YouVersion logo
Dugme za pretraživanje

WANGEELA LUQAAS 20

20
Gaaffii Waa'ee Gooftummaa Yesusiif Dhi'aate
(Mat 21:23-27; Mar 11:27-33)
1Gaaf tokko Yesus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisaa, wangeelas lallabaa utuu jiruu, luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa, maanguddootaa wajjin isa biraan ba'anii, 2?Gooftummaa maaliitiin akka kana gootu yookiis gooftummaa kana eenyu akka siif kenne nutti himi!? ittiin jedhan. 3Inni immoo isaanitti deebisee, ?Anis immoo gaaffii tokkon isin gaafadha; 4cuupphaan Yohannis cuuphe Waaqayyo biraa moo, nama biraa abboomame? Natti himaa!? jedhe*. 5Isaan kana irratti dudubbatanii, ? ?Waaqayyo biraa? yoo jenne, ?Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanini ree?? nuun jedha*. 6?Nama biraa? yoo jenne immoo, Yohannis raajii ta'uu isaa amanee waan fudhateef, sabni kun hundinuu dhagaadhaan nu rukuta? waliin jedhan*. 7Kanaaf, ?Nu'oo eessaa akka abboomame hin beeknu? jedhanii deebisaniif. 8Yesus yommus, ?Anis gooftummaa maaliitiin akkan kana godhu isinitti hin himu? isaaniin jedhe.#4 3:3; Mat 3:6; Mar 1:4; Yoh 1:25-26; HoE 19:3-4 5 Mat 21:32 6 Mat 11:9
Fakkeenya Warra Muka Waynii Akka Eeganiif Itti Kennamee
(Mat 21:33-46; Mar 12:1-12)
9Yesus itti aansee fakkeenya kana namootatti hime; ?Namichi tokko muka waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabee, namoota hojjetanii eeganiis, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kennatee, biyya tokko dhaqe; achis baay'ee ture*. 10Yeroon isaa yommuu ga'e, warri waynicha eegan ija isaa irraa itti haa kennaniif, hojjetaa isaa tokko itti erge; isaan garuu hojjetaa sana reebanii harka isaa duwwaa isa gad dhiisan*. 11Hojjetaa kan biraa immoo itti erginaan, isas reebanii, salphisanii, harka isaa duwwaa isa gad dhiisan. 12Isa sadaffaas immoo itti erginaan, isa madeessanii, dallaa waynichaa keessaa daddarbatanii, gad baasan.#9 Isa 5:1 10 2Sen 36:15-16
13?Ergasii abbaan waynichaa, ?Maal godhu? Amma immoo ilma koo isa jaallatamaa ittan erga, tarii isa in safeeffatu ta'a? jedhe. 14Warri eegduun garuu yommuu isa argan, ?Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kottaa dhaalli isaa nuuf akka ta'utti isa in ajjeefna!? waliin jedhan. 15Akkuma jedhanis dhaabaa waynichaa keessaa diidatti baasanii, isa ajjeesan. Egaa abbaan waynichaa maal isaan godha laata ree? 16In dhufa, warra eegduu sanas in fixa, waynicha immoo kan biraatti in kennata? jedhe. Kana dhageenyaanis namoonni, ?Waaqayyo kana haa oolchu!? jedhan. 17Yesus garuu gara isaanii ilaale;
?Egaa immoo ?Dhagichi mana ijaartuun tuffatan,
inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e?
jedhamee kan caafame maal jechuu dha ree*?
18Dhagaa sana irratti kan kufu hundinuu in caccaba, dhagichi nama irratti yoo kufe garuu, isa in buruqsa? jedhe*.#17 Far 118:22 18 Isa 8:14-15
19Barsiisonni seeraa fi luboonni warri angafoonni Yesus fakkeenya kana waa'ee isaanii irratti akka dubbate baranii, yommusuma achitti isa qabuu barbaadan; garuu namoota sodaatan*.#19 19:47-48; 22:2; Mat 21:46; Mar 12:12; Yoh 5:18
Gaaffii Waa'ee Mootii Gabbaruu
(Mat 22:15-22; Mar 12:13-17)
