WANGEELA LUQAAS 22
22
Maree Yesus Irratti Mari'atame
(Mat 26:1-5,14-16; Mar 14:1-2,10-11; Yoh 11:45-53)
1Ayyaanni Maxinoo, Faasiikaa jedhamee inni waamamu dhi'aatee ture*. 2Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa saba sana waan sodaataniif, karaa ittiin Yesusin ajjeesisuun ta'u in barbaadu turan*. 3Yommus Seexanni, Yihudaa nama biyya Keriyot warra kudha lamaan keessaa tokko isa turetti gale*; 4yommus inni ba'ee attamitti Yesusin isaanitti dabarsee kennuu akka danda'u luboota warra angafoota, dura-buutuu eegduu mana qulqullummaa wajjinis in mari'ate. 5Isaan immoo gammadanii horii isaaf kennuudhaaf in abdachiisan. 6Kana irratti Yihudaan itti walii galee, yeroo tuuti jaraa bira hin jirretti isaanitti dabarsee isa kennuudhaaf qoofnii in barbaada ture.#1 Bau 12:1-27 2 20:19; Mat 21:46; Mar 12:12; Yoh 5:18 3 Yoh 13:2,27; HoE 1:16
Qophee Irbaata Faasiikaa
(Mat 26:17-25; Mar 14:12-21; Yoh 13:21-30)
7Ayyaanni Maxinoo guyyaan itti hoolaan Faasiikaa qalamuun ta'u geenyaan*, 8Yesus Phexrosii fi Yohannisin ergee, ?Dhaqaa, irbaata Faasiikaa akka nyaannuuf nuuf qopheessaa!? jedheen*. 9Isaan immoo, ?Eessatti akka qopheessinu jaalatta?? jedhaniin. 10Inni immoo ?Yommuu asii dhaqxanii mandarichatti galtan, namni tokko okkotee bishaanii baatee isinitti in dhufa; isinis isa duukaa mana inni itti galu dhaqaa. 11Abbaa manichaatiin, ?Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan? jedhaa. 12Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa tokko mi'a manaatiin kan guute isinitti in argisiisa, achitti qopheessaa!? jedheen. 13Yeroo sanatti isaan dhaqanii akkuma inni isaanitti himetti argatanii, achitti irbaata Faasiikaa qopheessan*.#7 Bau 12:6,14,15 8 Bau 12:8-11 13 19:32
Irbaata Qulqulluu Dhaabuu Isaa
(Mat 26:26-30; Mar 14:22-26; 1Qor 11:23-25)
14Yeroon itti irbaata Faasiikaa nyaatan geenyaan, Yesus ergamoota isaa wajjin maaddiitti taa'e. 15Inni isaaniin, ?Dhiphachuu koo fuul dura irbaata Faasiikaa miilanaa isinii wajjin nyaachuudhaaf garaa koo guutuu hawweera*. 16Hamma gaafa mootummaa Waaqayyoo keessatti guutummaatti raawwatamutti, ani deebi'ee irbaata Faasiikaa akkan hin nyaanne isinittan hima? jedhe.#15 1Qor 5:7
17Xoofoo fudhatee, Waaqayyoof galata galchee, ?Ho'aa, wal harkaa fuudhaa, dhugaa! 18Ammaa jalqabee mootummaan Waaqayyoo hamma dhufutti daadhii waynichaattii akka ani hin dhugne isinittan hima? jedhe. 19Buddeenas fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, cabsee isaaniifis kennee, ?Kun dhagna koo ti [isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!? jedhe*. 20Akkasumas irbaata booddee xooficha fudhatee, ?Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala'uun dhaabatuu dha]*. 21Garuu kunoo, harki isa dabarsee na kennuu anaa wajjin maaddii irra jira*. 22Ilmi namaa illee akkuma dur murtoo ta'etti in dhaqa, garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!? jedhe. 23Isaan immoo, inni kana gochuudhaaf jiru isaan keessaa eenyu akka ta'e wal gaggaafatan*.#19 24:30; HoE 27:35 20 Bau 24:8; Er 31:31-34 21 Far 41:9; Yoh 13:21 23 Yoh 13:22
Waliin Morkii Waa'ee Eenyutu Caalaa
(Mat 18:1-5; 20:24-28; Mar 9:33-37; 10:41-45; Luq 9:46-50)
