Wongeela Maatewoosii 16
16
Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafatane
(Mar 8:11-13; Luq 12:54-56)
1Worri Fariisaayotaatii fi worri Saduqootaa dhufanee, Yesuus haga ilaaliisaaf beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka itti mudhisu isa gaafatane. #Mat 12:38; Luq 11:16 2Inni deebisee, “Yennaa galgalaa, ‘Gubbaan waan diimatteertuuf, haalli qilleensaa dansa'a’ jettan; 3bariille, gubbaan waan diimattee dukkudhootteertuuf, adha hin rooba’ jettan. Bifa gubba'aa ilaaltanee attam akka te'u himuu hin beettan, beessisa baraa ammoo attam akka te'u himuu hin dandeettanu. 4Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme. #Mat 12:39; Luq 11:29
Uukoo Fariisaayotaatii Fi Saduqootaa
(Mar 8:14-21)
5Barattooti yennaa abbaaya'aan gamatti bu'ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran. 6Yesuus, “Ilalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a” isaaniin jedhe. 7Isaan wol woliin, “Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha” jedhane. 8Yesuus yaada isaanii beekee, “Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan? 9Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? 10Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? #Mat 15:34-38 11Marroo daabbo'oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a!” isaaniin jedhe. 12Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachise hubatane.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
(Mar 8:27-30; Luq 9:18-21)
13Yesuus gara lafa qachaa Qisaariyaa Philiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, “Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?” jedhee gaafate. 14Isaan deebisanee, “Gariin, ‘Yohaannisii cuupha'a’ si'iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‘Eliyaas’ si'iin jedhan, worri dhibiille, ‘Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko’ si'iin jedhan” jedhaneen. #Mat 14:1-2; Mar 6:14-15; Luq 9:7-8 15Inni deebisee, “Isin hoo eennu anaan jettan?” isaaniin jedhe. 16Simoon Pheexroos deebisee, “Ati Masiihi'i, Ilma Waaqa jiraata'aa ti” jedhe. #Yoh 6:66-69 17Yesuusille deebisee, “Ilma Yoona'aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti. 18Maarre Pheexroos#16:18 Pheexroos: jechuun “Rassaa” jechu'u, ani sitti hima, ati rassa'a; rassaa kana irratti wolde'a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du'aalle wolde'a kiristaanaa kana hin injifattu. 19Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a” jedhe. #Mat 18:18; Yoh 20:23 20Achiin duuba Yesuus Masiihii akka te'e eennulle'etti akka hin hinne jabeessee barattootata ifii ajaje.
Yesuus Marroo Rakko'oo Fi Du'a Ifii Dubbate
(Mar 8:31--9:1; Luq 9:22-27)
21Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, “Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka mootota hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeeffamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a” jedhu'utti ka'e. 22Pheexroos cina'atti isa baasee, “Gootta'a, Waaqi si hanqisu! Wonni kun ijjumaa si hin dhaqqabin” jedhaa isa xixuu jalqabe. 23Inni ifi irra garagalee, Pheexroosiin, “Seexana, ana irraa bayyadhu! Qalbiin teeti waan namaa malee, waan Waaqaa waan hin yaadaneef, ati anaaf gufu'u” jedheen.
24Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, “Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuuti. #Mat 10:38; Luq 14:27 25Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata. #Mat 10:39; Luq 17:33; Yoh 12:25 26Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree? 27Ilmi Namaa ulfinna Abbaa ifiitiin ergantoota ifii woliin hin dhufa; achiin duuba tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii hin kennaaf. #Mat 25:31; Faar 62:12; Rom 2:6 28Ani dhugumaan isinitti hima, worra as dhaabbatanu keessaa, Ilmi Namaa mootummaa ifiitiin dhufuun haga dhagganutti, namooti hin duune jiran” jedhe.
Aktualisht i përzgjedhur:
Wongeela Maatewoosii 16: GAXNT
Thekso
Ndaje
Copy
A doni që theksimet tuaja të jenë të ruajtura në të gjitha pajisjet që keni? Regjistrohu ose hyr
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: