1
Uumama 6:6
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
WAAQAYYOS waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde.
Yenzanisa
Ongorora {{vhesi}}
2
Uumama 6:5
WAAQAYYOS akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge.
3
Uumama 6:8
Nohi garuu fuula WAAQAYYOO duratti surraa argate.
4
Uumama 6:9
Seenaan Nohii fi maatii isaa kanaa dha. Nohi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Waaqa wajjin deddeebiʼu ture.
5
Uumama 6:7
Kanaafuu WAAQAYYO, “Ani sanyii namaa kan ofii kootiin uume lafa irraa nan balleessa. Namaa fi horii, uumama lafa irra munyuuqu, simbirroota samii nan balleessa; ani isaan uumuu kootti gaabbeeraatii” jedhe.
6
Uumama 6:1-4
Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti, Ilmaan Waaqaa akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan. Yommus WAAQAYYO, “Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa” jedhe. Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Waaqaas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan.
7
Uumama 6:22
Nohi akkuma Waaqni isa ajajetti waan hunda hojjete.
8
Uumama 6:13
Kanaafuu Waaqni Nohiin akkana jedhe; “Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa.
9
Uumama 6:14
Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi.
10
Uumama 6:12
Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Waaqni akka lafti faalamte arge.
11
Uumama 6:19
Uumamawwan lubbu qabeeyyii hundumaa keessaa akka isaan si wajjin jiraataniif lama lama, kormaa fi dhalaa doonichatti galchi.
Pekutangira
Bhaibheri
Zvirongwa
Mavideo