24Ergasii immoo nu keessaa eenyutu caala jechuu irraa kan ka'e, ergamoota isaa gidduutti morkiin ka'ee ture. 25Yommus Yesus, ?Mootonni warra biyya lafaa gooftummaa isaanii saba isaanii irratti argisiisu; warri gooftummaa irra jiran sun immoo, ?Gargaaroo biyyaa? ofiin jechisiisu. 26Isin keessatti garuu akkas hin ta'in; isin keessaa inni hundumaa irra caalu akka isa hundumaa irra xinnaatuu haa ta'u malee, inni geggeessus akka isa warra kaaniif hojjetuu*. 27Isa maaddiitti taa'ee jiru moo, isa ergamutu caalaa guddaa dha ree? Isa maaddiitti dhi'aatee jiru mitii ree? Ani garuu isin gidduutti akka isa ergamuu ti*. 28Isin qorama koo keessatti warra anaa wajjin turtanii dha. 29Abbaan koo mootummaa akka anaaf kaa'e, anis immoo akkasuma isiniif nan kaa'a. 30Mootummaa kootti maaddii koo irraa in nyaattu, in dhugdu, teessota irra teessanii gosa Israa'el kudha lamaan keessatti firdii in kennitus? jedhe*.#26 Mat 23:11 27 Yoh 13:4-16 30 Mat 19:28
Phexros Ganuuf Akka Jiru Yesus Duraan Dursee Dubbachuu Isaa
(Mat 26:30-35; Mar 14:26-31; Yoh 13:36-38)
31Yesus, ?Simoon, Simoon, Seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf isin falmeera. 32Ani garuu amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara kootti deebitutti, obboloota kee jabeessi!? jedhe*. 33Inni immoo, ?Gooftaa, anoo sii wajjin gara hidhamuu, gara du'uus dhaquudhaaf qophaa'aa dha? jedhe*. 34Yesus deebisee, ?Yaa Phexros, edana indaanqoon utuu hin iyyin na beekuudhuma kee iyyuu si'a sadii akka gantu, sittan hima? jedheen*.#32 Yoh 17:9-15; 21:15 33 22:54 34 22:61
Waa'ee Horii, Qalqalloo, Billaas Baachuu
35Yesus ammoo, ?Horii, qalqalloo, kophees utuu hin fudhatin yeroo ani isin erge, waa isinitti hir'ate turee ree?? jennaaniin, isaan immoo, ?Homtinuu nutti hin hir'anne? ittiin jedhan*. 36Inni immoo deebisee, ?Amma garuu, horii, qalqalloos kan qabu haa fudhatu; namni waa hin qabne immoo wayyaa isaa gurguree billaa haa bitatu*! 37Macaafa keessatti, ?Warra seera cabsituutti lakkaa'ame? jedhamee kan caafame kun, anatti raawwatamuun akka ta'u isinittan hima; wanti na ilaalu hundinuu raawwatamuutti jira? jedhe*. 38Isaan immoo, ?Ilaa, gooftaa, billaan lama as jira? jennaan, innis deebisee, ?In ga'a? ittiin jedhe.#35 9:3; 10:4; Mat 10:9-10; Mar 6:8-9 36 22:49 37 Isa 53:12
Yesus Gaara Ejersaa Irratti Ol Ba'ee Kadhachuu Isaa
(Mat 26:36-46; Mar 14:32-42)
39Yesus mandaricha keessaa ba'ee, akkuma amala isaa gara gaara ejersaa dhaqe; bartoonni isaas isaa wajjin dhaqan*. 40Iddoo sana yommuu ga'e, ?Qoramatti akka hin galleef kadhadhaa!? isaaniin jedhe*. 41Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture; 42?Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta'e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta'in, akka ati jaallatte haa ta'u!? jedhe*. [ 43Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul'ate. 44Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ture*.] 45Kadhata irraa ka'ee, gara bartoota isaa yommuu dhufe, bartoonni gaddaan waan bututaniif rafanii isa eegan. 46Inni immoo, ?Attamitti rafuu dandeessu? Ka'aa, qoramatti akka hin galleef kadhadhaa!? ittiin jedhe*.#39 21:37; Mar 14:26; Yoh 18:1 40 22:46 42 Mat 6:10; Yoh 6:38 44 Ibr 5:7 46 22:40
Yesus Dabarfamee Kennamuu Isaa
(Mat 26:47-56; Mar 14:43-50; Yoh 18:3-11)