20Kanaafis isaan isa in gaadu turan; waan inni dubbatuun isa qabatanii, gooftummaa isa biyya bulchutti dabarsanii kennuudhaafis, keettoo nama nagaa of fakkeessanii caqasaniif itti kaa'atan*. 21Isaan yommus, ?Yaa barsiisaa, dubbiin ati dubbattuu fi barsiifni ati barsiiftu, qajeelaa akka ta'e nuyi beekna; nama utuu wal hin caalchisin karaa Waaqayyoo dhugaatti in barsiifta*. 22Egaa, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun seera moo seera miti?? jedhanii isa gaafatan*. 23Inni garuu haxxumaa isaanii argee, 24?Horii ittiin bittanii gurgurtan tokko anatti argisiisaa; bifa eenyuutu, caaffata eenyuutus horicha irra jira?? jennaan, isaan immoo, ?Kan mooticha warra Roomaa ti? jedhan. 25?Yoos immoo mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!? ittiin jedhe. 26Isaanis deebii isaatti dinqifatanii calluma jedhan malee, isa inni dubbate kanaan namoota sana duratti isa qabuu hin dandeenye.#20 11:54 21 Lew 19:15; Yoh 3:2 22 Rom 13:6-7
Gaaffii Waa'ee Du'aa Ka'uu
(Mat 22:23-33; Mar 12:18-27)
27Kana booddees warra Saduqootaa keessaa jarreen tokko, warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan, Yesusin gaaffii gaafachuudhaaf dhufanii*, 28?Yaa barsiisaa, ?Namni tokko niitii fuudhee dhala utuu hin godhatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana fuudhee sanyii obboleessa isaatiif haa dhaabu!? jedhee, Museen seera keessatti nuuf caafeera*. 29Kunoo, obboloonni torba turan; inni angafni niitii fuudhee, dhala utuu hin godhatin du'e. 30Inni lammaffaan ishee fuudhee irraa du'e; 31inni sadaffaanis ishee fuudhee, akkasumas hamma isa torbaffaatti, hundinuus utuu dhala hin godhatin du'an. 32Hundumaa booddee dubartittiin immoo duute. 33Egaa torbanuun isaanii niitummaatti ishee fuudhaniiru'ootii, guyyaa du'aa ka'uutti isaan keessaa isa kamiif haadha manaa ta'uuf jirti ree?? jedhan. 34Kanaaf Yesus deebisee, ?Ijoolleen namaa bara biyya lafa kanaa irra jiraatanitti, in fuudhu in heerumus; 35bara biyya isa dhufu keessa jiraachuudhaaf, du'aa ka'uudhaafis, warri ayyaana argatan garuu, hin fuudhan hin heerumanis. 36Du'aa erga ka'anii deebi'anii du'uu hin danda'an, ergamoota Waaqayyoo fakkaatanii, warra du'aa ka'an waan ta'aniifis ijoollee Waaqayyoo ta'u malee*. 37Museen iyyuu waa'ee daggala boba'uu yeroo caafetti, Waaqayyoon ?Gooftaa Abrahaam, gooftaa Yisihaq, gooftaa Yaaqoob? jedhee waameera; kanaanis warri du'an akka du'aa ka'an mul'iseera*. 38Ammas gooftaan, Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiranii ti malee; isaaf hundinuu jiraatoo dha'o? isaaniin jedhe*. 39Kana irratti barsiisota seeraa keessaa gar tokko deebisanii, ?Yaa barsiisaa, ba'eessa dubbatte? ittiin jedhan. 40Ergasii isaan deebi'anii gaaffii tokko illee isa gaafachuudhaaf ija hin jabaanne*.#27 HoE 23:8 28 Kes 25:5; Uma 38:8 36 Gal 4:5-7 37 Bau 3:2,6 38 Rom 14:8 40 Mat 22:46; Mar 12:34
Gaaffii Waa'ee Kristos Isa Abdachiifamee
(Mat 22:41-46; Mar 12:35-37)
41Yesus garuu, ?Attamitti namoonni, ?Kristos, ilma Daawit? jechuu danda'u?? jedhee isaan gaafate.
42?Daawit immoo macaafa faarfannaa keessatti akka jedhu,
gooftichi gooftaa kootiin, ?Gara mirga koo taa'i;
43hamma ani diinota kee
ejjeta miilla kee siif godhutti? jedhe*.
44Egaa Daawit ?Gooftaa koo? jedhee erga isa waamee,
attamitti immoo ilma isaa ta'a ree?? jedhe.#42-43 Far 110:1
Yesus Barsiisota Seeraattii Of Eeggachiisuu Isaa
(Mat 23:1-36; Mar 12:38-40; Luq 11:37-54)
45Namoonni hundinuu utuu dhaggeeffatanii Yesus bartoota isaatiin, 46?Barsiisota seeraa warra wayyaa dhedheeraa uffatanii lafaan haraa naanna'an, gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan jaallatan, akkasumas mana sagadaa keessaa taa'umsa olaanuu, lafa cidhaattis iddoo ulfinaa fo'atan irraa, of eeggadhaa! 47Isaan kun warra fucha eeggatanii bultoo haadha hiyyeessaa duraa fixanii, fakkeessaadhaaf immoo kadhata isaanii dheeressanii dha; egaa isaan kanatti yakka caalaatu itti murama? jedhe.

Trenutno izabrano:

WANGEELA LUQAAS 20: MacQul

Istaknuto

Podijeli

Kopiraj

None

Želiš li da tvoje istaknuto bude sačuvano na svim tvojim uređajima? Kreiraj nalog ili se prijavi