dhaamsa Yoseef Du'a Isaa Dura Dhaammate
22Yoseefii fi maatiin abbaa isaatii biyya Gibxii in taa'an; Yoseef waggaa dhibbaa fi kudhan jiraate. 23Inni ijoollee Efreem hamma dhaloota sadiitti in arge; akkasuma immoo ijoollee Maakiir ilma Minaasee ijoollee ofii dhalchetti lakkaa'ate. 24Yoseef yommus obboloota isaatiin,<<Ani du'uufan jedha; Waaqayyo garuu isin in yaadata, biyya kana keessaa gara biyya isa Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiif kennuuf kakatetti ol isin in baasa>> jedhe. 25Yoseef ammas ilmaan Israa'eliin,<<Waaqayyo yommuu isin yaadatu, lafee koo asii fuutanii akka ol baatan anaaf kakadhaa!>> jedhe*. 26Yoseef nama waggaa dhibbaa fi kudhanii yeroo ta'etti in du'e; namoonnis reeffa isaa qorichaan sukkuumanii gogsanii, biyya Gibxiitti bidiruu addaan miidhagfamee reeffa keessa ciibsuudhaaf hojjetame keessa in kaa'an.#25 Bau 13:19; Iya 24:32; Ibr 11:22
Markert nå:
Seera Uumamaa 50: MacQul
Marker
Del
Kopier
Vil du ha høydepunktene lagret på alle enhetene dine? Registrer deg eller logg på
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.