YouVersion logo
Dugme za pretraživanje

WANGEELA LUQAAS 19

19
Yesus Mana Zakewositti Simatamuu Isaa
1Yesus Yerikoo dhufee keessa darbe. 2Namni Zakewos jedhamu tokko achi ture; inni angafa warra qaraxxuu, badhaadhaas ture. 3Zakewos kun Yesus isa kam akka ta'e baruu barbaade; garuu namoonni waan baay'ataniif, hojjaan isaas gabaabaa waan tureef, isa arguu hin dandeenye. 4Yesus karaa sana irra akka darbu yommuu beeke, namichi isa arguudhaaf dura fiigee, qilinxoo tokko yaabe. 5Yesus iddoo sana yommuu ga'e, ol ilaalee, ?Yaa Zakewos, dafii gad bu'i, har'a mana kee ooluun anaaf ta'ao? jedheen. 6Zakewosis dafee gad bu'ee, gammachuudhaan Yesusin simate*. 7Jarri kana arganii, ?Keessummummaaf mana nama cubbamaa kanaa dhaqe? jedhanii, hundumti isaanii Yesus irratti guunguman*. 8Zakewos garuu ka'ee gooftichaan, ?Yaa gooftaa walakkaa qabeenya kootii warra deegaadhaaf nan kenna, kana malees eenyu irraa illee waan tokko giddisiisee fudhadheera yoon ta'eef, dachaa afur nan baasaaf? jedheen*. 9Yesus deebiseefii, ?Har'a fayyinni maatii kanaaf ta'eera; namni kunis immoo ilma Abrahaami'o*. 10Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera? jedhe*.#6 Yoh 1:12 7 5:30; 15:2; Mat 9:11 8 Bau 22:1 9 13:16; HoE 16:31-34 10 His 34:16; Luq 15:4; 6:9; Mat 18:11; Yoh 3:17
Fakkeenya Warra Warqeen Isaanitti Kennamee
(Mat 25:14-30)
11Namoonni dubbii isaa utuu dhaggeeffachaa jiranii, Yerusaalemitti waan dhi'aateef, jarris mootummaan Waaqayyoo yommusuma kan mul'atu waan isaanitti fakkaateef, Yesus dabalee fakkeenya kana isaanitti hime*. 12?Abbaan qoroo tokko mootummaa fudhatee deebi'uudhaaf, biyya fagoo dhaqe. 13Garboota isaa keessaa namoota kudhan ofitti waamee, adda addaan warqee waqeeta tokko tokko itti kennee, ?Hamma ani deebi'utti ittiin bitaa gurguraa? jedhe. 14Namoonni biyya isaatii garuu isa jibbanii, ?Namni kun nu irratti akka mo'u hin barbaannu? jedhanii akka himaniif, jaarsolii booddee isaatiin duukaa ergan*.#11 17:20; 24:21; HoE 1:6 14 Yoh 1:11; 15:18
15?Abbaan qoroo sunis mootummaa fudhatee erga deebi'ee booddee, horii isa isaan bira jiru kanaan hammam akka ittiin buufatan beekuudhaaf, garboota sana waamsise. 16Inni duraa, ?Yaa gooftaa, warqee ati anatti kenniteen warqee waqeeta kudhan buufadheera? jedheen. 17Mootichi immoo, ?Ba'eessa goote, garbicha gaarii nana, waan baay'ee xinnoo irratti waan amanamteef, ani immoo mandara kudhan akka mootuuf siifan kenna? jedheen*. 18Inni lammaffaanis dhi'aatee, ?Yaa gooftaa, warqee ati anatti kenniteen, warqee waqeeta shan buufadheera? jedhe. 19Isa kanaanis, ?Atis immoo mandaroota shan irratti mo'i!? jedhe. 20Inni sadaffaan immoo dhi'aatee, ?Yaa gooftaa, warqeen kee inni ani erbeedhaan maree dhoksee kaa'e kunoo ti; 21ati nama jabaa, kan hin kaa'in kan fudhattu, kan hin facaasinis kan galfattu waan taateef si sodaadheen ture? jedhe. 22Gooftaan isaa immoo, ?Ati garbicha waa'ee hin baafnee nana, dubbiidhuma keetiin sittan farada. Ani nama jabaa akkan ta'e, kanan hin kaa'in akkan fudhadhu, kanan hin facaasinis akkan galfadhu erga beektee*, 23warqee koo warra dhalatti fuudhan bira maaliif anaaf hin keenye ree? Silaa'oo deebii kootti horii koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture? jedheen. 24Ergasii namoota achi dhaabataniin, ?Warqicha harkaa fuudhaa, isa waqeeta kudhan qabuuf kennaa!? jedhe. [ 25?Yaa gooftaa, innoo amma iyyuu waqeeta kudhan qaba? jedhaniin.] 26?Ani isinittan hima, isa fudhatee waa qabu hundumaaf itti dabalamee in kennama, kana kan hin qabne garuu innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama*. 27Amma garuu diinota koo warra isaan irratti mo'uu koo hin barbaanne kana, as fidaa ija koo duratti isaan gorra'aa!? jedhee abboome? jedhe.#17 16:10 22 Mat 12:37 26 8:18; Mat 13:12; Mar 4:25