47Utuu Yesus kana dubbachaa jiruu kunoo, tuuti jaraa dhufan; bartoota kudha lamaan keessaa tokko Yihudaa kan jedhamu isaan fidee, Yesusin dhungachuudhaaf gara isaatti dhi'aate*. 48Yesus garuu, ?Yihudaa, dhungachuudhaan ilma namaa dabarsitee kennitaa?? jedheen. 49Yesusii wajjin kan turanis waan ta'uuf jiru yeroo hubatanitti, ?Yaa gooftaa, billaadhaan rukunnuu?? jedhan. 50Tokko immoo isaanuma keessaa, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa isa mirgaa irraa kute*. 51Yesus garuu, ?Lakkisaa, wanti akkasii akka hin dabalamne? jedhee gurra namichaa isa cites qaqqabee fayyise. 52Kana booddee Yesus luboota warra angafoota, dura-buutuu eegduu mana qulqullummaa akkasumas maanguddoota warra isa qabuuf ba'aniin, ?Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii*? 53Guyyaa dhufaa darbaa mana qulqullummaatti, yeroo ani isinii wajjin ture hundumaatti harka keessan anatti hin buufne; amma garuu yeroon isiniif kennameera, aangoon dukkanaas in beekama? jedhe*.#47 HoE 1:16 50 Yoh 18:26 52 22:37 53 19:47; 21:37; Yoh 7:30; 8:20; Qol 1:13
Phexros Yesusin Ganuu Isaa
(Mat 26:57-58,69-75; Mar 14:53-54,66-72; Yoh 18:12-18,25-27)
54Kana booddee Yesusin qabanii, fuudhanii adeeman, gara mana angafa lubootaattis geessan; Phexros immoo irraa fagaatee duukaa in adeema ture*. 55Yeroo jarreen oobdii keessatti ibidda bobeessanii walii wajjin taa'anitti, Phexrosis isaan gidduu taa'e. 56Inni gara ifaatti ba'ee teenyaan, intalli tokko ija itti baaftee, ?Namichi kunis isaa wajjin ture? jette. 57Inni garuu, ?Intalattii nana, anoo isa hin beeku? jedhee gane. 58Yeroo xinnoo booddee immoo namni kan biraa tokko isa argee, ?Atis immoo isaan keessaa tokko? ittiin jedhe; Phexros garuu, ?Ana miti, namicha nana? jedhe. 59Akka sa'aatii tokkoo booddees kan biraa tokko immoo cimsee, ?Dhuguma namichi kunis isaa wajjin ture, innoo nama Galiilaa ti? jedhe. 60Phexros garuu, ?Namicha nana, waan ati jettu kun iyyuu anaaf hin galu? jedhe; utuu inni kana dubbachaa jiruus indaanqoon in iyyite. 61Gooftaan yommus gara galee Phexrosin ilaale; Phexros dubbii gooftaa isa inni, ?Har'uma utuu indaanqoon hin iyyin si'a sadii na ganta? ittiin jedhee ture yaadatee*, 62gad ba'ee mararamee in boo'e.#54 22:33 61 22:34
Yesus Itti Ga'ifamuu Isaaf Reebamuu Isaa
(Mat 26:67-68; Mar 14:65)
63Warri Yesusin qabanii egaa turanis, isatti ga'isan, isa reebanis. 64Akkasumas ija isaa hidhanii, ?Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!? in jedhuun turan. 65Kana malees immoo arrabsoo garaa garaa baay'eedhaan isa in arrabsu turan.
Yesus Yaa'ii Duratti Dhi'aachuu Isaa
(Mat 26:59-66; Mar 14:55-64; Yoh 18:19-24)
66Yommuu bari'es maanguddoonni sabaa, luboonni warri angafoonni, barsiisonni seeraas walitti qabamnaan, Yesus yaa'ii isaanii duratti akka dhi'aatu godhan*. 67Isaanis, ?Ati Kristos isa abdachiifame yoo taate nutti himi!? ittiin jedhan. Inni garuu, ?Yoo ani isinitti hime iyyuu hin amantan*, 68yoo ani isin gaafadhes anaaf hin deebiftan; 69garuu ilmi namaa ammaa jalqabee, gara mirga Waaqayyoo isa hundumaa danda'uu taa'uuf jira? jedheen*. 70Hundumti isaanii, ?Egaa ati ilma Waaqayyoo ti moo ree?? jedhan; inni immoo, ?Isa ta'uu koo isin iyyuu in jettu? jedhe*. 71Kana irratti isaan, ?Nuyi ofii keenyaa afaan isaa irraa dhageenyeerra'o, dhugaa ba'uu kana irra caalu maal barbaachisa?? jedhan.#66 Mat 27:1; Mar 15:1 67 Yoh 3:12; 8:45; 10:24 69 Far 110:1; HoE 7:56 70 4:3-9; Mat 4:3
Trenutno izabrano:
WANGEELA LUQAAS 22: MacQul
Istaknuto
Podijeli
Kopiraj
Želiš li da tvoje istaknuto bude sačuvano na svim tvojim uređajima? Kreiraj nalog ili se prijavi
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: