1
Uumama 13:15
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Anis biyya ati argitu kana hunda bara baraan siʼii fi sanyii keetiif nan kenna.
Karşılaştır
Uumama 13:15 keşfedin
2
Uumama 13:14
Erga Loox isa biraa godaanee booddee WAAQAYYO Abraamiin akkana jedhe; “Iddoo amma jirtu kanaa ija kee ol fudhadhuutii gara kaabaa fi kibbaa, gara baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu ilaali.
Uumama 13:14 keşfedin
3
Uumama 13:16
Ani sanyii kee akkuma biyyoo lafaa nan baayʼisa; yoo namni biyyoo lafaa lakkaaʼuu dandaʼe, sanyiin kee akkasuma lakkaaʼamuu dandaʼa.
Uumama 13:16 keşfedin
4
Uumama 13:8
Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin.
Uumama 13:8 keşfedin
5
Uumama 13:18
Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa WAAQAYYOOF tolche.
Uumama 13:18 keşfedin
6
Uumama 13:10
Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu WAAQAYYOO akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu WAAQAYYO Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture.
Uumama 13:10 keşfedin
Ana Sayfa
Kutsal Kitap
Okuma Planları
Videolar