Yesus Milikkita Ulfinaan Yerusaalemitti Galuu Isaa
(Mat 21:1-11; Mar 11:1-11; Yoh 12:12-19)
28Yesus kana erga dubbatee booddee gara Yerusaalemitti adeemuu isaa itti fufe. 29Betfaageedhaa fi Bitaaniyaatti, gaara ?Gaara ejersaa? jedhamuttis yommuu dhi'aate, bartoota isaa keessaa lama erge. 30?Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, akkuma achi galtaniin ilmoo harree [yaabbii] hidhamee jiru, homtinuu takkaa kan hin yaabin in argitu, hiikaatii as fidaa. 31Namni, ?Maaliif hiiktu?? jedhee yoo isin gaafate, ?Gooftaatu dhimma isaa qaba? ittiin jedhaa? jedhe. 32Bartoonni ergaman dhaqanii, akkuma Yesus isaanitti hime ta'ee argatan. 33Utuu isaan ilmoo harree [yaabbii] sana hiikuutti jiranii, warri horii kanaa, ?Maaliif ilmoo harree kana hiiktu?? jedhanii isaan gaafatan. 34Isaan immoo, ?Gooftaatu dhimma isaa qaba? jedhanii deebisaniif. 35Akkasitti harree sana Yesusiif fidan, uffata isaanii irra buusanii Yesusin irra kaa'an.
36Yesus yaabbatee utuu adeemuu, namoonni uffata isaanii karaa inni irra darbu irra afan*. 37Mandara Yerusaalemitti dhi'aachaa, gad bu'a gaara ejersaa yommuu ga'e, tuuti bartootaa hundumti isaanii hojii dinqisiisaa argan hundumaaf gammadanii, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof galata dhi'eessuutti ka'an. 38?Mootiin ergamee maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu, galateeffamaa dha; nagaan waaqa irratti, hooqubaanis ol waaqa gubbaatti? jedhan*.
39Tuuta jaraa keessaa Fariisonni tokko, ?Yaa barsiisaa, bartoota keetti dheekkami!? jedhaniin. 40Yesus immoo, ?Ani isinittan hima, isaan kun calluma utuu jedhanii, dhagoonni kun in iyyu turan? jedhee deebiseef*.#36 2Mot 9:13 38 2:14; 13:35; Far 118:26 40 Anb 2:11
Yesus Ammoo Yerusaalemiif Boo'uu Isaa
41Yesus itti dhi'aatee mandara Yerusaalem yommuu arge, in boo'eef*. 42?Har'uma illee, ati nagaadhaaf kan siif ta'u utuu beektee, attam gaarii ture; amma garuu wanti kun ija kee duraa dhokatee jira*. 43Guyyoonni itti diinonni kee dallaa sitti ijaaran, si marsan, karaa hundumaanis si cunqursan, sitti dhufuuf jiru. 44Bara Waaqayyo itti si fayyisuu dhufe waan hin beekneef, si, ijoollee kee warra masaraa kee keessa jiranis lafatti isin in dabalu, dhagaa wal irra kaa'ame hundumaas wal irratti siif hin dhiisan? jedhe*.#41 Yoh 11:35 42 Kes 32:29; Isa 6:9-10 44 1:68; 21:6; Mat 24:2
Yesus Warra Mana Qulqullummaa Keessatti Bitanii Gurguran Baasuu Isaa
(Mat 21:12-13; Mar 11:15-19; Yoh 2:13-22)
45Yesus mana qulqullummaatti galee, warra bitanii gurguraa jiran manicha keessaa baasuutti ka'e. 46Isaanitti dheekkamee, ? ?Manni koo mana kadhataa ti? jedhamee caafameera, isin garuu holqa hattuu isa godhattan? jedhe*.#46 Isa 56:7; Er 7:11
Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti Barsiisuu Isaa
(Mat 21:14-17)
47Yesus guyyaa guyyaatti mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa, maanguddoota jaraa ofitti dabalanii, isa balleessuu barbaadan*. 48Haa ta'u iyyuu malee, warri kaan hundinuu yaada guutuudhaan dubbii isaa dhaggeeffachuutti waan qabamaniif, waa isa gochuudhaaf fucha hin arganne*.#47 21:37; 22:53; Yoh 18:20; Mat 21:46 48 21:38; Mar 12:37

Trenutno izabrano:

WANGEELA LUQAAS 19: MacQul

Istaknuto

Podijeli

Kopiraj

None

Želiš li da tvoje istaknuto bude sačuvano na svim tvojim uređajima? Kreiraj nalog ili se prijavi